BBC

BBC


Dokumantariin OBS fi OMN irratti darbe eenyummaa Obbo Dinquu waan hin ibsineef kan WALTA kuni akka hojjetamu ta'e, Bulchaa Godinaa.


Riizoortiin Soodaree akkamitti cufame?

Riizoortiin Sodaree sababa waldhabdee Mootummaa, hawaasa Naannoo fi Rizoorticha gidduu jiruun erga cufamee baatiin sadi lakkaahameera.

Gorsaa seeraa Obbo Dinquu Dayyaasii fi Abukaatoon dhaabbilee isaanii Obbo Gammachuu Guutamaa Rizoortiin Soodaree akeekkachiisaa fi halduree tokkoon alatti qaama mootummaa cufuufillee aangoo hin qabneen akka cufamu ta'e jechun himatu.

"Riizoortiin kuni hoteela guddaadha qabeenya hedduutu nyaataaf kuusaa keessaa qaba. Qabeenyi hedduun kan yeroo gabaabaa keessatti kan badudha. Akeekkachiisa tokkoon alatti waajjirri daldalaa aanaa Adaamaa saamsee deeme" jedhan.

Bulchiinsi Godina Shawaa bahaa ammoo Rizoortiin Soodaree sababa qonnaan bultoota naannoo humnaan buqqisee fi galii mootummaan argachuu malu dhabsiiseef akka cufamu murtaa'e jedha.

Bulchaan Godinichaa Obbo Halakaa Simbirruu dhaabbanni Sodaree cufamuudhaan dura kaffaltii irraa eegamu akka kaffaluuf xalayaadhaan beeksifamaa turus raawwachuu waan dideef cufame jechuun himan.

"Abbaa qabeenyaa keenya jajjabeessuu qabna dafnee tarkaanfiitti hin gallu jennee obsaa turre. Dhaabbatichi garuu harkifannaa keessaa bahu hin dandeenye. Kanaaf akka cufamu ta'e" jechuun himan.

Waajjirri Galiiwwanii Aaanaa Adaamaa Riizoortiin Soodaree kuni gibiraa fi taaksii irraa eegamu waggootaaf kan hin kanfalin ture hanga miiliyoona 100 fi miiliyoona 56 ta'u akka irraa qabu ibsee ture.

Dhaabbantichi garuu erga hundaa'erraa taaksii irraa eegamu kafalaa turuu fi hamma irraa eegamu hin kanfalle taanaan ammoo dadhabina waajjira galiiwwanii yoo ta'e malee seeraan gaafatee kanfalchiisuu inuma dandaha ture jedhan Obbo Gammachuun.

Komii qonnaan Bultootaa

Obbo Tufaa Badhaadhaa Qonnaan bultoota qabiyyee kiyyatti Rizoortiin Soodaree balateera jedhanii komatan keessaayi.

Lafa amma Riizoortiin Soodaree itti babal'ifannaa hojjechuu jalqabe kanarratti ragaa abbaa qabiyyummaa lafaa akka qabanii fi itti fayyadamaa turuus eeran.

"Lafa kana mootummaa Dargii keessa hirmaatan maatii keenyaaf kan kennamedha. Lafti kuni gara caalaan isaa lafa jal'isiiti.Erga riizoortiin kuni dhuunfaatti gurguramee amma marsaa sadaffaa lafti keenya dhiibamaa jira" jedhu.

Obbo Aabbuu Botee fi Aadde Loomii Roobalees lafa kana osoo nun amansiisin bifa humnaan deeggarameen nurraa fudhatamee gara qaama seeraatti iyyachaa turre jedhu.

"Lafti kuni bara dargiituu kan abbaa kiyyaa ture. Daangaa Soodareetiin ala. Garuu abbaan qabeenyaa kuni namoota kaan qarshiidhaan goyyomsuudhaan daangaa isaa keessa waan jirtaniif gadhiisaa bahaa jedhamnee doorsifamaa turre.nutimmoo lubbuu keenya irratti dhabna malee jennee didne" jedha Aabbuun.

Obbo Dinquun Qaamaan qonnaan bultoota kanneen bira deemuun mariisisuu fi beenyaa mootummaan kanfaluun qixa akka nuuf kanfalan nutti himanis wayita kanfaltiin raawwatamu garuu hamma jedhameen gadi nuuf kennanis jedhu.

