...

...

Misganu Mulatu

1. Manni Kiristaanaa Ortodoksii yeroo maraa maaliif cuuphaa jirtiree erga cuuphaan tokko qofa ta’ee? (Efe.4:5).

Cuuphaan gosa sadiitu jira. Kunis kaayyoo addaa adda irratti hunda’uudhaan. Kunis:

1.   Cuuphaa mucummaa: Cuuphaan kun al tokko qofa kan kennamudha. Namni tokko dhalatee yoo dhiira ta’e guyyaa Afurtamatti, yoo durba ta’ee immoo guyya saddettammaffatti (80ffaatti) kan cuuphamuun mucummaa Sillaasee argatanidha. Kunis sababa tokko malee kan rawwatu miti. Mana-Kiristaanaa Orotodksii Tewaahidoo keessatti wanti tokko illee fakkeenya ykn kallattiin kan macaafa qulqulluu lallabdudha. Kakuu moofaa kakuu haaraadhaaf gaddisadha. Gaaddisni kun kakuu haaraadhaan ifa bahee ni mul’ata. Sababni guyyaa afurtammaffa (40ffaa) fi saddetamaffatti (80ffaatti) mucummaanis kan kakuu moofaa keessatti gaaddisaan (dhoksaadhaan) ture sun kakuu haaraa keessatti ifa bahee (qabatamaan) mul’ate. Gooftaan cuuphamees akka cuuphamnu nu taasise. Kiristoos jedhame, Kiristaanoota maqaa urja’aa fi kabajamaa karaa cuuphaasaan nuuf kenne.

Cuuphaan icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa kan ittiin argatan dha. Icciitii wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee (Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin argannuu fi warreen hin amanneef icciitii jedhama.

1.2. “Isin cuuphamuun duratti Musliima turtan jedhanii kan lallaban ni jiru kun sirriidhaa?”

Deebii: yeroo baay’ee gaaffiin kun warreen saba Muslimotaa irraa kan maddudha. Akka yaada isaaniitti “namni tokko yoo nama kiristaanaa tokkorraa dhalate, hanga cuuphamutti musliimadha” jedhu. Kuni gonkuma dogongora. Maaliif yoo jenne, cuuphaan adeemsa kiristaanonni yemmuu kiristaanummaa keessa jiraatan raawwatan keessaa tokko, kan jalqabaati jechuu dha malee, sana dura namni suni kan amantaa biraati yookan ‘kan Waaqaatii miti’ miti jechuu miti. Kan ragaa chaappaa ittiin argate Meerooniin mallatteeffame jechuu dha malee.  Waaqayyoo amantaa tokko qofa nama jalqabaa Addaamiif kenne. Waaqni waaqeffamus tokko qofa ture. Qulqulluun Phaawuloosis, “Amantiin tokko, Gooftaan tokko” kan jedheef kanafidha (Efe.4:5). Duuka bu’aan Gooftaa kan obboleessa jedhamee waamamaa ture, qulqulluu Yihuu daan akkana jedheera, “Amantaa tokkittii abbootiidhaaf kennamteef akka wareegamtaaniif, Isiniif barreessuuf dirqisiifameera” jedheera (Yih.1:3). Amantaan jalqaba turte kunis kan boodarra “Ortodoksii” jedhamte dha. “Orto” jechuun “sirrii” “Doksii” jechuun immoo “Kallattii (daandii)” jedhama.

Waaqayyo Addaam uumuun duratti, dacheen kunis osoo hin uumamiin duratti dacheen kun bishaan turte. Bishaanirras Hafuura Waaqayyootu ture. Gaar-tokkeen bishaaniis “Dachee” ta’e. Dachee kanarraa Addaam namni jalqabaa uumame. Kana jechuun Addaam cuuphameetu uumame jechuudha. Bishaan sana irra immoo Waaqayyo Hafuura irra bulche. (Uma.1:3). Har’aas cuuphamuun duratti Abbootiin kadhannaa kan bishaan irratti geggeessaniif Waaqayyo Hafuura akka irra bulchuufidha. Erga irra bulee ni cuuphamna.

Egaa Addaamis erga bishaanirra hafuurri Waaqayyoo bulee uumame, uumamuun isaa kun mucummaa Waaqayyoo cuuphadhaan fudhachuu (argachuu) isaa agarsiisa. Namni addunyaa kanarra jiru hunduu cuuphaa jalqabaa sana cuuphamneerra. Cuuphaa mucummaa Waaqayyoo jalqabaa sana sababa cubbuu Addaamiin dhabneerra. Jannata iddoo jireenya keenyaa irraas ari’amnee baaneerra. Mallattoo mucummaa waan ganneef. Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos garuu mucummaa keenya nuuf deebisuuf kakuu haaraa keessatti ofii isaatii cuuphamee, cuuphaa keenya eebbise.

