Jesus

Jesus


o sabni kun tokkummaa qabaachuu irra jira jedhe isa
sobaa lallaba. Waruma tokkummaa sabaa digantuu
tokkummaa tokkummaa jedhe faarsa. Warra akkasii
kanaaf tokkumaan dhugaa hin galeef. Sabni tokko
tokkummaa qaba jechuun rakkataan, beela’aan,
qabeenyaan walcaaluun, samichi hin jiru. Sabni Oromoo
maaliif tokkummaa dhabee yoo jedhamee, garaan,
qabeenyaan, qulqulluumaadhaan, iftoominaan, wal
kabajuudhaan, jaalalaan, nama hundumaa walqixxeetti
ilaaluudhan, haafuuraan tokko wan hin ta’iniif. Kanaaf
tokkummaa dhugaa ijaaruuf sagalee waqayyoo keessa isa
ergamoonni jiraatan sana gara hojiitti jijjiruun nuuf ta’a.
Biyya gargaraa keessatti tokko samaa, tokko beela’aa,
tokko du’aa tokko ajjeessaa, nama walcalchisaa,
ofitummaan guddaan gaggeefamaa wayee tokkummaa
biyyaa nu barbaachisa jechuudhan fakkeessu. Karaa
biraatiin afaan hundummaa baleessanii afaan tokko qofa
dubbachuun tokkummaa fidda jedhanii biyyi yaadan
waayeen tokkummaa hin galeef. Biyyaa akkasii keessatti
tokkummaan dhugaas hin turee, yoo haalli kun hin
jijjiramin tokkummaan dhugaan dhufuu hin danda’u.
Waaqayyo saba keenyaaf biyya keenyaaf tokkummaa
dhugaa kan nuuf ijaaru nama akka nuuf kaasu haa
kadhannu. Tokkummaa maatis ta’e kan waldaa jireenya
ergamoota irra baranne waliin haa eegannu. Gooftaa
Yesuus isa tokkummaaf kadhate, tokkummaa jaallatu nu
gargaar. Ameen!

Report Page