#BBC

#BBC


Komishiniin Mirga namoomaa hidhamtoonni ‘haala gaariirra’ jiraachuu ibse

Komishinarichi Dr Daani’el Baqqalaafi ogeessonni komishinichaa hidhamtoota Qaallitti jiran kaleessa daawwatuu komishinichi ibseera. 

Daawwannan kuni hordoffii qabiinsa hidhamtootaa yoo ta’u kana durallee qondaaltonni komishinichaafi Abbaa Alangee hidhamtoota daawwataniiru.  

Guyyaa kaleessaa Obbo Baqqala Garbaa, Obbo Jawaar Mohaammad, Iskindir Naggaa, M/J Kinfa Daanyawiifi kaan achi jiran qaamaan dubbisuu ibse. 

Hogantoota mana amala sirreessichaas qofaatti dubbisuu himan.

Daawwannaa kaleessaan ‘akkaataan mana hidhaafi qabiinsi isaanii sadarkaa fudhatama qaburra’ akka jiru hubadheera jedheere ibsa komishinichi baasen.

Haa ta’u malee, hidhamtoonni muraasni dhimma bulchiinsa irratti komii kaasuu ibse.

Komiin kunis tajaajila fayyaafi dhiheessiin qorichaa saffisaan argamuu dhabuu, iyyannoon mana murtiitti himatamtoonni erguuf fedhan dafee ergamuu dhabuu, akkasumas yeroon daawwannaa maatii xiqqaatu fa’i kaasan jedhe.  

Gama kaaniin, iyyannoon hidhamtootaa gara caalu dhimmi isaanii saffisaafi haqaan akka ilaalamu akka ta’e ibsa ibsi kaleessa bahe.

Yeroon daawwannaa xiqqaate sababa weerara Covid-19’n ta’uufi kunis fooyya’aa akka deemu qondaaltonni mana amala sirreessaa ibsuu isaanii ibsicharratti eerameera.

Dabalataan, komishinichi bulchiinsi mana amala sirreessaa waliin mari’achun komii bulchiinsaa ka’an akkaataa furamuu danda’an irratti yaada furmaataa dhiheessuu isaallee ibse.

Jawaar Mohaammad fa'i ajjeechaa Hacaaluu booda hookkara ka'en walqabatee to'atamanii dhimma isaanii manni murtii ilaalaa jira. Himannaa irratti ka'u garuu isaan ni balaaleeffatu.

Report Page