@telegraph

@telegraph

Marsaa laguu kutaa lammaffaa

Garuu osoo marsaa laguu kana irraa hin qululla'in gara mana qulqullummaa itti dhihaachuu yookiin seenuu hin qabnu.wanti nuti hubaachuu qabnu qulqullummaa lubbuu dhabnee akkaa hin taane beekuun nurraa jiraa.Abbaan keenyaa qulqullichi Di'onaasihos paatiriyiki Iskinidiriyaa 13ffaa kan ta'an "shammarran yeroo marsaa abaaboo ji'a irraa jiraanin abaarsaa qabduu kan jedhuu yoo jiraate inni abaaramadha.garuu qulqullummaa keessaan egdaani guyyaa torbaaf ykn marsaa sana irraa ergaa qulqulloftani kabaja mana qulqullummaa seenuu qabduu" Gooftaa keenyaa iyyaasuus kiristoos qulquudhaa waan ta'ef waanti Isaa dhihaatuu illee qulquluu ta'u qabaa.qulqullummaa keenyaa siirriti eguu qabna.osoo hin qulqula'ani gara mana qulqullummaa seenuun hin barbaachisuu. "Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta'e isinis immoo qulqulloota ta'aa".s.Lew.19:2.kadhaana,soomaa sagadaa irraa fagachuu hin qabdan.kana qofa miti angoo lubuumaa kan qaban osoo namoonni qamnii isaani dhiigaa irraa jiruu yookiin marsaa laguu irraa jiruu kootaa mana qulqullummaa seenaa,fooni fi dhigaa gooftaa fudhaa rakkoo hin qabuu jedhaanii kan barsiisan yoo jiraatan lubuummaa isaanii irraa yaa sarbaamanii jedha. Fit.negasti keewwata 6:235.kana waan ta'eef yeroo kanatti foonifi dhiigaa gooftaa fudhaachuu,mana qulqullummaa seenuu dhorkadha.garuu kadhaana irraa addaa bahuu hin qabnuu.kanaaf kadhata sagadaa mana keenyaa keessati geesifachuun ni danda'ama.kanan wall qabate gaafiin tokko wangeelaa qulqullu matiyoos irraa kan jiruu in ka'a. "Kunoos gidduutti dubartiin waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkachaa turte tokko, dugda duubaan dhuftee, shaashara uffata Iyyaasuus tuqxe. Isheen garaa isheetti, "Uffatuma Iyyaasuus duwwaa yoon tuqe nan fayya" jettee yaaddee turte. 


Iyyaasuus immoo garagalee ishee argee, "Jabaadhu intala koo, amantiin kee si fayyiseera" jedheen; dubartittiinis si'uma sana fayyite.mat 9:20-22.Dubbartii dhiigni ishee waggaa kudhaa lamaa dhangala'ee ufaata gooftaa xuqxee fayyitee nutis yeroo abaaboo ji'a kun nurraa jiruu yookiin qaamni keenyaa yeroo dhangala'a jiruu gara mana qulqullummaa yoo seene rakkoo maalii qabaa kan jedhan hedhuutu jiraa.Asirraatii osoo gara deebii isaan hin dhaqin waanti hubaachuu qabnuu walalummaa keenyaa irraan kan ka'e yaa ta'u malee amanti ortoodooksii taawiyidoo keessati maal rakkoo qabaa kan jedhuu hin hojjetu.kana beekuu qabnaa.gara gaafiti yoo deebinu dubaarti tun uffata gooftaa qabdee kan fayyite marsaa laguu irraa jirtii osoo hin taane dhukkubaa guddadhan qabamtee waan turtef baay'ee dhiphaacha turte.yaa taatuti garuu uffataa gooftaa keenyaa fixee isaan qabdee akka fayyite kitaabni qulqullun ragaa baha.kanaafuu kan dubartii uffata gooftaa keenyaa qabdee dhukkubba ishee irraa fayyite akka marsaa laguuti yookiin abaaboo ji'ati ilaaluun sirri akka tanee hubaachuun nurraa egaama.Gabaabumati marsaa laguu osoo hin taanee kan ishee dhukkaa.kana irraa ka'un shammarran yookiin maatin kiristaana hundii keenyaa kadhanaa kadhaachuu,sagaaduu,soomuu dhisuu irraa osoo hin taane garuu mana qulqullummaa osoo hin seenin foonifi dhiigaa gooftaa osoo hin fudhaatin seeraa mana kiristaana egne jiraachuu nurraa jiraa.

walumaagalati yeroo marsaa laguu kana kitaaba kadhanna,xoofoo dhuguun,mana kiristaana dhaqani irraa fagatani seeraa qurbana daawachun,lubaa yeroo argaan fannoo dhugachun akka iyyamama ta'e abboonni ni barsiisuu.Garuu immoo mana kiristaana seenuu,fooniifi dhigaa gooftaa fudhaachun,iddoo tsabalaa deemne xamaqachuu akka hin qabne kitaabni qulqullun nuti hima.Seera manni kiristaana keenyaa nuti himtuu egnee,gorsaa abbootaa keenyaa dhageenyee jiraachuun waaqayyoo biraati fudhatama qaba.Nutis rakkoo hin qabuu eebbaa waaqayyoo qoodadha jenne osoo ofi hin qulqulleessin mana qulqullummmaa seenuun eebaa irraa caalaa du'aa bara baraa akkaa of irraa geenyuu beekuu qabna.kana irraa immoo waaqayyoo nu eeguu ameen.x umurameraa


Waaqayyoof

Haadhaa isaa qulqulleeti durboo maariyaamitif 

Ulfaataa faannoo isaatif galaannii hangaa bara baraa yaa ta'u ameen.


Fikadu Girma


Report Page