BBC

BBC


Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Naqamteefi Waldaan Hakiimotaa Oromiyaa dhiibbaan hin malle qaamolee nageenyaan ogeeyyii fayyaa fi dhaabbilee fayyaarra gahu akka dhaabatu gaafatan.

Haa ta'u male Kantiibaan Magaalaa Naqamtee fi Boordiin Hospitaalichaa obbo Bariisoo Tamasgeen qaamoleen nageenyaa Ogeeyyii fayyaafi Hospitaalarraa rakkoo hin qabanii jedhan.

Hospitaalli magaalaa naqamtee bakka aarii itti ibsataan erga tahee bubuleera jedhan hojjetaan hospitaalichaa maqaan isaanii akka ibsamu hin barbaanne tokko.

Namni BBC'n dubbise ''namni tokko qaama nageenyaa keessaa yoo rukutamee hospitaalicha galu miseensotni qaama geenyaa kaan miiruma aariin akka barbaadanitti hospitaala isaanii galuun ogeessota akka dhiphisaniifi dorsisan'' himan.

''Magaalichatti maqaa 'Abbaa Torbee' jedhuun misensotni qaama nageenyaa yeroo garaagaraatti nirukutamu. Yeroo akkasii qaamni gama nageenyaan jiru ogeessi ogummaa isaan yaaluuirratti amantaa hinqabu'' jedhan.

Gama biraatiin ammo qaamni alaan haleellaa akkasii raawwatu yeroo ogeessi yaalii kennu dorsisuun akka mudatu himan.

kanaaafuu ‘’hospitaalli keenya bakka qaamonni nageenyaas tahe hawwaasa keessaa namootni mufatan aariiisaanii itti ibsatan erga tahee waggoota afurii oltaheera’’ jedhan namni kun.

Yeroo hiriirri guddaan magaalicha keessatti gaggeeffamaa tures boombii imimanesituun hospitaala keessatti darbatamuus himaniiru.

''Ogeessi oogummaa isaan malee uleedhaan yaaluu hinqabu, qaama miidhame kamiyyuu ogeessi oogummaa isaan yaaluuqaba,'' jedha namni dubbisne kun.

Medikaal Daayirektara Hospital Naqamte kanta’an Dr.Geetaanee Ejjetaa taateen kun ogeessoota keenya irratti yeroo garagaraatti waan mudataa tureedha jedhu.

''Poolisoonnii fi qaamooleen nageenyaa biroos seeraan ala bilisaan nu yaalajedhu, ogeessotarrattis rakkoolee geessisu'' jedhan. Ogeeyyiirraas amantaa hinqaban jedhan.

''Ogeeyyiin fayyaa qaamolee isaan miidhan malee isaan fayyadan godhanii hin ilaalan. Ogeessi ajajasaanii akka raawwatu malee ogeessi oogummaasaatiin akka hojjatu hingodhan.”

''Hospitaala kana hin amannuu, qaamoleen nageenyaa yeroo rukutamanii dhufuni du’uu, hin fayyistanii jechuun komatus'' jedhan.

“Namni lubbuu namaatti qoosu hin jiru. Ogeessi nama kamiiyyuu loogii tokko malee walqixa kan yaalaa kennu akka kanatti kan yeroo baay’ee waldhabdeen uumamu.

Ogeessis hamma yoomitti reebamnaa? Osoo qaamolee nageenyaa kan nu amanuu nu waliin ta’ee nu gargaaruu danda’u qaamni nageenyaa nu faallaa hojjata jedhanii ogeeyyiinis komachaa akka jiran dubbatu.

Guyyaa kaleessaa ogeeyyiin hojii dhaabanii turan. Ta’us garuu ogeessa mariisisnee har’atti hojitti akka deebi’an gooneerra jedhan Dr. Geetaaneen ibsa Jimaata BBC Afaan Oromoof kennaniin.

“Qaamoleen nageenyaa kunneen yeroo gara hospitaalaa dhufan meeshaa hin hiikkatan. Keessumaayyuu taateen dheengadda(Roobii) mudate waan sirrii hintaane dha.

qaamoleen nageenyaa kunneen ogeeyyii, hojjattootaa meeshaa hidhataniin dorsisaa turan, hanga dhukkubsattoota ari’uttu gahanii turan.”

Mooraan hositaalaa fi namni hundi sa’aatii muraasaaf to’annaasaanii jala ture. Haalliisaa baay’ee sodaachisaadha jedhu Dr. Geetaaneen.

Haala jiru walitti qabaa boordii kan ta’an kaantiibaa magalaa fi Waldaa Haakimoota Oromiyaa fi qaamoota dhimmi laallatu hundaaf ibsinee fala barbaaduutti jirraa jedhu Dr. Geetaaneen.

