BBC

BBC

GSI-ETH

Masriin marii Hidha Guddicha Abbayyaa ilaalchiisee Itoophiyaa, Suudaaniif ishee waliin gaggeeffamaa jiru irratti Manni Maree Nageenyaa Motummoota Gamtoomanii jaarsummaan akka galuuf gaafattee.

Marii boyyoota sadan jidduutti torban darbee kaasee karaa viidiyootiin gaggeefamaa ture irrattis dhimmoota teekniikaa hedduurratti waliigalteerra gahamuun barameera.

Haa ta'u malees dhimmoota hafan irratti waliigaltee irra gahuu hin dandeenye kan jettu Masriin, dhimmicha gara motummoota gamtoomaniitti geessite jirti.

Osoo Masriin dhimmicha gaara mana maree kanaatti hin geessiin duras, Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Obboo Gadduu Indaargaachoo adeemsi Masriin hordofaa jirtuu rakkina hiikuuf osoo hin taane kallattiiwwan garaa garaatiin Itoophiyaarratti dhiibbaa taasiisuu akka ta'e midiyaalee biyya keessatti himanii ture.

Itti dabaluunis, ''Gama tokkoon nu waliin mari'atu, gama biraatiin ammoo dhimmicha gara qaamoolee idil-addunyaa kan akka mana amree nageenyaa dhiyyeessuuf yaalii taasisaa jiru'' jechuun, ''miilasaanii tokko Niiw Yoorkii waajjira mana maree nageenyaa UN bira miilasaanii kan biraa ammoo mariicha keessa taasifachuun itti fufaniiru,'' jedhanii ture.

Ibsa Ministirri Haajaa Alaa Masrii baaseen akka jedheetti, ''Sadarkaa kana hundarra kan geenyee sababii eejjannoo sirrii hin taanee Itoophiyaan qabduun kan ka'ee mariin Hidha Guddicha Abbayyaa gufachuusaatiin,'' jechuun sababii ittiin dhimmicha gara mana maree nageenyaatti geessiteef ibseera.

Faallaa kanaatiin ammoo Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa dubbii guyyaa Kbixataa taasisaniin akka jedhaniitti, eejjannoo sirrii hin taanee Masriin qabatteen mariichi gara barbaadamuutti deemuu kan hin dandeenye ta'uu ibsee ture.

Kanaanis Masriin dhaadannoo 'fayyadamummaa seenaan hidhata qabu' jedhuun bishaan laga Abbayyaa gutuummaatti dhuunfaan fayyadamuuf fedhii akka qabdu dubbataniiru.

Mariicha irrattis Itoophiyaan haala adeemsa bishaan guuttu marsaa tokkooffaafi bishaan ittiin gadhiifamu akkasumas haala to'annoo irratti sanada kan dhiyyeessite ta'u Ministirri kun ibsuun, sanadicharratti mariin taasisuun bu'aa argamsiisuun ala Masriin adeemsa maricha diiguufi Itoophiyaa maqaa balleessuutti fufte jechuun himataniiru.

''Amalli marii kennanii fudhachuudha. Nuti garuu mari'ataa kan jirru garuu humnootii homaa kennuu kan hin barbaadne garuu hunda fudhachu barbaadan waliin.''

Hidhi Laga Abbayyaa Lixa biyyatiitti ijaaramaa jiruus guttummaatti kan hin xumuramne yoo ta'u, torbanoota dhufan muraasa keessatti bishaan jalqabaa guutamuu akka eegalamu Itoophiyaan beeksiisuunshee ni yaadatama.

Ji'ootaan duras haala hidhii kun itti bishaaniin guutamu, fi adeemsa itti aanu irratti Itoophiyaa, Suudaanfi Masrii jidduutti bakka Ameerikaafi Baankiin Addunyaa argamaniitti mariin taasifamaa turan bu'aa malee xumuramunsaa ni yaadatama.

Masriin Itoophiyaan baatii dhufaarraa kaasee hidhicha bishanii guutuu kan eegaltu ta'u erga beeksiiftee booda mariiwwan gaggeeffaman hundi osoo waliigalteerra hingahamiin dura bishaan guutuun akka hineegalamnee dhiibbaa taasisaa turte.

Haa ta'u malee Obbo Gadduun akka jedhaniitti, Masriin daandiiwwan adda addaa barbaaduun marichi akka adda cituu yaada qabaachu himan. ''Waliigaluudhaaf kan barbaadne nuuf kennaa jedhu. Yoo nuuf hinkenninee waliigaluu hindandeenyu jedhu. Kan barbaadnu huundi argamu malee walii hingallu jedhu. Waliigallu malee ammoo bishaan hinguuttan'' ejjanno jedhu akka qaban ibsanii ture.

Itoophiyaa ammoo ejjannoo bishaan laga Abbayyaa hundu haala walqixa ta'een itti haa fayyadamu jedhuun alatti biyyi gajjallaa kamiyyuu akka miidhamuuf fedhii hinqabduus jedhaniiru Obbo Gadduun.


Report Page