...

...

Dn Misganu Mulatu

 “Waa’ee guyyaa sanaa fi sa’aatii sanaa Abbaa irraa kan hafe ergamoota samiis ta’e Ilmis kan beeku hin jiru” (Maat.24:36).

Sagalee caqasa (Ilmis hin beeku! (Maar.13:32, Maat.24:36)) jedhu kanarra jiru fudhachuudhaan warri waaqa hin beeknee (ahizaabonnii) fi warri gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosiin ni kadhata jedhan shakkitoonni akka waan Iyyesuus kiristoos homaa tokkoyyuu gochuu hin dandeenyee fi akka waan inni homaayyuu hin beekneetti ilaalu! Kanuma irraa ka’uunis jarri kun Iyyesuus kiristoos raajiidha, araarsaadha, ergamaadha malee waaqa miti jedhanii isa ganu! Nu haa baraaru!

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos erga mallattoo bara dhumaa dubbateen booda dhuma irratti waa’ee guyyaa sanaa gaafa dubbatu, “Waa’ee guyyaa sanaa fi sa’aatii sanaa Abbaa irraa kan hafe ergamoota samiis ta’e Ilmas yoo ta’e kan beeku hin jiru” jedhe. “Guyyaa fí sa’aatii sana” kan jedhame bara Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos lammata murtiidhaaf deebi’ee dhufudha. Garuu “Ilmas yoo ta’e” jechuun kan dubbate maal jechuu barbaadeetudha? Dhuguma Ilmi guyyaa itti lammata deebi’ee dhufu hin beekuu? Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa lammata itti dhufu sirriitti beeka. Sababni isaas Wangeela Maatewoos boqonnaa 24 lakkoofsa 1-36 irratti siriitti guyyaan sun maal akka fakkaatuu fi mallattoo bara sanaa kaa’eera. Kan Abbaan beeku hundaas inni beeka.

Mee jechi caqasa kana irratti dubbatame kun maalif akka dubbatame osoo hin ilaalin dura Iyyesuus kiristoos wanta darbe, wanta amma jiru, wanta gara fuulduraatti dhufu beekamoo hin beeku? kan jedhu haa ilaallu! Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos Waaqayyodha! Waaqayyo immoo waan inni wallaale tokkollee hin jiru! Inni waan hundumaa beeka! Mee caqasa isaa faana haa ilaallu!

“Ati waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii isaaniif dhaga’i, isaaniifis dhiisi! Ati hojjedhu! Si duwwaatu garaa namaa beeka, kanaafis adduma addaan akka hojii isaaniitti isaaniif deebisi!” (1Moot.8:39). Kutaa kana keessatti garaa nama kan beeku waaqayyo qofa ta’uu hubanna. “Iyyesuus garuu yaada isaanii beekee, ‘Maalif garaa keessan keessatti hamaa yaaddu?’” (Maat.9:4) jedheera. Kutaa kana keessatti immo Iyyesuus kiristoos osoo Yihuudoonni homaayyuu hin dubbatin wanta isaan yaadan gara isaanii keessatti beekuu isaa hubanna. “Iyyesuus immoo yaada isaanii beekee, ‘Biyya kam illee taanaan tokkummaan isaa yoo gargar cabe, mootummaan isaa dhaabatee hin turu’” (Maat.12:25). Caqasa kana irrattis Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos wanta fariisonni garaa isaanii keessatti yaadan beekuu isaa hubanna.

● “Iyyesuus garuu kana baree, ‘Yaa warra amantii hir’uu! Maaliif waa’ee buddeena dhabuu keessaniitti hiiktanii walii keessan gidduutti dudubbattu?’” (Maat.16:8).

Ammas Iyyesuus kiristoos wanta fariisonni dhoksanii walitti dubbachaa turan baruu isaa hubanna.

● “Iyyesuus garuu waan jarri garaatti yaadan beekee, namicha harki isaa naafate sanaan, ‘Ka’ii, as gara fuula duraa kottu!’ jennaan namichi ka’ee fuula dura dhaabate” (Luq.6:8).

● “Iyyesuus garuu yaada garaa isaanii beekee, mucaa tokko ofitti waamee, ofii isaa bira dhaabachiise” (Luq.9:46).

Caqasaawwan kana irrattis Iyyesuus kiristoos yaada garaa jarootaa beekuu isaa hubanna.

(Maat.17:27) irratti immoo Iyyesuus kiristoos wanta garaa qurxummii keessa jiru dursee beekuu isaa argina.

● (Luq.22:34) irrattis gooftaan keenya Pheexiroos dursee akka isa ganu waan beekeef, “osoo indaaqqoon hin iyyin si’a sadii na ganta” jedhee Pheexroositti dubbachuu isaa argina.

