BBC

BBC

GSI-ETH

Jibba Sanyummaa: Poolisiin ajjeeffamuun alatti loogiin gurraachotarra gahu maal fa'i?

Raashiyaa keessatti namoonni sanyii adda addaa kumaatamaan laaka’aman ni jiraatu – namoota achitti dhalatanii sanyii makaa qabanii fi namoota Afriikaa fi biyyoota galaanaa Kaaribiyaan irraa garas hojiidhaaf yookiin barnootaaf deemu.an hedduutu jira.

Rooy Iboong dhalataa Koongoo ganna 21 yoo ta’u Yuunivarsiitii Naannoo Biryaansikitti ikoonoomiiksii barata.

Rooy taaksii fayyadamuu barbaadee turus konkolaachisaan garuu tajaajila isaa kennuu hin barbaanne. Konkolaachisaanis “Namni fe’u natti hin tolu taanaan, tajaajila hin kennuufi. Konkolaataan kiyya” jedheen.

Rooy akkas jedheen: “Nama sanyii biraa hin jaallattuu?” konkolaachisaanis, ”eeyye, hin jaalladhu” jedhee deebiseef.

Boodarra dhaabbanni tajaajila taaksi kennu Rooyin dhiifama gaafateera.

“Amala konkolaachisaa gaarii hin taane nutti himuu keetiif galatoomi. Taateen kun si mudachuusaatiif dhiifama,” jedhee barreesse bakka bu’aan tajaajila maamiltootaarratti hojjatu.

Konkolaachisaan sunis guyyama san hojiirraa akka dhoorkame gabaafameera.

Rooy waan isa mudate ‘Instagram’ irratti maxxansee ture. Namoonni muraasa isa deeggaranis isaan kaan immoo arrabsoo barreessanii maxxansaiiru.

Rooy boodarra akkaawuntiisaa cufeera. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa muraasni dhaabbatichi konkolaachisaa ari’uusaatiif qeeqaniiru. Kaan ammoo taaksi san fayyadamuu lagannaa taasisaniiru.

“Yeroo wayii kaaffee akka hin galle na godhan. Eegduun akkas jedhe, ‘Yeroo darbe Afriikaanonni dhufanii lolli waan tureef seenuu hin dandeettu’ naan jedhe.

"Sun anaan wal hin qabatu jennaanis na dhagahuu dide. Hogganaa waamnaanis seenuu akka hin dandeenye natti hime."

“Magaalaa Mooskoo fi Biryaansik jidduu garaagarummaa guddatu jira. Mooskoon biyya biraa fakkaatti. Achitti loogiin narra gahee hin beeku.”

Raashiyaa keessatti yeroo poolisiin nama gurraacha rukutu argee hin beeku jedha Rooy.

“Koongootti dhaladhee guddadhe. Eega Raashiyaa bara 2017 dhufe kan jibba sanyummaa arge. Yeroo ala baatu namoonni dhala namaati miti jedhanii si ilaalu.

“Mooskoo jiraadha. Yuunivarsiitii Seent Piitarsbaargitti baradhe. ‘Yuzhno-Sakhalinsk’tti dhaladhe.

Mana barnootaatti bifti gogaa kootii addaa waan ta’eef ijoollee biratti ilaalcha gaarii hin argadhu ture jetti.

Isaabeel ‘Yuzhno-Sakhalinsk’ irraa gara bakka daandiirratti namoonni ishee itti hin ilaalle deemtee jiraachuuf yaada qabdi.

Ishee fi abbaan ishee lammii Doominiikaan yeroo hedduu namoonni haala adda ta’een ilaaluuni.

“Yeroo namootni mana kireessan maqaa kiyya bilbilaan dhagahan kaffaltiiyyuu waan kaffallu itti hin fakkanne ture.

Qaamaan wal geenyee nama sirrii hojii qabduu fi manasaanii kuusaa qoricha sammuu nama adoochuu nama hin goone akka ta’e itti mul’ise.”

Haati Isaabeel odola Sakhalin irraa yoo ta’an abbaan ishee immoo Riippabilika Doominikaan irraati.

