BBC

BBC


Mootummaan federaalaafi Naannoon Tigraay erga lola seenanii har'a Jimaata guyyaa sadaffaadha. Lolli erga eegalee booda magaalaa Maqaleefi magaalota naannichaa keessa tajaajilli ibsaafi geejjibaa adda citee ture eegaleera.


Tajaajilli elektirikii kaleessa Onkololeessa 26, 2013 kan deebi'e yoo ta'u har'a immoo tajaajilli geejjibaa eegalu gabaasaan BBC Maqalee jiru ibseera.

Tajaajilli eegaluus garuu konkolaattonni Maqaleerraa ka'un bakkeewwan gara garaatti imalan hunduu poolisii magaalattiirraa eeyyamni addaa isaan barbaachisa jedhameera.

MM Abiy humnoonni dhaaba naannicha bulchutti hidhata qaban raayyaa irratti haleellaa raawwatan erga jedhanii booda tajaajilli bilbilaafi intareetii adda citee ture ammas hin deebine.

Gaafa Kibxataa halkan keessa dhukaasni kan itti dhagahame Maqaleen tasgabbii qabaattus lola eegalamerraan kan ka'e hawaasni yaaddoo keessa jira jedheera gabaasaan BBC.

Guyyaa kaleessaa magaalaa Maqaleetti sagaleen xiyyaara waraanaa marsuu taajjabuu isaa kan himu gabaasaan BBC, sagalee xiyyaarichaan heddu rifachuufi sodaa keessa seenu himeera.

Guyyaa har'aa jiraattonni magaalichaa jireenya idilee isaanii duriitti waan deebi'an fakkaatu.

Baankileen magaalaa keessa jiran cufaa ta'anis jiraattonni kaleessarraa har'a magaalaa keessa socho'aa akka jiran taajjabuu ibse.

Dabalataanis, dhaabbileen daldalaa magaalaa Maqalee keessatti argaman tajaajila kennaa jiraachu arguu dubbateera.

Bakkeewwan naannichi Naannoo Amaaraa daangessurratti walitti bu'iinsi jiraachufi lolli itit fufuu pirezidantiin naannichaa Dr Dabratiyoon G/Mikaa'el guyyaa kaleessaa ibsaniiru.

Humni addaa Amaaraafi humnoonni nageenyaa federaalaa waliin ta'un humna addaa Tigraay loluu dubbatan.

Guyyaa har'aa magaalaa Maqalee keessa buufatoonni boba'aa tajaajila kennaa jiraatanis magaalatti keessa hanqinni benzinii jiraachuun ibsameera.

Haala baruufi barsiisu kan taajjabe gaazexessaan BBC, guyyoota itti aanan qormaata kutaa saddeeti barattoonni qoraman mana barumsaa Atse Yohaannisitti barumsarra jiraachuu hubateera.

Waldhibdee dura barumsa isaanii hordofaa kan turan barattoonni kutaa 12ffaa garuu barumsi isaanii adda citu odeeffannoon gabaasaan BBC argate mul'isa.

Waldhibdeen mootummaa federaalaafi Tigraay hammaataa dhufee torban kana keessa TPLF raayyaa ittisa biyyaa irratti haleellaa banuu MM Abiy Ahimad ibsaniiru. Kanaanis, raayyaan ofirraa qolachuuf ajaji darbuu ibsan.

Televijinii biyyaalessaarratti dhihaachun MM Abiy raayyaan komaand postiidhaan gaggeeffamaa ''ergama biyya baraaruu akka raawwatu ajajni kennameeraaf'' jedhan.

Naannoon Tigraay gama isaatin meeshaalee raayyaa ittisa biyyaa gama Kaaba biyyattii jiru gara caalu to'achuu isaa ibsuun waraana irratti banamu akka qolatu ibse.

Dhaabbileefi hoggantoonni garaa garaa rakkinichi nagaan akka furamu waamicha dhiheessaa jiru.


Report Page