● (Yoh.1:48) “Naatenaa’el, ‘Eessatti na beekta?’ jedhee isa gaafate; Iyyesuus immoo deebisee, ‘Filiphos utuu si hin waamin muka harbuu jalattan si arge’ jedheen.” Asitti immoo Gooftaan keenya Naatenaa’el utuu hin waamaminiin dura kan isa beeku ta’uusaa agarra!

(Yoh.2:24) “Inni garuu namoota hundumaa gaarii godhee waan beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne.” Gooftaan keenya garaa nama hundumaa beeka!

● “Badhaadhummaa, ogummaa fi beekumsi hundinuu isa keessa dhokfamee jira” (Qol.2:3).

Kunoo wangeelli ragaa baha. Beekumsi hundi gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos keessaa dhokfamee jira. Waan hunda beeka inni, Wanta wallaale tokko illee hin qabu.

● “Ani Waaqayyo garaa namaa fi yaada namaa isa dhokataa qoree nan ilaala; nama hundumaafis akka akeeka isaatii fi akka ija hojii isaatiitti nan kennaaf” (Erm.17:10).

● “Inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta’uu isaa beekuuf jiru. Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira.” (Mul.2:23).

Egaa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos akkuma armaan olitti ilaala turre waan hundumaa kan beeku yaada garaa namaa dursee kan beekuu fi kan qoratu ta’uusaati. Kanaaf wanta inni wallaale tokkollee hin jiru! Maarree erga waan hundumaa kan beeku ta’ee maaliif “guyyicha hin beeku” jedhe? Deebii isaa bakka sadiitti qoodnee ilaalla!

1. Iyyesuus Kiristoos waaqa nama ta’ee fi nama waaqa ta’e waan ta’eef akkaataa bartee dubbii ilmaan namootaatiin jecha kana dubbate ykn akkaataa namaaf galuu danda’uun dubbate. Mee fakkeenyaan haa ilaallu

● (Uma.3:9) irratti Waaqayyo Addaamiin, “Yaa Addaam eessa jirta?” jedhee isa gaafate. Hubadhaa! Waaqayyo waaqa ta’ee osoo jiruu Addaamiin eessa akka inni jiru baruuf gaafateen. Kana jechuun egaa Waaqayyo bakka Addaam jiru wallaalee osoo hin taane akkaata bartee dubbiin ykn akkaataa namaaf galuu danda’uun dubbachuu isaati.

● (Uma.4:9) Waaqayyo yommus, “Abeel obboleessi kee eessa jira?” jedhee Qaayiliin gaafate. As irrattis Waaqayyo osoo Abeel maal akka ta’e jiru beekuu eessa jira jedhee akka waan hin beekneetti Qaayiliin gaafateera. Waan kana gaafateef egaa waaqayyoo homaa hin beeku jechuu dandeenyaare? Lakki! Gonkuma hin jennu.

● (Bau.4:2) Waaqayyo Museedhaan, “Maal inni harka kee keessaa?” jedheen; inni immoo, “Uleedha” jedhe. Waaqayyo utuuma wanti harka Musee keessa jiru maal akka ta’e beekuu “maal inni harka kee keessaa” jedhee isa gaafate! Ammas egaa waaqayyo wallaaleeti jennaare? Gonkumaa hin jennu kun bartee dubbiiti!

● (Yoh.5:6) irratti Iyyesuus kiristoos namicha waggaa 38 dhukkubsate ciisaa tureen, “fayyuu barbaaddaa?” jedhee gaafachuu isaa argina. Amma egaa Iyyesuus kiristoos dhukkubsatichi sun akka fayyuu barbaadu wallaaleet isa gaafateeree? Lakki! Inni hundaa ni beeka!

● (Yoh.21:16) Si’a lammaffaas Iyyesuus, “Simi’oon ilma Yoonaa, ana jaalattaaree?” jedheen. Kunoo asitti Iyyesuus kiristoos akka waan hin beekneetti irra deddeebi’ee “Na jaalattaaree?” jedhee Simi’ooniin gaafate. Kana jechuun egaa wallaalee gaafate jechuu miti.

Egaan caqasaawwaan kanaa olii irraa kan hubannu Waaqayyo osoo waan hundumaa beekuu akka waan hin beeknetti irra deddeebiin gaaffii gaafachaa turuu isaati. Sababni inni akkasitti gaafatuuf akkaa namaaf hubatamuuf jedheeti.