Qonnaan bultoonni kunneen Lafa jal'isiitiif beenyaan abbaan qabeenyaa kuni nan kenna jedhe bu'aa lafa kanarraa argannuun waan wal hin gitneef iyyachuuf dirqamne jedhan.

"Abbaan qabeenyaa kuni lafa jal'isii ittiin maatii keenya jiraachifnu kana gatii madaalaawaa ta'ee fi karaa seera mootummaa eegeen yoo nuuf kanfalan misooma hin jibbinu. Kan nuti didaa jirru waan humnaan deemamuu fi faayidaa keenya miidhaa jirudha" jedhan.

Qabiyyeen Soodaree hagam ture?

Riizoortiin Soodaree yeroo dhaabbilee misooma Moootummaa irraa gara dhuunfaatti darbu qabiyyeensaa hagam ture, kan jedhu gaafachuuf qaamaan waajjira lafaa Aaanaa Adaamaa wayita deemnee gaafanne waajjiricha ragaa lafa kanaa akka hin qabne nutti hime.

Bulchaan Godina Sahwaa bahaa Obbo Halakaa Simbirruu, Riizoortiin Soodaree wayita gara nama dhuunfaatti gurguramu ragaa guutuun qabiyyeen isaa haga kana jedhu qulqullaa'ee waan hin ibsamneef rakkinichi achirraa kan jalqabudha jedhu.

"Yeroo rizoortiin kuni gurguramu qabatamaatti kan lafarra jiru maali jedhamee osoo hin ilaalamin caldhifamee gurgurame. Seenuma gaafa jalqaba hundaa'etiin darbe. Dhugaan lafarra jirummoo sanirraa adda.ka'umsi rakkoo kanaa asiiyi"jedhan.

Qabiyyeen lafa Soodaree hangana kan jedhu bulchiinsi lafaas ta'ee bulchiinsi Godina Shawaa bahaa ragaa qabatamaa akka of harkaa hin qabnes himan.

Ta'us waggoota soddomaa fi Afurtma darbe kanatti qonnaan bulaan itti fayyadamaa turee fi ragaa abbaa qabiyyummaa qabu jiraachuu nibeekna jedhu Obbo Halakaan.

Yeroo ammaattis dhaabbata kana ilaalchisee aanaadhaa hanga biiroo Invastimantii Oromiyaatti wanti beekamuu fi waliigalteen taasifame tokkoyyuu hin jiru jedhan.

Gorsaa Seeraa Obbo Dinquu Dayyaasaa fi Abukaatoon Dhaabbilee isaanii Obbo Gammachuu Guutamaa ammoo Riizoortiin Soodaree gaafa bitamu sanada Guutuu waliin waan ta'eef qabeenyichi hangam akka ta'e nuti ofharkaa qabna jedhan.

"Soodareen gaafa jalqaba caalbaasiidhaaf dhihaatee bitamu lafa Hektaara 427. Lafa baay'ee bal'aa ta'edha kan bitame. Soodareen hanga har'aattuu lafa bite hektaara 427 kana keessaa harka 40 caalaayyuu hin fayyadamne. " jedhan.

Yeroo bara 2003 bittaan kuni raawwatamutti lafti bitame hektaara 427 ta'us qonnaan bultoonni laficha keessa qubatan jiraachuus hin haalle.

Qonnaan bultoonni lafa Soodaree keessa qubatanii jiran kunneen garuu bifa lama ta'uu eeran Obbo Gammachuun,

"Isaan yeruma soodareen harka mootummaa tureyuu achi keessa qubatan nijiru. Kaanimmoo erga soodareen gara dhuunfaatti jijjiiramee beenyaa argachuuf achitti galan nijiru.silaa erga gurguree jalqaba qonnaan bultoota kanaaf beenyaa kanfalee achirraa kaasuun dirqama mootummaa ture" Jedhan.

Soodareen qabiyyee mootummaarraa bitateen ala bahee qonnaan bulaa buqqise akka hin jirree fi miidhamni qonnaan bulaa irra gahes ka'umsi mootummaan dirqamasaa bahu dhabuurraa madda jedhan.