Har’a warreen cuuphaa kakuu haaraa hin cuuphamne, achumaan bannee hafna kan jedhu fudhataanii malee, osoo mucummaan kaleessa nuuf kenname nurraa fudhatame sana lammaffaa ni arganna jennee lammaffaa cuuphamuun dirqama nutti ta’a. 

Sabni kakuu moofaa waadaa Waaqayyo abbootiidhaaf gale yaadatee akka Musee fa’a “Wadaa Abbootii keenyaaf galte ilaali nu ijoollee kee nu yaadadhu” jedhee kadhate ture (Bau.32:13-14). Sababa kanaaf “Duumessaan akka isaan cuuphaman taasise” (Bau.13:21-22, 1qor.10:1). Kanaaf kakuu moofaa keessatti illee cuuphaman jechuudha. Warreen cuuphaa kakuu haaraa hin cuuphamnu jedhan mucummaa nurraa fudhates, mootummaa isaas hin barbannuu jechuudha.

2.   Cuuphaa dhukkuba irraa fayyisu: Cuuphaan kun yeroo namootni dhukkuba foonii isaanii irraa akka fayyaniif kan cuuphamanidha. ((Hiz.36:25) “Ani bishaan qulqulluun isinitti facaasa isinis ni qulqullooftu!”)

3.   Cuuphaa qalbii jijjirannaa (gaabbii): Yohaannis Cuuphaan warri Yihuudotaa Gooftaa akka fudhataniif (itti amananiif) karaa haxaawaa kan ture yommuu ta’u yeroo kana cuuphaa kiristaanummaaf qopheessuuf yoo jedhu cuuphaa gaabbii ykn qalbii jijjiirrannaa isaan cuuphaa ture. Cuuphaan gaabbii kunis ilmummaa Waaqayyoo kan argamsiisu otoo hin ta’iin, yoo yeroo tsoomii waanta nyaachuun hin eeyyamamne nyaanne abbootni nutti facaasan (nu cuuphu) . Dabalataanis namni cubbuu hojjete abbaan gaabbii isaa qannoonaa isaaf kenne erga raawwatee booda ni cuuphama. Kunis Yohaanniis akkas jedhee waan dubbateefi, “Yohaannis biyya naannoo Yordaanos keessa deemee cuuphamaa, yaada garaa keessanii geeddarachuu keessan mul’isaa, Waaqayyos cubbuu keessan isiniif ni balleessa (ni dhiisa)” (Luq.3:3).

Manni-kiristaanaa keenyas namni tokko Waaqayyorraa fagaatee yoo gara Waaqayyootti deebi’u cuuphaa kana ni cuuphdi. Gooftaan yeroo cuuphu, Yohannis cuuphaanis saba cuupheera. Cuuphaan Yohaannis cuuphaa lammaffaa dhalachuu jechuu hin dandeenyu. Sababni isaas kan isaa cuuphaa gaabbii waan ta’eef.

2. Taabonni maaliif cuuphaadhaaf gara lagaa adeemaa?

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Taabota fakkaata! Taabonni muka hin ciqnee fi hin jijjiramne irraa hojjetame. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis cubbuun kan isheetti hin jirre (kan cubbuun ishee irra hin jirre), qulqulleettii durbee Maariyaam irraa foon ishee irraa foon, lubbuu ishee irraas lubbuu hirmaatee dhalachuun isaa “Taboota muka hin ciqnee fi hin jijjiramne irraa hojjetame” isa jechisiiseera. Gooftaan osoo adda ba’insa hin qabaatiin amala waaqummasaatiin foon namaa waan uffatee tokko ta’eef “Muka hin ciqnee fi hin jijjiramne” jedhameera.

“Taabota” jechuun “doonii” jechuudha. Haala kanaan immoo gooftaan keenya Taabota jedhameera. Malka’a Iyyesuus irratti barreessaan galatichaa “Yaa gooftaa koo Iyyesuus, fuula kee ifa aduu/biiftuu caalaa ifuuf galanni haa ta’u. Mul’anni ifti mataa keetii kan addeessaa waan caaluuf, yaa uumaa koo, yaa Kiristoos waadaa kakuu Taboota jireenya Nooh si’idhaa waan ta’eef; yeroo bishaan badii roobu, dinqa bobaa keetii keessa naa dhokfadhu (dhoksadhu)” jechuun dubbateera.

