Bbc

Bbc

GSI-ETH

Bitootessa bara 2020 keessa hidhattootni Huutii Yaman weerara Covid-19 akka sababaatti fayyadamuun godaantota Itoophiyaa hedduu ajjeesuun kumootaan kan lakkaawaman Kaaba Yaman keessaa ari’achuu Human Rights Watch beeksise.

Kanneen gara Daangaa Saa'udiitti baqatan hedduun ammas loltoota daangaa eeganiin ajjeefamuufi dhibbootni hafan gara gaarren naannoo daangaa jiraniitti baqachuulle ibse dhaabbatichi.

Dhaabbatachi godaantotni lubbuun oolan natti himan jedhee akka gabaasetti naannoo daangaatti guyyootaaf nyaataafi dhugaatii malee erga turanii booda aanga’ootni biyyattii biyyattii akka isaan seenan hayyamaniiruf.

Haa ta'u malee godaantotni kunniin bakka qulqullinni gahaan hin jirreefii mirgi isaanii sarbamu keessatti akka hidhaman ta’uus gabase.

Gabaasa dhaabbatichi baase keessatti shamarran walitti hedduummatanii kutaa baaxiin isaa dhimmisee lafa isaa bishaan ciisu keessatti hidhamanii jiru.

Nuu qaqqabaa jechuunis afaan Tigree fi Afaan Amaaraa fi Afaan Oromoon yoo iyyan dhagaahamu.

Warri dhiiraas akkasuma kutaa dhiphaa keessatti walitti hedduummatani, fuula isaaniirratti madaan adda addaa itti yaa'ee mul'atu.

Kunneen warra mana hidhaa bakka Jiizaan jedhamu jiran yoo ta'an, daa’imman dabalatee dhibbaan kan lakkaawaman ammallee naannoo daangaatti danqamanii jiraachuu hin oolanis jedheera.

Human Rights Watch keessatti qorattuu mirga godaantotaafi koolugaltootaa kan ta’an Naadiyaa Hardimaan, “Eejansiiwwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii balaa godaantota Itoophiyaa kana mudatee jiru atattamaan gidduu galuun baraaru, kanneen ajjeechaafi sarbama mirgaaf sababa ta’aniis gaafatamtoota gochuu qaba’’ jedhan.

Dhaabbatichi ji’a Waxabajjiifi Adoolessa keessa godaantota Itoophiyaa 19 ta’an akka dubbise ibseera.

Kanneen keessa 13 dhiira 4 ammoo dubartoota yoo ta’an ammaan tana tarii Itoophiyaatti deebifamaniiru ykn ammoo Saa'udii Arabiyaa jiruu jedha.

Ji’a Ebla keessa godaantotni dhaabbatichi dubbise hidhattootni Huutii huccuu loltootaa magariisa uffatan bakka godaantootni Itoophiyaa kumaan lakkaawaman itti qubatanii jiran al-Ghar jedhamu dhufanii marsuu himan.

Sana boodas konkolaataa piikaappii jedhamuun beekamanitti fe’anii gara daangaa Saawdii geessuun warreen baqachuuf jedhanitti dhukaasaa akka turanillee dubbatan.

Namoota ijaan argaa turan keessa dubartiin tokko loltootni Huutii “godaantotni kun Koronaavaayirasii qabu, sa’aatiiwwan muraasa keessatti al-Ghar gadhiisanii bahuu qabu jechaa turanii” jette.

“Ganama Ebla 16 sa’aa lama keessatti akka baanu nu nutti himan. Namni hedduun ni bahe. Ani garuu nan ture. Sa’aa lama booda rasaasaafi rookkeettii dhukaasuu eegalan-namootni lama ajjeefamuu argeera’’ jette.

Dubartiin lammii Itoophiyaa biroon garaatti baattuufi daa’imallee of biraa qabdu ammoo hidhattootni Huutii rookkeeta fayyadamanii naannicha qulqulleessaa turanii jette.

“Loltoota hedduutu ture. Konkolaataawwan 50 ol ta’aniin. Moortaara lafa kaahanii dhukaasaa turan. Namni hunduu baqachuuf fiigaa ture. Ani garee namoota 45 ta’an waliin baqachaan ture. Achi keessaa namootni 40 ta’an du’aniiru. Namoota shan qofatu miliquu dandeenye."

Namootni HRW dubbiseera jedhuun kun yeroo namootni ajjeefaman kan argan ykn ammo reeffa namoota du’anii kan argan ta’uu ibsa isaa keessatti barreesseera.

Haata’u malee lakkoofsa namoota ajjeefamanii lafa kaahuun ni cimaa jedhe.

Godaantotni al-Ghaaritti deebi’anni dahoon isaanii barbadaahee arguullee suuraalee saatalaayitti naannicharraa kaafamerraa hubachuu ibseera.

Ragaan godoowwan 300 barbadaahan ragaalee namootarraa argateen kan wal sime ta’uus ibseera.

Godaantota daangaa Saa'udiitti meetira dhibba tokkoofi lamaa itti dhaayatanitti ammo loltootni Saa'udii daangaa eegan Moortaaraafi rookkeeti itti dhukaasaa akka turan kanneen ijaan argan irraa odeeffadheeras jedha gabaasni HRW.

Kanneen gara gaarreen jalaatti baqatanii oolan ammoo kaampii waraanaa dhiyeenyatti argamutti geeffamaniiru jedha.

Akka dhaabbatichi jedhutti godaantotni inni dubbiseen saddeet tiksitootni daangaa Saa'udii maallaqa, huccuu qabatanii turaniifi waan qaban hunda irraa fudhataniiru.

Sana boodas dhiiraafi dubara adda baasuun guyyoota gidduutti gara manneen hidhaa Jizaaniifi Jiddaah jedhamutti dabarsaniiru.

Human Rights Watch, aanga’ootni Huutii naannoo al-Ghar’tti aanga’ootafi loltoota isaa ajjeechaa raawwatan, dirqiin godaantota ari’aniifi mirga isaanii sarban seeraan gaafachuu qabaa jedheera.

Mootummaan Saa'udii Arabiyaas qorannoo gaggeessee tiksitoota daangaa kanneen hoogganan fi kanneen godaantota Itoophiyaatti dhukaasan himaachuu qabaa jedheera.

Godaantota Itoophiyaa hidhuufi darararuu akka dhaabuufi daa’imman, haadholii ulfaafi kanneen hoosisan akka gadhiisu gaafateera.

Bakki godaantotni kun itti hidhamanillee atattamaan fooyya’uu qaba jedheera.

Ammallee dhibbaan kan lakkaawan manneen hidhaa Saawduu keessatti dararaa argaa jiru ykn daangaarratti dhumaa jiru kan jedhan aadde Naadiyaan, “Dhabbatni Gamtoomanii Saawdii fi Itoophiyaa waliin ta’uun kanneen hidhaa jiraniifi kanneen daangaarratti danqaman fedhaan biyyatti deebisuuf hojjechuu qabaa” jedhaniiru.

Report Page