#BBC

#BBC


Intalli Ministira Muummee duraanii Itoophiyaa Obbo Mallas Zeenaawwii, Samahaal Mallas naannoo Tigiraay magaalaa Maqaleetti qabamtee akka hidhamte haati ishee Aadde Azeb Masfin BBCtti himan.

Aadde Azeb Masfin intalli isaanii Samahaal maaliif qabamtee akka hidhamte waan beekan akka hin jirre BBCtti himan.

Gara Maqalees kan deemte lolli naannichatti osoo hin jalqabiin dura akka tahe dubbatan.

Itti dabaluunis, Aadde Azeb intalli isaanii Samahaal kan gara Maqalee deemte kitaaba seenaa jireenya abbaashee Obbo Mallas Zeenaawii irratti bu'uureffatee bifa tiyaatitaraan qophaa'e eebbisiisuuf namoota hedduu waliin tahuu himan.

Samahaal ''ejjannoo siyaasaa kan mataashee qabachu dandeessi, garuu hoggansa paartii, ykn miseensa akkasumas deeggartuus hin turre kan jedhan Aaddee Azeeb, maaaliif akka hidhamte akka hin beeknedha BBCtti himan.

Samahaaliin alattis ilami jeneral Hayalom Arayaa kan waggoota 20 dura magaalaa Finfinneetti ajjeefaman, Biraanemasqal Hayalomis to'annoo jala oolus himameera.

Aadde Azeeb Masfin guyyoota muraasa dura intalli isaanii akka barbaadamaa jirtu dhagahuun Jimaata darbe gara Maqalee deemuuf jedhanii eeyyama akka dhabaniifi gaafa Dilbataa to'annoo jala ooluushee akka dhagahan BBCtti himan.

Intalli isaanii qaama kamiin akka to'atamteefi maaliif akka tahe qaama tokko tokko irraa baruuf gaafatanii deebii akka hin argannes Aadde Azeeb himaniiru.

BBC'n Samahaal maaliif akka to'annoo jala oolte baruuf pirees sekireteriyaalii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa, Awwal Sulxaaniifi Dubbii Himaa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeeyilaan Abdii gaafatus waa'ee hidhamuu ishee waan beekan akka hin qabne himan.

Samahaal Mallas mucaa hangafaa MM duraanii Itoophiyaa Obbo Mallas Zeenaawii fi Aadde Azeb Masfin yoo taatu, hanga du'a abbaa isheetti waa'eenshee hagas mara waan beekamu hin turre.

Obbo Mallas Itoophiyaa waggoota 27 oliif bulchaa kan ture AWDUI waggoota dheeraf kan gaggeessa yoo tahu, waggoota 20 oliif ministira muummee Itoophiyaa tahuun bulchaa turaniiru.

Samahaal shammarree ganna 32 yoo taatu, yeroo abbaan ishee bulchiinsa Mangistuu Haayilemaariyaam kuffiisuuf paartii isaa TPLF waliin qabsaa'aa turaniitti Sudaan magaalaa Kaartuum keessatti kan dhalatte.

Samahaal erga abbaan ishee du'een as waltajjiiwwan ministira muummee duraanii Obbo Mallas faarsanii fi waltajjii siyaasaa tokko tokko irratti darbite darbitee hirmaachurraa kan hafe sochii siyaasaa guddaa tahe taasiftee hin beektu.

Ka'umsi maal ture?

Lolli Nannoo Tigiraayitti humnoota TPLF irratti tarkaaniifi fudhachuuf Sadaasa 4, 2020 mootummaa federaalaa Itoophiyaatiin eegalee torban muraasaa dura magaalaa guddoo naannichaa to'annaa jala olchuunsaa ni yaadatama.

Erga sanaan boodas, sochii taasifameen qondaaltoota ol aanoon TPLF fi qondaalonni waraanaa gariin to'annoo jala kan oolan yoo tahu, kaan ammoo akka to'annoo jala oolaniif komishiniin poolisii federaalaa ajaja irratti baasee barbaaseera.

Mootummaan federaalaa tarkaanfii ol aantummaa seeraa kabachiisuu jedhu kan naannoo Tigiraayitti gaggeessaa tureen magaalaa Maqalee dabalatee bakkeewan hedduu to'annoo jala oolchera.

Haaluma kanaanis bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay, hojii isaa idilee eegaluu torban darbe keessa Kantiibaan Magaalaa Maqalee BBCtti himanii jiru.


Report Page