Waldaan Haakimoota Oromiyaa maal jedhe?

Yeroo garagaraatti rakkoon akkanaa haakimoota keenyarra gahaa ture jedhu pireezidaantii Waldaa Hakiimota Oromiyaa kan ta’an Dr Jiilchaa Dirribii.

Dhiheenya kan immoo Hospitaalota addaaddaarraa gabaasaaleen adda addaa nu dhaqabaa jiru jedhan.

Haalli kun yeroo weerarri koronaavaayiras kanatti akka dhaabbatu yaada keenya dhiheessaa turres jedhan.

“Miseensonni keenya yeroo adda addaatti ni arrabsamuu, meeshaa waraanaatiin ni doorsifamuu, reebichillee isaanirra ni gaha darbes immoo akka hidhaman dhagahaa jirra.”

Yeroo garagaraatti rakkooleen akkanaa akka dhaabatan qaamolee dhimmi ilaallatuuf xalayaa barreessineerra. Anis qaamaan Komishiinii Poolisii Oromiyaa dhaqee yaaddoo keenyaa ibsuuf yaaleerra, ta’us garuu tarkaanfii fudhatame hin jiru jedhan Dr. Jiilchaan.

Kanarraa kan ka’e Waldaan Hakiimootaa Oromiyaa Waxabajjii 5, 2020 ibsa baaseen Qaamni dhimmi ilaallatu tarkaanfiiwwan fudhachuu qaba jedhu tarreesseera.

1. Miseensi caasaa nageenyaa meeshaa waraanaa humnaan qabatee seenuun hojjattootaa fi geggeessitoota itti sodaachisuunii fi dhiibbaa gochuun dafee akka dhaabbatuu fi nageenyi ogeessotaa akka eegamu.

2. Miseensi caasaa nageenyaa tajaajilaaf gara mana yaalaa dhufe, yeroo taajaajila kennamuuf irraa komii qabaate akka nama kamiittuu komii isaa seeraan dhiyeeffachuu osoo qabuu komii dhuunfaa isaatiin hojjataa reebuu fi too’annoo seeraa jala oolchuun dhaabbachuu qaba.

3. Ogeessa seeraan ala to’achuu fi mana murtiitti dhiyeessuun sirraa’uu fi dhaabbachuu qaba.

4. Ogeessi fayyaa loogii tokko malee tajaajila fayyaa qixa ta’e kennuu qaba malee miseensa caasaa nageenyaafis ta’ee qaama aangoo qabu kamiifu tajaajila addaa akka kennu dhiibbaan irratti godhamuu hin qabu.

Deebiin motummaa

Kantiibaan Magaalaa Naqamtee fi Boordiin Hospitaalichaa obbo Bariisoo Tamasgeen qaamoleen nageenyaa Ogeeyyii fayyaafi Hospitaalarraa rakkoo hin qabanii jedhan.

Akka jedhamus qaamoleen nageenyaa mootumma ogeeyyii fayyaarratti dhiibbaa geessisaa hin jiran jedhu. Wiixata darbe halleella Poolisiirratti raawwatame qaamoleen nageenyaa miira keessa galuun akka ture hubachuu BBC'tti himaniiru.

''Xiinsammuun siivilii fi qaama nageenyaa tokko miti tarii yeroo nama rukutamee yaalaaf geessan miira keessa galaniiru ta'a hin beekamuu'' jedhan.

''Qaamni nageenya ogeeyyii fayyaa miidhuu isaaf ani qaamaan achi waaniin tureef hin agarre, miidiyaarratti dhagahuun alatti iyyatni na bira dhufes hin jiru.''

Ogeeyyiin Hospitaalichaas taatee Wiixataan duuba miira keessa galuun hojii adda kutuun sirrii akka hin taane hooggansa hospitaalaa fi kaan waliinis haala idiileen ala ta'een mariyachuu obbo Bariisoon himaniiru.

''Yeroo namni ajjeefamee miidhamee miira keessa galu namni nahuu hin qabu, qaamni nageenyaas daangaa isaa darbuu akka hin qabne hubannoo uumuttii jirras jedhaniiru.'' Hojii oogummaa hojjechuufi lubbuu namaa miidhamee akka baraaramu fedha jiru giduutti waan dhalate ta'uu akka ta'es dubbatan.

Qaamoleen nageenya ogeeyyii fayyaarratti dhiibb uumaniiru kan jedhun akka walii hin galle kan himan Kantiibichi, lubbuun akka hin dabarreefi miira keessa galuun ogeeyyii mufachiisera ta'aa jedhan.

Qaamolee nageenyaa fi ogeeyyii fayyaa gidduu rakkoon jira yoo ta'emmoo fuula duratti mariisifnee furuuf qophii ta'uus himaniiru.


Report Page