GM

GM


Uggurri Geejibaa Oromiyaa keessatti waamame biyyoota oollaa keessatti hanqina kudraa fi jimaa dhaqabsiise


Wiixata kaleessaa lakkoofsii kokolaataa magaalaaa Dirree Dawaa seenanii fi ba'anii gad bu'aa akka turee fi gatiin Jimaa fi Kudraa dabaluun ibsamee jira.


Marsariitii hawaasaa irratti waamichii dhiyaatee Oromiyaa mara keessatti sochiin geejibaa Wiixata kaleessaa kaasee akka dhaabatuu gaafatee sun bulchiinsa naannoo Somaalee fi biyyoota ollaa kan akka Jabuutii fi Somaalii Laand keessatti hanqiina Jimaa fi Kudraa dhaqqabsisuu isaa VOA gabaasee jira.


Kunis daandileen cufamuu irraa otoo hin taanee kokolaataan Minii Baasii magaalotaa walitti dhiyeenya qaban gidduu deddebii'an sochii hanqisuun ta'uun ibsamee jira. Har'a garu sochiin foyya'an akka jiru ibsamee jira.


Harargee bahaa fi bulchiinsa naannoo Hararii keessa rakkoon uumamee akka hin jirre beekameera jedha oduu gabaasaan raadiyoo sagakee Amerikaa kun.

Report Page