bo

bo


BokkuMediaOctober 06, 2019

...Bishaan lagaa yeroo jalqaba madda isaatirraa maddu qulqulludha, garuu lagni tokko tokko xuraawaa/kosii adda addaa baatee yeroo deemu agarra. Bishaan akkanaa namaafis ta’e lubbu qabeeyyii birootiif faayidaa inni kennu hin jiraatu yookiin muraasa, inuumaayyuu dhukkuba adda addaatif sababa ta’a. Bishaan lagaa kun akka qulqullaa’uuf wal’aanun barbaachisaa ta’us, madda kosichaa irratti fala barbaadun garuu dirqama ta’a.

Dhalli namaa gaafa guyyaa dura dhalatu irraa kaasee dabaafi shiraan guutamee hin dhalatu. Kana mirkaneeffachuuf hojiilee daa’imman xixiqqoo akka fakkenyatti ilaaluu dandeenya. Ilaalchi Namoonni naannoo keenya jiraatan qabaniifi fi wantoonni naannoo keenyatti hojjataman ilaalcha nuti horannu irratti dhiibbaa fiduu akka danda’an wal nama hin gaafachisu. 

Akkuma biqiltuu yeroo guddisnu firii gaarii agachuuf bishaan gahaa fi qulqulluu obaasaa, wantoota biqilicha miidhan irraa eegnu san, ilaalcha gaariifi bu’a qabeessa ta’e qabaachuufis sammuun namaa waan sooratu (arguufi dhagahu) irratti of eegannoo cimaa gochuufi barbaada. (Keessattuu yaadni kun daa’imman dhaloota boruu ta’aniif baay’ee of eeggannoo godhamuufi akka qabu nutti agarsiisa. Gogaa jiidhatti maru akkuma jedhamu, daa’imman amala namummaa qabaatanii akka guddatan, seenaa dhugaa baranii akka ittiin boonan fi hojiilee kkf hojjachuun barbaachisaa ta’a). kanaaf, namoota yaada faallaa ykn dabaa qaban irraa fagaachuun barbaachisaa ta’ullee, namoonni akkasii kun beekanis yaa ta’u dogoggoraan ilaalcha qabatan kanaan ammas namoota biraa faalun isaanii waan ittuma fufuun isaa hin oolleef hanga danda’amaa ta’etti akka of sirreessan itti himuun nurraa eegama.

Bishaan lagaa kallattii tokkotti malee duubaaf fuulduratti yaa’uu hin danda’u. Jireenyi dhala namaatis akkasuma yeroo waliin gara fuulduraatti adeema malee duubatti deebi’uu hin danda’u. kanaafuu waan hunda dubbachuun dura xiinxaluu, murtii tokko murteessun dura irra deddeebisnee bu’aa fi miidha isaa wal bira qabuun barbaachisaadha. Sababni isaatis erga ta’ee booda duubatti deebisuun waan hin dada’amneefidha (Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan kan jedhamus kanumaafi)...

Bishaan Lagaa yaa’aa jiruu fuuldura isaatii wanti yaa’a isa dhorku yoo jiraatelle kara mirgaa yookin kara bitaasaatti yaa’a malee of duubatti (karaa dhufeetti) deebi’uu hin danda’u. Nutis jireenya keenya keessatti gufuun nu muudachuu yookiin dogoggora raawwachuu dandeenya ta’a. Yeroo kanatti rakkoowwan kanaaf ofirra dhaabannee tooftaa haaraa baasuu fi yaada furmaataa barbaadutu nurraa eegama. Iddoo tokko ciisnee/dhaabannee hafuun qofa bu’aa qabaachuu dhiisuu waan danda’uuf...

Bishaan karaa yaa’u dhabee ciise sun garuu yeroo walittii kuufamu duubaa humna dabalaa deemun isaa waan hin oollef diige bira darbuudhaan yaa’uusaa itti fufu danda’a. Namnis rakkoo isa muudate tokkoof suuta jedhee obsa godhatee, fuulduratti fageesse ilaaludhaaniifi sammuu bilchaateen yaadudhan yoo wanta jalqabe tokko ciminaa fi abdiidhan itti fufee qabsaa’e dhumaratti bakka yaade gahuun isaa waan hin oolleefi akka milkaa’u wal nama hin gaafachisu. 

Karaa biraatin Bishaan kun garuu gaafa achii humna qabuun wanta yaa’a dhorke sana keessaa diigee bahu waa lama uumamuu danda’a. Inni tokko bishaan walitti kuufame sun yeroo achii as bahuu humna waan qabaatuf wantoota bishaan sana duuba jiran irra miidhaa geesisuu danda’a. Inni lammaffaan immoo bishaan kun yeroo achii as bahee yaa’a jalqabu lubbu-qabeeyyii lafa gogaa jiran dheebsu baasuu, lafa naannoo saniillee misoomsuu fi faayidaa baay’ee qabaachuu danda’a.

Namootni tokko tokkos sababa adda addaatin yeroo dheeraadhaaf yeroo callisan, yeroo jijjiirama hin fidin yookin waan baay’ee irratti qooda hin fudhatin hafan waan humnaafi dandeettii hin qabne nutti fakkachuu danda’a. Namootni kunniin sababa lamaaf wanti akkasii isaaniratti muul’achuu danda’a. Inni tokkoffaan, yeroo dheera sanatti dabaafi shira adda addaa xaxaa turanii irree badii jabeefataa turan taanan faayidaa osoo hin taanee rakkoo, miidhaa, dararaa, fi kkf dhala namaatirra waan qaqqabsiisu hojjachuu danda’u.

Inni lammaffaan garuu yaada gaarii gabbifachaa, muuxannoo babbareeda horachaafi bilchina sammuu ofii dagaagsaa turanii as bahu taanan namoonni kunniin gadda gara gammachuu, rakkoodhaf furmaata fi wantoota badaa gara gaggaariitti jijiiruun dhala namaatif gumaachu jechuudha…

Horaa Bulaa 

only @Bokkumedia





Report Page