HT

HT


Naannoo Tigraay Magaalaa Maqaleetti miseensonni humna addaafi milishoonni hidhatan hiriiraa waraanaa taasisaniiru.


Hiriiricharratti qaamoleen nageenyaa naanncihaa meeshaalee waraanaa salphaafi ciccimaa hidhatanii mul’ataniiru.

Hidhatoonni kunneenis daandiiwwan magaalattii keessatti, akkasumas isteediyeemii keessatti hidhatanii mul’ataniiru. Ta’us garuu kaayyoo hiriirichaa maal akka ta’e mootummaan naannoo Tigraay ifa hin goone.


Fuulaa Feesbuukii Biiroo Nageenyaa naannicharratti garuu ergaa, “gatii nagaadhaaf kaffalamu kamiif yoomillee qophiidha,” jedhu maxxanseera.


Itti dabalataanis “wabii nageenyaa ummata tokkoo humna keessaa malee deeggarsi humna alaa yoomillee eegduu ta’ee hin beeku,” jedheera.


Kaayyoon hiriirri waraanaa kanaa ifa ta’uu baatus, naannoon Tigraay dhiibbaa mootummaa Federaalaa irraa narra gahaa jira jedhuuf ofirraa dhorkuuf hojjataa jiraachuusaa irra deddeebiin ibsaa turuunsaa ni yaadatama.


Hariiroon mootummaa naannoo Tigraay fi mootummaa Federaalaa jidduu jiru yeroodhaa gara yerootti hammaataa dhufeera. Mootummoota lamaan jiddus waldhabdeen akka hin uumamneef sodaatu jira.


Haa ta'u malee MM Abiy Ahimad torbaaniin dura haala kana ilaalchisee gaaffiifi deebii midiyaa biiyya keessaa waliin taasisaniin “yaada Tigraayiin wal loluu qabdu?” jedhamanii gaaffii gaaffatamaniif “eenyutu eenyuun lola? Mootummaan Federaalaa maaliif naannoo Tigraay lola? Kun dubbii maraatummaati jechunsaanii ni yaadatama.

Mootummaan Federaalaa tasumaa ummata ofii loluuf fedhiifi yaadallee hin qabu,” jedhanii turan.

Mootummaan naannoo Tigaary garuu ammoo ibsa torbee darbe baaseen “gareen abbaa irree sab-daneessummaa hin leellifne ammatti aangoorra jiru; ummanniifi mootummaan Tigraay filannoo geggessa waan jedhe qofaaf ‘qophaa’eera; haadholiin haa boo’an; dhiigni dargaggootaa haa jigu; tajaajilli hawaasummaa ni jiga’ jechuun addabaabayyitti fokkoreera” jechuun mootummaa federaalaa himateera.


Dabalataanis ‘waggoota lamaan darbanitti ummata Tigraay irratti waraanni labsameera’ jedheera ibsicharratti.


Mootummaan Naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf Komishinii filannoo hundeeffatee namoota dhuunfaafi paartilee hirmaatan galmeesseera. Yeroo dhiyoottis guyyaa duulli filannoo gaggeeffamuu itti eegaluufi sagaleen itti kennamu akka himus beeksisee ture.


Yeroo naannichi qophiiwwan filannoo cimsee itti fufaa jirutti, Manni Maree Federeshinii Itoophiyaa ammoo xalayaa naannichaaf barreesseen filannoo gaggeessuuf qophii itti jiru hatattamaan akka dhaabuuf gaafatee ture.


Naannichi adeemsa ''Sirna heeraa balaarra buusuuf'' eegaleen kan itti fufu yoo ta'e, manni marichaa aangoo heera biyyaattiin kennameef, akkasumas seerota biroorratti hundaa'uun tarkaanfii akka fudhatullee beeksisuun isaa ni yaadatama.



Report Page