BBC

BBC

GSI-ETH

Obbo Araarsoo Biqilaa gaafatama garaa garaa irratti dhaaba ABO keessa waggaa 40 olif turuu dubbatu

Miseensonni Gumii Sabaa fi Koree Hojii Raawwachiistuu ABO guyyoota lamaaf wal gahii ariifachiisaa gaggeessuun dhimmoota waqtawaa irratti mari’achuun xumuruu himan.

Wal gahii ariifachiisaan kun kan barbaachiseef miseensonni isaanii baay’een maqaa ol aantummaa seeraa jedhu qofaan hidhamaa jiraachuufi yaaddoo siyaasaa biyyattii keessaa jiru akka ta'e Hayyuu Duree Itti Aanaan ABO Obbo Araarsoo Biqilaa BBC'tti himaniiru.

Dhaabni isaanii erga biyya galee maal argate kan jedhuufi maal dhabe kan jedhu wal gahii kanaan madaaluu himu Obbo Araarsoon.

Haa ta'u malee walgahichi beekamtii hayyu duree dhaabichaa malee kan gaggeeffameefi sirna dhaabichaas kan hin eegne ta'uu qondaalonni ABO kaan ni dubbatu.

Itti gaafatamaan waajjira muummee ABO Dr Gadaa Oljirraa walgahichi sirna kan hin eeggannee fi beekamtii hayyu dureen ala kan waamame ta'uu eeruun, namuu gara waajjiraa akka hin seenne dhorkanis gareen walgahii godhate humnoota nageenyaa mootummaan deeggaramanii gara waajjiraa seenuu miidiyaa ABOn hidhata qabu ONN'tti himaniiru.

Obbo Daawud Ibsaa dhimma yeroo irratti hoggansi mari’achuu akka qabu Itti aanaa isaanii Obbo Araarsoo waliin dubbachuu jalqabanii toorri bilbilaa isaanii akka jalaa cite dubbataniiru.

Garuu wal gahii guddaan ariifachiisaa tahe gaggeeffamuu quba akka hin qabne, tajaajilli bilbilaas waan addaan jalaa citeef oduu dhagahuurraa kan hafe wanti ibsameef akka hin jirre dubbataniiru.

Wal gahii gaggeessuuf baasiin garaagaraa waan jiruuf sun akka dhaabarraa baasii hin taane karaa faayinaansii mirkaneeffachuus himan.

Wal gahichi akka gaggeeffamu hayyu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa quba ni qabu jedhu Obbo Araarsoon.

"Wal gahicha akka gaggeessinu ni beeku, nuuf eeyyamanii ture garuu guutummaan akka waliin hin dubbanne tajaajilli bilbila isaanii addaan cite waan taheef argachuu hin dandeenye" jedhan.

Obbo Daawud Ibsaa 'nageenya keef eegumsa taasifna' jedhamuun manaa akka hin baanee dhorkamuu fi qunnamtiin bilbilaas irraa adda cituu himan Obbo Araarsoon.

‘’Nageenya keessaniif jedhamanii manaa hin bahiinaa jedhamuun manumatti ittisamuu malee maaliif akka tahe hin barre. Garuu bakka Hayyuu Dureen hin jirretti itti aanaan hojjechuu waan danda’uf wal gahicha gaggeessine. Kun seeruma keenya keessa jira. Wal gahichi kunoo haala akkanaan gaggeeffame jedhamee ammoo Hayyuu Dureetti ni beeksisafama’’ jedhan Obbo Araarsoo Biqilaa.

Wal gahicha humnoota nageenyaa mootummaan deeggaramee taasifamuu ilaalchisee yaada kennaniin 'labsii yeroo muddamaa jala jirra waan taheef dursinee mootummaatti beeksisuu qabna turre' jedhan Obbo Araarsoon.

Dabalataan qaamotni wal gahii keenya akka nagaan hin gaggeesineef jeequu barbaadan jiraachuu waan danda’aniif eegumsi akka barbaachisu nutti himanii dhufan jedhan.

Kun erga Haacaaluu Hundeessaa ajjeefameen as sodaama jiru irraa kan ka’e akka tahe himan.

Waajjirri Gullallee jiru sakatta’amuu ilaalchisees bakka shakkii qaban hedduu sakkatta’aa turan waan taheef ammas sakatta’uu barbaanna jedhaniima raawwatan jedhan Obbo Araarsoon.

Hayyuu Duree hoggansa irraa kaasuu waan jedhu wal gahii keenya keessa hin turre jedhu Obbo Araarsoo Biqilaa.

‘’Fonqolcha kan jedhan warruma olola dharaa oofan malee nuyi seeraanis aadaanis waan akkasii hin qabnu. Hoggana kan kaasus haaraa kan filatus nu osoo hin taane korri sabaa gaggeeffameeti. Hogganni keenya Obbo Daawud Ibsaati’’ jedhan.

Waan wal gahicha irratti wal tahaniifi mari’atanis HD dhaaba isaanii Obbo Daawud Ibsaaf akka gabaasa gochuuf jedhan himaniiru.

Akkamiin beekamtii faayinaansii dhaabichaa malee wal gahichi gaaggeefame gaaffii jedhus Obbo Araarsoon ‘’deeggarsa abbootii qabeenyaan gaggeessine, waan ariifachiisaa waan taheefi hoggansi keenyas wal irraa faffagaannee waan jiraannuuf mijataa hin turre" jedhu.

"Yeroo akkasii hogganaadhumatu wal gahicha gaggeessee waan faayinaansii argames, bahes gabaasa dhiyeessa’’ jedhan.

Oduun deeggarsa mootummaati jedhus dhara jedhanii 'yeroo rakkinaas tahe, yeroo dhaabni keenya dadhabu kan irratti hirkannee as geenye uummata keenya waan taheef ammas waan mootummaa irratti hirkannuuf hin qabnu' jedhan.

ABO’n miseensonni isaa fi hoggansi isaa godinaalee garaagaraa keessa jiran baay’een hidhamanii jiraachuufi haala keessa jiran illee baruuf rakkoo akka itti ta'e beeksisee ture.

Obbo Araarsoon namni yakka hojjete seeratti himatamee gaafatamuu qaba malee ol aantummaa seeraa kan jedhu qofaan miseensota hidhuun waan sirrii miti.

"Kanaaf qabsoo nagaa gaggeessaa jirra waan taheef mootummaa waliinis dubbanne miseensonni keenya hidhaman akkamiin akka gadhiifaman irrattis hojjechuu qabna jenneeti wal gahicha kan gaggeesine" jedhan.

Waardiyoonni ugguraman hidhaman oduun jedhus soba jedhan.

Wal gahicha irratti miseensota koree hojii raawwachiistuu torba keessaa nama afurii fi miseensota Gumii Sabaa namoota 40 keessaa 11 kan hin caale argamuu odeeffanneerra.

Report Page