*/
SourceBBC News Afaan Oromoo
Itoophiyaatti bu'aan qormaata kutaa 12ffaa har'a ykn boru ifa taha ********** Qormaatni kutaa 12ffaa sororfamee xumuramuu Ministirri Barnootaa Dr. Injinar Getaahun Makuriyaa ibsan. Anga'aan kun fuula Twitter isaanii gubbaa ergaa gabaabaa maxxansaniin, barattoonni bu'aa qormaata isaanii har'a ykn boru akka eeggatanis dhaaman. Kanaanis kanneen qoraman, qabxiisaanii karaa 8181n akka eeggatanis ergaa dabarsan. Ministirichi dabaluun, ''qormaatichi nagayaan xumuramuufi intarneetiin adda cituu dhabuun, milk'aaina qormaata kutaa 12ffaa baranaati,'' jechuun hojiin sororsuus torban lama keessatti xumuramuusaas ''milkaa'ina dabalataati'' jedhan.
Qormaanni biyyaalessaa Itoophiyaa kutaa 12ffaa A.L.I bara 2012 kennamuuf ture, sababa weerara koronaavaayirasiifi haala nageenyaa biyyattii keessa jiruun yeroo garaa garaatti darbaa ture.
Boodarras jalqaba ji'a kanaatti barattoonni qormaataaf taa'aniiru.Odeessaalee kaaniif bbcafaanoromoo.com
Suuraan Ministeera Barnoota
1 hour ago · Public · in Timeline PhotosView Full SizeShãmßël Tèshömè Kîñg and 219 others like this.ani ilaalladheera! 480
2 · 1 hour ago
Ani.akkaa.oromiyaati.rikardii cabsee. Jiraa.🥰👌👌👌😉
46 minutes ago
Carraa gaariin hawwaaf oromoota maraaf
1 hour ago
Ijollee oromiyaaf carra gaariin hawwaf galatooma.
1 hour ago
Tole 545 ilaladherraa anis
1 hour ago
Yoomittuu sororame??? Natti fakkaatu waan qaceellootti sororame!!!
1 hour ago
701 fideen riikardii cabse ilaalladheera
1 hour ago
Wwww.galatoomaa.
1 · 1 hour ago
Haaqan sorortaani jirruu
58 minutes ago
Too takka meeqakaa
32 minutes ago
View more comments…