...

...

Dn Misganu Mulatu

Namatti gaarummaadhaan dhiyaadhu! Nama waan gaarii siif godheef hamaa hin deebisiniif! “Namarraa nyaatanii nama hin nyaatan!” kan jedhus yaadadhu! Hamaas hamaadhaan hin deebisin — gaarummaadhaan malee! (Maat.5:39). Isa lubbuu kee du’a oolche, ati immoo akka inni du’uuf boolla hin qotiniifi! (Faar.7:15; Fakk.26:27).

Fakkeenyaan gabbisuuf:

“Guyyaa tokko haati mucaa ishee wajjin utuu karaa dheeraa deemtuu mucaan ishee dheebuudhaan wargamtee waan deemuu dadhabeef gaaddisa muka tokkoo jala teessifte. Haala kanaan rakkachaa utuu jirtuu copha bishaanii muka isaan jala taa’an irraa lafatti gadi cophu argitee gammachuudhaan kaatee qodaa/meeshaa itti bishaan dhugan jala kaa’atte.

Yeroo cophi bishaan sanaa qodaa guutuuf jedhutti simbirroon tokko barrisaa dhuftee ariitiidhaan koochoo isheetiin dhangalaaftee deebite. Haati mucaa sunis mucaan ishee dheebuudhaan miidhamaa jirti waan taateef kaatee aariidhaan qodicha ammas copha sana jala keesse. Simbirroon sun ammas copha qeenfamaa jiru sana ariitiidhaan dhuftee gadi dhangalaaftee sokkite.

Amma egaa haati mucaa kun bishaan barbaaddus dhabaa waan jirtuuf ulee ittiin simbirroo kana dhooftee ajjeeftu qopheeffattee qodaa sana copha bishaanichaa jala keessee eeggatte. Yeroo sadaffaa bishaan sana simbirrottiin gadi naquu dhufnaan haati mucaa kun ulee sanaan dhooftee ajjeefte.

Du’a simbirroo sanaa booda garuu waan nama gaddisiisu tokkotu argame. Innis Jawween guddaan tokko muka isaan jala taa’aan irra ciisee achi gadi dafqaa/gororaa waan jiruuf haati mucaa copha mukaati jettee utuu hin beekin mucaa isheef qeensuu bartee naate.

Simbirroon duute sun immoo akka isheen dafqa/gorora jawwee sana mucaa ishee obaaftee hin ajjeefneef deddeebitee dhangalaasaa turte. Haati mucaa garuu gaarummaa simbirroon kun isheef goote yaadattee du’a simbirroo kanaatti baay’ee gaddite.”😭

Eeyyen; Gaarii namni siif yaadu hamaadhaan deebisuuf karaa hin barbaadin! Waan namni siif godhu hundumaa ija gaarummaatiin ilaali! Namni cina kee jiru nama boriif abdachiisaa wabii siif ta’uu danda’u ta’uu isaa amani malee ajjeesuuf yookiin ajjeesisuuf boolla inni keessatti awwaalamu hin qopheessiniif!

Wanti si harka hin jirree nama gara biraa harka jira; kan nama sana harkaa dhibe immoo si harka jira. Hariiroo jireenyaa keessatti wal fayyaduu (Mutual Benefit) dha malee isa tokko miidhuu miti. Kanaaf eenyuun yoo ta’e dhala namaa hundumaatti gatii guddaa kenni!

Dubbannaa keen namni akka si harkatti hin miidhamneef utuu hin dubbatin dursa waan dubbachuuf jettu filadhu! Namni yoo dhukkubsate mana yaalaa deemee qoricha fudhatee fayyuu danda’a; garuu sammuun isaa waan xiqqoon si harkatti miidhamnaan manni yaalaa itti geessanii fayyaa guutuu taasisan dhibuu waan danda’uuf, of eeggannoon dubbadhu! Arraba lafee hin qabneen lafee namaa hin cabsin!

Namni cina kee jiru siif simboodha — guyyaa rakkootti. Waan dụbbattu utuu itti hin yaadin hin dubbatin — namatu si harkatti miidhamaa! Waan beektuuf dubbatta utuu hin taane, waan dubbachuu barbaadde beekuu qabda! Wanti nuyi beeknu hundi wanta nuyi dubbannu ta’uu dhiisuu danda’a. Utuu hin dubbatin dursii itti yaadi! Dubbannaan keenya eenyummaa keenya ibsa. Namni dubbii isaa fakkaata. Yeroo dubbannus ta’e yeroo waan tokko hojjechuuf yaallu nama nu bira jiru giddu-galeessa godhachuu qabna! Namni haasaa arraba keenya irraa ba’uun gara du’aa dhaquun ittiin dogoggoruun gaarii miti. Utuu haasaa hin eegalin dursinee itti yaaduun gaarummaa guddaa qabaata.

“Daandii cuftee saree darba dhorkitee ciniinamuurra, daandii gadi dhiisiif saree sana yoo ajjeefte iyyuu madaa ciniinnaa ishee irraa fayyuu dadhabuu dandeessa; Godaannisi ciniinnaa sun garuu kan hin banne ta’uu qubaa qabaadhu!”

Namoonni tokko tokko uumama isaaniitiinuu waanuma dubbatan of hin beekan. Dubbii isaaniitiinis nama baay’ee akka ilkee Kanniisaatti hiddaa oolu. Warri akkasii kun warra namaaf iddoo kennuu hin dandeenyedha. Sammuu nama biraas akka sammuu isaaniitti ilaalu. Dadhabina isaaniitti tasumaa hin amanan. Yeroo dubbatanis namni biraan akka isaaniitti haasa’uu akka hin dandeenyetti tilmaamu. Arraba isaaniitiinis namoota hedduu miidhuun amala isaaniiti. Dhalli namaa kabaja waan barbaaduuf sammuu dhala namaaf eeggannoo gochuu yaali!

 Hiriyaa kee jaaladhu malee daandii inni ittiin gara du’aatti adeemu hin qopheessiniif! Namoonni baay’een miidhamni isaanii orma yookiin nama isaan hin beekne biratti utuu hin taane hiriyaa isaanii fi fira isaanii biratti miidhamu. “Naman jaaladhee akka sabbataatti mudhii kootti hidhadhetu as natti deebi’ee bofa ta’ee na hidde.” jedha beekaan tokko! Kun egaa rakkoo addunyaa har’aati.

Mammaaksi Oromoo “Raafuun fira fakkaattee midhaan nyaatti”; “Tusseen fira fakkaattee hudduu nama ciniinti.” kan jedhu sun dhimmuma kana kan ibsuudha. Ati garuu akka Raafuu fi Tussee hin ta’in!

“Akkaataa siif danda’ame hundumaan, bakka siif danda’ame hundumaatti, namoota dandeessu hundumaaf, hamma siif danda’ame hundumaatti, waan gaarii siif danda’amu hundumaa hojjedhu!” Haalli ati keessa jirtu gaarii akka ati hin yaadnee fi hin hojjenneef haala siif hin mijeessu yoo ta’e illee, ati yeroo hundumaa dhala namaatiif gaarii godhiitii gaarummaa barsiisi!

Xumureera; maxxansa koos fixadheera. Chaawo nagaan turaa!🙏

Report Page