BBC

BBC


Arbaa Mincitti dubartiin shakkii Covid-19'n adda baafamtee of ajjeefte

Naannoo Uummatoota Kibbaa magaala Arbaa Mincitti dubartiin Covid-19'n shakkamtee adda baafamte lubbuu ofii baafte.

Saamudni ishii qoratamee yoo deebi'u garuu vaayirasicharraa bilisa turte.

Ajajaan Poolisii magaalichaa Komaandar Daani'eel Araggaa Dooche Veeleetti yoo himan dubartiin ganna 25 Warqinash Dibaabaa jedhamtu, jimaata darbe of ajjeeftee kan argamte safarri ho'a qaamaa godhameefii shakkiin adda baatee akka turtu godhamuun duubaa jedhan.

Guyyaa Jimaataa konkalaataa uummataa namoota 36 fe'atee ture keessatti qorannoo ho'a qaamaa godhamaa tureen kan Warqinash ol ka'ee argamee jedhan.

Imaltota hunda keessaa isheen yeroo adda baafamtutti miirri nahuufi jeeqamu irratti mul'atee akka tures Komaandar Daani'eel himaniiru.

Jimaata bulee guyyaa Sabtii kutaa adda baatee keessa bulte keessatti shaarpii uffattee turteen of fannistee argamuu ishees ibsan.

Warqinash Yunivarsiitii Arbaa Minci keessatti adda baasanii tursuuf kutaa qophaaye keessa guyyaa hordoffii ogeeyyiin godhaniin nagaa turtee bariituu duutee argamuu gabaasni isaan qaqqabuu qindeessaan bakka adda baasuun tursuu Qajeelcha Fayyaa Godina Gaamoo Bergennaa Oolamaa waabeffachuun Dooche Veeleen gabaaseera.

Report Page