HT

HT


Bareessaan paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Dajanee Xaafaa har’a mana murtiitti dhiyaatanii guyyaan qorannoo dabalata poolisiin gaafate hayyamame.


Manni murtii dhimma isanii Kamisa, Adooleessa 30 bara 2012 A.L.Itti akka ilaalamu beellamee jira.


Obbo Dajanee Xaafaa har'a mana murtiitti kan dhiyaatan Adoolessa 20 qorannoo hin xumurre jechuun poolisiin guyyoota dabalata 14 gaafate bu'uura godhachuun akka ta'e Abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu BBC'tti himaniiru.


Yeroos qorannoo asharaaa hin xumurre, ragaa namaa fi barreeffamaa akkasumas meeshalee elektironiksii qulqulleessina jedhee ture poolisiin kan gaafate.


Poolisiin guyyaa har'aas sababuma wal fakkaataa dhiyeessuun guyyoota qorannoo dabalataa gaafachuu isaa kan himan Obbo Dajaneen, sababa walfakkaataa irra deddebiin dhiyaataa waan jiruuf guyyoonni dabalataa hayyamamuu akka hin qabne falmuu dubbatu.


Dabalataan mirgi wabii eegameefi dhimma isaanii alaa akka hordofan kan gaafatan yoo ta'u, manni murtii dhimma kanarrattis Adoolessa 30 deebii kennuuf beellamee akka jiru himu.


Waa'ee Fayyaa isaanii...


Obbo Dajanee Xaafaa koronaavaayirasiin irratti argameera shakkii jedhuun hospitaala Eekkaa Kotabee guyyoota saddeetiif erga turanii booda, Adoolessa 23 koronaavaayirasii irraa bilisa jedhamanii gara mana hidhaa duraan itti hidhamanii turanitti deebifamuu dubbatu abukaatoon isaanii.


Manni murtiis Adoolessa 20 dhaddacha ture irratti hospitaalli Eekkaa Kotabee Obbo Dajaneen koronaavaayirasiin qabamuu fi dhiisuu akka mirkaneessu ajaja kennee kan ture.


Hospitaalichi deebii barreeffamaan kenneen qorannoo koronaavaayirasii gochuun gahee isaa akka hin taane himuun, gaheen isaa namoota Inistiitiyuutii Fayyaa hawaasaan itti ergaman yaaluu qofa akka ta'e beeksiseera jedhu Obbo Dajaneen.


Obboo Dajanee Xaafaa mana murtiitti wayita dhiyaatan mallattoon dhibee irratti mul’atu akka hin jirre, hospitaalattis qoricha fudhatanii akka hin beeknee fi qorannoon kamuu akka hin taasifamneef dhaddacharratti dubbachu himu abukaatoon isaanii.


Manni murtiis itti gaafatamaan hospitaala Eekka Kotabee Adoolessa 30 qaamaan mana murtiitti dhiyaatanii, Obbo Dajaneen akkamiin hospitaalicha akka seenan, koronaan qabamaniiru moo hin qabamne, akkamiin ammoo guyyaa 8 keessatti bilisa jedhamanii akka bahan akka ibsan ajaja kenneera.


Obbo Dajanee erga hospitaalaa baafamanii booda mana barnootaa magaalaa Finfinnee naannoo Inqulaal Faabriikaa jedhamu jiru duraan hidhamanii turanitti deebifamuufi namoota 13 duraan waliin turanitti makamanii hidhamuun ammas fayyaa isaaniif yaaddessaa ta'uu waan iyyataniif manni murtii kophaatti akka hidhaman ajaja kennuus abukaatoon isaanii himaniiru.


Amma dura waajjirri Abbaa Alangaa Federaalaa Obbo Dajanee Xaafaa koronaavaayirasiin qabamuu isaanii mirkaneessee ture.


Reeffi artiist Haacaaluu Hundeessaa gara maatiitti akka hin deemne ittisuu fi gara magaala Finfinneetti akka deebi'u taasisuun jeequmsi akka ka'u taasistaniitu jedhamuun kan shakkaman Obbo Dajanee Xaafaa Adoolessa 30 mana murtiitti akka dhiyaatan beellamameera.



Report Page