Gooftaan keenya doonii Noohitti fakkeeffamuun isaa, lubbuuwwaan bara Nooh keessa doonii hin seenne bishaan badiitiin waan du’aaniif, kan barumsa qulqulluu Nooh dhaga’anii gaabbii galuun doonii keessa galan jireenya akkuma argatan, kan yeroo ammaa kana waaqummaa gooftaa keenyaatti hin amannettis akkuma bara Nooh sana bishaan du’aa itti marseetu (duuti bara baraa itti marseetu jira). Duuti bara baraas itti murtaa’eera. Kan Waaqummaa isaatti amananii barumsa abbootii amantaa dhagaa’anii cubbuu raawwatan irraa deebi’anii gaabbii galuun foon isaa kabajamaa fi dhiiga isaa qulqulluu fudhatan jireenya bara baraa ni argatu. Warreen foon isaa kabajamaa hin nyaanne, dhiiga isaa qulqulluu hin dhugne, carraan isaan quunnamu yoo jiraate gara garba dheekkamsa abidda bara baraan boba’uutti darbatamanii ni kufu. Gooftaan keenyas “Kan natti amane jireenya bara baraa ni argata” jedheera. (Yoh.10:9).

 Abbaan keenya qulqulluun Efreem “Taabota muka hin ciqnee fi hin jijjiiramne irraa kan boocame, keessii fi alli isaa/bakkeen  isaa warqiin kan aguugame, osoo adda ba’insa hin qabaatiin nama kan ta’e jecha Waaqayyooti” jedheera (Galata Maariyaam Guyyaa Dilbataa). Akka ibsa jecha abbaa keenyaa kanatti “Maqaan ilmaa” “jecha” jedhame barreeffameera (Yoh.1:1).

Macaafa abbootii amantaarratti “Ilma erga ta’een booda masii, Iyyesuus, Taboota, angafaa warreen du’aanii, akkasumaas warren muganiiif ka’umsaaf angafa, hunda kan bitu, uumaa kan jedhamee fi maqaaleen biroo ittiin waamamu ni jiru. Kakuu moofaa keessatti osoo nama ta’ee gara addunyaa kanaatti hin dhufiin dura sabni addunyaa kakuu moofaa keessatti maqaa adda addaan waamaa turan, akkasumas erga foon namaa uffatee; kakuu haaraa keessatti nama ta’ee sabni isaa fi warreen biroo waamaa turan hunduu isaaf maallaqa dhuunfaasaa kan eenyu itti fayyadamuu hin dandeenyedha. “Yoomiyyuu inni isuma. Yeroon (baraan) kan jijjiramu miti” jechuun gooftaan akka taboota jedhamu barreessaniiru. Amantaa Abbootii Zaqerloos (Haymanote Abew) 81:8

Moggaasni taabota jedhu moggaasa waaqni erga nama ta’ee booda kennamedha. Fooniif “Jechi foon ta’e; nurras bule” jedhamee akkuma barreeffame waaqummaan fooniin tokko akka ta’e ibsuuf maqaan taabotaa/bultoo jedhu ni kennameef. (Yoh.1:14). “Bule” kan jedhu yemmuu hiiknu malee, “ta’e” kan jedhu foon amala waaqummaa wajjin tokko ta’u isaa yenna dubbannu kan itti qaanofnu miti. Sababni isaas amalli waaqummaa foonitti jijjiirame jechuun shakkitoonni ni dubbatu, ni barsiisus.  

Taabonni Gooftaa bakka waan bu’uufidha. Taabonni bakka Gooftaa, durboo Maariyaamii fi tokkoon tokkoon keenya kan bu’udha. Kanaaf guyyaa cuuphaa bakka Gooftaa bu’ee ni adeema. Kunis cuuphaa yaadachuudhaaf malee, Taabonni bishaan seene baha jechuu miti.

2.1. Maaliif Taabonni daandii gaafa laga cuuphaa bu’u sanarra gaafa galu irra adeemee hin galle?

Kun barumsa iccitiin barsiifamuufidha. Kunis kan agarsiisu, warreen mootolee baha fagoo Gooftaaf sagadanii deebi’an akka daandii sanarra hin deebine Ergamaan Waaqayyoo waan itti himeef, sabni akka qorumsa Kiristaanaa irra jiru, gara fuulduraas akka jiru akka hubataaniifidha.

✍️ B/saa Dn Guutaa Charuu (Msc, BTH)

Join

YaadGaaffiiBot

Report Page