Abbaan ishee mana barnootaa jijjiirateeti kan gara Gamtaa Sooviyeet dhufe. Yeroo haati fi abbaan Isaabeel barattoota ta’anii wal fuudhan sanitti ilaalchi namootaa gaarii hin turre jetti.

Haati Isaabeel odola Sakhalin irraa yoo ta’an abbaan ishee immoo Riippabilika Doominikaan irraati.

Abbaan ishee mana barnootaa jijjiirateeti kan gara Gamtaa Sooviyeet dhufe. Yeroo haati fi abbaan Isaabeel barattoota ta’anii wal fuudhan sanitti ilaalchi namootaa gaarii hin turre jetti.

Haati tiyya qocollaan irra gaha ture. Ati “diina namootaati” jedhanii ture jetti Isaabeel.

Yuunivarsiitii keessatti qabxii ol’aanaa qabaattus qabxii gadi aanaa kennuuf ture. Guyyaa obboleessa kiyya deettu san qormaata qabdi ture."

Yuunivarsiitichi guyyaa qormaataa jijjiiruufis dide. Qorannoo ishee akka dhiheessituuf hayyama hin kennineef ture.”

Mooskoo keessatti jibbaan sanyummaa narra gaheera. Yeroo tokko tokko namonni shakkiin na ilaalu. Geejjibarratti na bira taa’aniiru yoo ta’e bakka jijjiiratu fa’a.

Yeroo barata sadarkaa tokkoffaa fi jiddu galeessaa ture sanitti jibbi sanyummaa narra gaha ture. Barattoota qofaan miti maatiinis akka isaan jibba sanyummaa qabatan godhu.

Yeroo haati tiyya sagantaa maatiirratti argamtee waan ijoolleen biroo naan jedhan qeeqxu akkas jedhuuni: ‘Isa dahuun kee rakkoo keeti. Boodarra mana barnootaa ilaalchi ijoollee fi maatii gaarii ta’etti jijjiirame.

Yeroo ijoollee ture sanitti mana barnootaa deemuu yeroon jibbutu ture. Amma garuu hagas hunda na hin aarsu. Ta’us garuu taateen akkasii ammas ni jira.

Kamiilaan dhalattuu Naayijeeriyaa fi Raashiyaati. Magaalaa Istaarii Oskoolitti guddatte. Achitti namoonni sanyii biroo heddu hin jiran ture.

“Mana barnootaatti ijoollee daa’imummaarraa waliin baranne waan turaniif hagas hunda jibbi sanyummaa narra hin gahu ture. Ta’us garuu ijoolleen kutaa biroo maqaa adda addaatiin na waamu turan. Na arrabsu turanis.

“Kilabiif taphachuudhaaf ganna 12’tti kan gara Mooskoo dhufe. Yeroo tokko tokko gaaffiiwwan akka, ‘Afriikaarraa dhuftee moo maali? naan jedhu."

Yeroo baay’ee deebii nama kolfisiisu deebiseefii bira darba.

“Kilaboonni kubbaa kaachoo dubartoota gurrachaa waan qabaniif jibbi sanyummaa hagas mara miti. Garuu yeroo Raashiyaadhaaf taphattu: Dhugatti lammii Raashiyaatii? Jedhanii fa’a gaafatu.

Namootatti yeroo dubartiin gurraattiin Raashiyaadhaaf taphattu baacoo itti fakkattaata.”

Aleenaan dhalattuu Raashiyaa fi Sudaaniiti. Mooskootti dhalatte. Jireenyashee guutuu adda akka taateetti yaaddi.

“Yeroo hunda kan nama aarsu miti. Haala jirurratti hundaa’a. Yeroo kaan “gurraattii” jedhama. Yeroon namoonni ‘chookoleetii' jedhanii na waamanis jira.”

Aleenaan rakkoon sanyummaa Raashiyaa jiruu fi USA jiru adda akka ta’e amanti.

“Jibbi sanyummaa asii baay’ee gurroochotarratti kan xiyyeefate miti, irra caalaasaa riipaabilikaanota Sooviyeet asiin duraarratti malee.

Hawaasa Raashiyaatu hamma ammaatti hin damaqne ta’a jettee yaaddi.

Report Page