2. Gaaffii duuka bu’oota isaa irraa isaaf ka’aa ture dhaabuuf jedhee jecha kana dubbate.

Osoo guyyaan isaa kanadha jedhee guyyicha itti himeera ta’ee barattoonni isaa of dagatu ykn ni dhiphatu ture. Inni garuu kana hundaa waan beekuuf “guyyicha ani hin beeku” jedhee akka isaan callisan isaan taasiseera! Fakkeenyaaf, Osoo guyyichi ganaa fagoodha ykn ni tura jedheera ta’ee dhalli namaa hundi dhufaatiin gooftaa ganaadha jedhee of dagatee cubbuudhaan kufee galaana cubbuu keessa jiraata ture. Osoo dhiyoodha jedhee guyyicha himeera ta’ee immoo guyyichi baay’ee kan nama sodaachisu waan ta’eef dhalli namaa hundi yaaddoo, sodaa fi dhiphinaan qabamee dirqama isaa osoo hin bahatin darba ture. Sababa kanaaf jecha gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos “guyyaa isaa ani hin beekuutii yeroo hunda qophaa’aa na eegaa” jedhee mallattoo guyyichaa qofa dubbatee dhiise. Kanumarra ka’uun barattoonni isaas gaaffichaaf deebii ga’aa waan argataniif gaaffii isaanii kana dhaaban.

3. Guyyicha hojiidhaan kan hin beekne ta’uu isaa hubachiisuufidha.

Akkamitti yoo jenne, “Abbaan ofii isaatii homaattuu hin murteessu, murtii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee” (Yoh.5:22). Waaqayyo Abbaan murtii waaqayyo ilmaaf dabarsee kennuudhaan guyyicha beekee jira. Ilmi garuu murtii kana kan inni murteessu gaafa guyyichi ga’edha waan ta’eef hin beeku ittiin jedhe. Jecha kana yeroo ibsinu, Iccitii Sillaasee keessatti Abbaan qaamaan lapheedha, Ilmaa fi Afuura qulqulluuf laphee isaaniiti. Ilmi qaamaan jechadha, Abbaa fi Afuura qulqulluuf jecha isaaniiti. Afuurri qulqulluun qaamaan afuura qaama jireenyaa qabudha, Abbaa fi Ilmaaf afuura (jireenya) isaaniiti. Sillaaseen laphee abbaatiin yaadu, jecha ilmaatiin dubbatu, afuura afuura qulqulluutiin bara baraan jiraatu jechuudha.

Fakkeenyaaf namni tokko wanta yaade tokko laphee isaa keessatti qabata. Wanta laphee isaa keessa jiru sanas jechaan dubbata. Afuura isaatiin immoo jiraata. Garuu namni kun namuma tokkodha. Namni tokko waan tokko raawwachuuf yoo ka’e garuu wanta sana hamma raawwatutti laphee isaa keessatti qabatee, yoo dubbachuu dhiise namni sun wanta raawwachuuf jedhu sana hin beeku jechuu miti. Sababni isaa hamma guyyaan inni itti wanticha raawwatu sun ga’utti laphee isaa keessatti qabatee callise malee wanticha wallaalee callise miti. Kanaafuu gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis “Abbaa malee ilmiyyuu hin beeku” jechuun isaa “guyyicha laphee koo keessatti qabadheen jira, hin dubbadhuuf malee” jechuu isaati! Lapheen Abbaa akka ta’e armaan olitti ilaalleerra. Sababa maaliif dubbachu akka dhiise ammoo deebii lammaffaa jalatti “Osoo guyyichi ganaa fagoodha ykn ni tura jedheera ta’ee dhalli namaa hundi dhufaatiin gooftaa ganaadha jedhee of dagatee cubbuudhaan kufee galaana cubbuu keessa jiraata ture. Osoo dhiyoodha jedhee guyyicha himeera ta’ee immoo guyyichi baay’ee kan nama sodaachisu waan ta’eef dhalli namaa hundi yaaddoo, sodaa fi dhiphinaan qabamee dirqama isaa osoo hin bahatin darba ture” jennee ilaalleera.

Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos wanti inni wallaale tokko illee hin jiru. Inni Waaqayyo waan ta’eef waan hundumaa beeka! Iyyesuus kiristoos abbaa beekumsaa abbaa badhaadhinaa abbaa ogummaa ta’uusaa, “Badhaadhummaan, ogummaa fi beekumsi hundinuu isa keessa dhokfamee jira” (Qol.2:3).

Walumaa galatti Guyyaa dhufaatii Sana Addaamii fi ijoolleen isaa akkasumas ergamoonní samiillee hin beekanii jechuu isaati. Kitaaba Qulqulluu keessatti Addaamii fi ijoolleen isaa “Ilma” jedhamuun waamamaniiru (Luq.3:23-38).

✍️Dn Taarikuu Gammadaa

https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira

Report Page