Komii bulchiinsi Godina Shawaa bahaa dokumentiiwwan waa'ee Riizortii Soodaree ibsan nabira hin jiru jedhu kan ilaaleenis,

"Dhuguma dokumentiin kuni isaan bira jiraachuu dhiisuu mala. Bittaa fi gurgurtaan dhaabbilee misooma Mootummaa Federaalani kan raawwatame waan ta'eef. Garuummoo bulchiinsi godinaa ragaa kana walitti qabachuu inuma dandaha ture. Waan ragaa gahaa hin qabnu jedhuuf cufuun garuu sirrii miti" jedhan.

Kaffaltii Gibiraa fi Taaksii…

Mootumaan dhaabbanni Soodaree erga bitamee jalqabee taaksii irraa eegamus sirnaan kanfalaa akka hin turre himuun kuufama maallaqaa dhaabbaticharraa qabu hanga kaffalutti saamse.

Qaamni mootummaa kan galii sassaabu waggoota hamma kanaaf callisee akkamitti ilaalaa ture? Obsi waggoota dheeraa amma maaliif tarkaanfiitti cehe?

Bulchaan Godinaa Obbo Halakaan kuufamni waggoota dheeraa obsa mootummaan agarsiise ta'us hanqinni hojmaata mootummaas rakkoo gama biraa ture jedhu

"Gama mootummaatiin waggaa saddeet sagal osoo gibira hin kanfalchiisin turuun waan ta'uu hin malle. kuni rakkoo caasaa mootummaati. Ta'us yaaliin tureera. Aanaan humna kiyyaa oli jedhee Oromiyatti barreessaa ture. Yeroodhaan tarkaanfii fudhachuu dhabuun rakkooma gara mootummaati" jedhan.

Dhaabbanni Soodaree garuu waggaa waggaadhaan waan irraa eegamu kanfalaa turuu fi heeyyamni daldalaas waggaa waggaan haaromsee qabaachuu eera.

Taaksii hin kanfalamne, dhalaa fi adabbii miiliyoonotaan lakkaahamu waajjirri galiiwwanii Riizoortiin soodaree hin kanfalle jedhu kuni garuu dhaabbatichi waan beeku akka hin qabne himan.

Dhimma Dokumantarii

Yeroo ji'atti dhihaatuun dura OBS fi OMN irratti dokumantariins seenaa Obbo Dinquu Dayyaasaa irratti xiyyeefate uummata bira gahee ture.

Dokumantariin kuni seenaa obbo Dinquu ijoollummaadhaa hanga ammaa jiru milkaa'inaa fi arjoomina isaanii irratti kan fuullefate ture.

Torbee kana keessa ammoo miidiyaa WALTA'tin dokumantariin dhoksaa Riizoortii Sodareetin duuba jiru jedhu uummata bira gaheera.

Bulchaan Shawaa Bahaa Obbo Halakaan dokumantariin OBS fi OMN irratti waa'ee Obbo Dinquu Dayyaasaa Darbe dhugaa jiru kan hin mul'isne waan tureef WALTA dhaan dhugaa jiru akka mul'atuuf hojjetame hedhan.

"Dokumantariin OBS fi OMN irratti darbe ergaa namni kuni nama sabboonaa , kan sabaaf dhaabbatu akka ta'ee fi ta'e jedhamee miidhaan irratti deemaa jira ergaa jedhu kan qabudha. Wanti kuni uummata biratti burjaajii akka hin uumneef dhugaa jiru akka beekamuuf inni kuni hojjetame" jedhan.

Gorsaan seeraa Obbo Gammachuun garuu Dokumantariin Walta dhaan Hojjetame kuni dhimma seeraan manni murtii qabatee jiru irratti dhiibbaa uumuuf kan hojjetamee fi seera miidiyaallee kan cabse ture yaada jedhu qabu.

"WALTA'n miidiyaa eenyuu akka ta'e nibeekama. Kanaafuu abbootiin seeraa waan kana ilaalanii hagam qulqulluu ta'anii hojjetan kan jedhu baayyee nu yaaddessa. Fuuldurattuu dhimma keenyarratti haqa arganna jennee yaaduuf nirakkanna. Gocha sirrii hin taane sirrii fakkeessuuf waan hojjetamedha" jedhan.

Sodareen erga cufamee ji'oota sadan darban kanatti qabeenya achi keessatti qisaasamuun alatti galii argachuu malu tilmaamaan hanga miliyoona 15 ta'u akka dhabsiifames Obbo Gammachuun BBC'tti himaniiru.


Report Page