BBC

BBC


Herreegni ykn akkaawontiin baankii maatii namoota siyaasaa fi gaazexeessitoota ajjeechaa Haacaaluu booda hidhamanii ugguramuu miseensonni maatii BBC'tti himan.

Wayita namoota jalaa hidhaman gaafachuuf mana hidhaatti deddeebi'an kanatti maallaqni baankii qaban akka hin sochoone jalaa ugguramuun rakkoo jajjabaaf isaan saaxilu dubbatu.

Haati warraa Obbo Baqqalaa Garbaa Aadde Haannaa Raggaasaa akkaawontiin baankii isaanii fi kan ijoollee isaanii lamaanuu ugguramuu BBC'tti himan. "Kan Baqqalaas, kan koos, kan ijoollee kootiis akka hin sochoone ugguranii jiru. Waanuma qabnu baasnee mana keessa akka hin fayyadamne nu taasisani."

"Amma ammaatti waanuma mana keessaa qabnuufi waan firoonni nu bira dhaabbataniin jirra," jedhu. Obbo Baqqalaa Garbaa amma dura yeroo lama wayita hidhamee turetti rakkoon akka kanaa nurra gahee hin beeku jedhu Aadde Haannaan.

Bifuma wal fakkaatuun akkaawontiin baankii gaazexeessaa OMN Mallasaa Dirribsaa fi kan haadha warraa isaa Taaddelech Margaa akka hin sochoone uggurameera.

"Kiraa manaa kafaluuf mallaqa baasuu gaafan deemu "baasuu hin dandeessu uggurame naan jedhan" jetti Aadde Taaddelech.

"Daa'imni akka beelaan dhumtu"

Magaala keessa lafa waan hunda bittee fayyadamtutti maallaqa malee jiraachuun akkamittiin danda'ama kan jettu Taaddelech, "rakkoo baay'eetu na mudate" jetti.

"Mana kiraa kafaluu hin dandeenye, daa'ima lama qabnu jiraachisuufis rakkoo guddaa keessan jira," jetti.

"Ani maalan balleesse?, warrumti achi jiruyyuu Mallasaanfaa shakkamtoota malee yakkamtoota hin jedhamne, kanuma isaaniituu cufuun akka miti" jetti. "Kiyyammoo nama maatii qabatee jiru akkaawontii irratti cufuu jechuun, daa'imni akka beelaan dhumtu jechuudha kun waan biraa miti, waan dabaati" jechuun haala keessa jirtu ibsiti.

Taaddelech barsiistuu oolmaa daa'immanii yoo taatu sababa koronaavaayirasiif barnootni waan hin jirreef miindaa ishee walakkaa qofaa argachaa jirti. Kan jalaa cufame qarshii kan irraa akkaawontii ishee kan Baankii Daldalaa Itoophiyaati. "Cufameera naan jedhan malee sababni kana kana naan hin jenne" jetti.

Manni murtii quba qabaa?

Garee abukaatoo namoota siyaasaa fi gaazexeessitoota hidhamaniif falmu keessaa tokko kan ta'an Obbo Ibsaa Gammadaa, "akkaawontiin baankii hidhamtootaa fi kan maatii isaanii akka ugguramu ajajni manni murtii kenne kan abukaatonni beekan hin jiru" jedhan.

Yeroo hedduu dhorkaawwan akkasii maatii fi abukaatonni osoo hin beekiin gaafatamuu himanii, "osoo nuti hin beekiin ajajni manni murtii kenne yoo jiraate hin beeknu" jedhan.

Yeroo barbaachisaa ta'etti ajaja herreega baankii ugguruu kan kennu mana murtiiti kan jedhan Obbo Ibsaan, ajaja mana murtii malee uggurame yoo ta'e adeemsa seeraan dogoggoradha jedhan. Dhimmi kun amma dura mana murtiitti dhaddacharratti akka hin kaanes himaniiru.

Dhimma hidhamtoota kanaa kan harkaa qabuu fi qorataa jiru poolisii federaalaa yoo ta'u, dubbi himaan poolisii federaalaa Obbo Jeeylaan Abdii dhimmichi akka isaan hin ilaallanne BBC'tti himan.

Qondaalli poolisii federaalaa dhimmichi isa ilaallata jedhame boqonnaarra akka jiru nutti hime. Waajjira Abbaa Alangaa Federaalaa irraa dhimma kanarratti deebii argachuuf yaalii goonee itti hin milkoofne.



Report Page