Google

Google


Google icciitii namoonni marsariitiirratti barbaadan haquu jalqabuufi

Google odeeffannoo fayyadamtoonni asiin dura interneetii irratti barbaadanii turan kan akka marsiitiiwwanii ni galmeessa ture. Inni kun immoo fayyadamtoonni akka qeeqa kaasanii sababa ta'eera.


Qeeqa fayyadamtootarraa kan ka'e dhaabbatichi adeemsa hoji-maataasaa jijjiiruuf waadaa galeera. Asiin dura marsariitiiwwan fayyadamtoonni mil'atan bakkaa fi kompiitara akkamiirraa akka fayyadamaa jiran dabalatee sa'aatii fi biyyi osoo hin hafin hafteesaa ni galmeessa ture dhaabbatichi.


Odeeffannoo 'YouTube' viidiyoowwan ilaalamanii fi sa'aatii meeqaaf akka ilaalaman fa'as kan galmeessaa ture Google, hojimaata haaraa kanatti garuu ji'oota 36 booda ni haqamu jedheera.


Madda galii beeksisaa kan ta'anis odeeffannoo fayyadamtootaa kanneeni. Ammatti garuu Guugili odeeffannoo fayyadamtootaa kunneen ji'oota 18 booda ofiisaaniitii akka wal haqaniif adeemsa hoji-maatasaa jijjiireera.


Guugili odeeffannoo fayyadamtoonni 'youTube' irratti barbaadan yeroo dheeraaf kan tursiise fedhii fi haala itti fayyadamaa fayyadamtootaa irratti hundaa'uudhaani. Kunis filannoo muuziqaa fayyadamtootaa kan isaaniif tolu dhiheessuuf akka isaa toluufi. Odeeffannoo fayyadamaa 'youTube' galmaa'ee yeroo dheeraaf yoo ture Guugili viidiyoowwan fayyadmtootaaf tolu akka affeeruufi isa gargaara.


Hoji-maanni haaraa kun fayyadamtoota teessoo Guugili haaraa banataniif qofa hojiirra kan oolfamu yoo ta'u fayyadamtoonni asiin dura teessoo Guugili, 'YouTube' yookiin 'Gmail' qaban seetiing isaanii akka jijjiiraniif yeroo dhihootti ergaan ni ergamaaf jedheera Guugili.


Dhaabbatichi takaanfii kana fudhachuuf kan isa dirqamasiise yeroo dhihoo asitti teeknooloojii fuula namaa eenyummaa fayyadamtootaa adda baafachuuf itti fayyadaman baay'achuusaaniirraa kan ka'e fayyadamtoonni mormiisaanii fi qeeqasaanii dhiheessan baay'ataa waan dhufaniifidha.

Report Page