BBC

BBC


Qorichi vaayrasii koroonaa lubbuu baraaruu danda’u argame.


Qorichi baay'ee rakasa ta'eefi salphaatti argamuu danda'u 'dexamethasone' jedhamu dhukkubsattoota Covid-19 haala yaaddessaa keessa jiran lubbuu baraaruu danda'a.

Lola vaayirasii koroonaa waliin addunyaan itti jirtu keessatti argannoon kun boqonnaa haaraadha jedhan ogeeyyiin Yuunayitid Kingidaam.

Carraa du'aa dhukkubsattoota meeshaa ittiin harganan ykn veentileetarii jala jiran harka tokko sadaffaan, kanneen oksijiinii jala jiran ammoo carraa du'aa isaanii harka tokko shanaffaan xiqqeessa jedhame. Qorichi kun qaama sagantaa yaalii qorichooti duraan turan koronaavaayirasiif dalaguun isaanii yaalamaa jiruuti.

Qorichi kun osoo akkuma weerarri vaayrasichaa mudateen hojiirra ooluu eegalee silaa Yuunayitid Kingidaam keessatti qofa lubbuu nama 5000 baraaruun ni danda'ama ture jedhu qorattoonni. Qorichichi rakasa waan ta'eef biyyoota hiyyeeyyii vaayrasichaan wal'aansoo jabaatti jiran haalaan gargaaruu danda'as jedhame.

Dhukkubsattoota Covid-19 20 keessaa 19 osoo gara hospitaalaa hin deemiin wayyaa'u. Kanneen hospitaala dhaqanis irra hedduun ni wayyaa'u. Kaan garuu ooksijinii ykn ammoo meeshaa ittiin harganan (ventileetarii) barbaadu. Qorichi 'dexamethasone' jedhamu kun kan daran gargaaru warra akkanaati.


Qorichichi rakkoo fayyaa wayita qaamni namaa wantoota vaayirasichaan lolan maddisiisu uumamuu maluu hambisa jedhame. Deebiin humnaa olii qaamni namaa vaayirasicha loluuf jecha kennu 'cytokine' jedhamu lubbuu galaafachuu danda'a.


Yaalii ogeeyyiin yuunivarsitii Oksifoord taasisaniin, dhukkubsattoonni 2000 ol ciisanii yaalamaa jiran qoricha kana kan fudhatan, kanneen qorichicha hin fudhatiin 4000 waliin madaalamaniiru.

Dhukkubsattoota veentileetarii jala jiraniif carraa du'aa dhibbeentaa 40 irraa gara 28'tti, kanneen ooksijiiniin hafuura baafataniif ammoo dhibbeentaa 25 irraa gara 20 gadi buuse. Dursaan qorattootaa pirofeesar Piitar Hoorbii akka jedhetti, "amma yoonaa qorichi du'a Covid-19 haalaan xiqqeessuu danda'e kana qofa."

Kuni argannoo guddaadha jedha pirofeesar Piitar. Dhukkubsattoota ventileetara isaan barbaachisu 8 keessaa tokko lubbuu baraaruun akka danda'amu agarsiisa jedhan qorataan biraa pirofeesar Maartiin Laandirii. "Faayidaa ifatti mul'atu qaba. Namni guyyaa 10'f qoricha kanaan yaalame paawondii 5 (Birrii 200 ta'u) qofa kafala. Kuni qoricha guutuu addunyaatti argamudha."


Hospitaalonni yeroo barbaachisaa ta'e dhukkubsattootaaf haa kennan, namni kaan garuu ofumaa bahee bitatee manatti ittiin galuu hin qabu jedha pirofeesar Maartiin.

Qorichi kun namoota mallattoo sasalphaa qaban, kan rakkoo harganuu hin qabaanneef bu'aa hin qabus jedhu.


Qorannoon qorichoota duraan turan irratti traasifamuu kan eegale Bitootessa keessa ture. Yeroos bu'aa gaarii agarsiise kan jedhan qorichi busaa haayidiroksiikiloorookiin amma dhorkamee jira. Qorichi biraan abdii qaba jedhame kan remdesivir jedhamu akka dhukkubsattoonni dafanii dandamatan gargaaru ammallee faayidaarra oolaa jira.


Maddi:BBC

Report Page