Amnesty

Amnesty



Amnestii Internaashinaal Itiyoopiyaan Hiriira Mormii Ugguruu ishee qeeqe. 

Dhaabi mirga namaaf falmu Amnesty International Onkoloolessa 27 bara 2020 gabaasa baaseen angawoonni Itiyoopiyaa ajjeechaa gosa irratti hundaa’e mormuuf hiriira nagaa waamame uggure jedhee jira.

Paartiin mormituu sochiin gosa biyoolessa Amaaraa baatilee darban keessa gosa Amaaraa kanneen ta’an hedduun ajjeefaman ka jedhutti aansuu dhaaan hiriira mormii waame. 

Angawoonni paartii kanaas Onkoloolessa 27 Finfinnee keessatti kan argamu waajjira isaaanii akka hin seenne gara hiriirri mormii kun itti geggeeffamu naannoo Amaaraatti akka hin imalle dhorkaman jedha gabaasi Amnestii kun.

Dubbi himaa mootummaa naannoo Amaaraa kan ta’an Gizaachoo Muluneeh onkoloolessa 26 kan waamam hiriirri mormii seeraan alaa fi barbaachisaa miti yoo jedhan humnoonni nageenya naannoos akka bobba’an akeekkachiisanii hiriirri sun yoo itti fufe hookkarri ka’uu mala jedhan.

Oromiyaa keessaa weellisaa beekamaan lammii Oromoo Hacaaluu Hundeessaa eerga ajjeefamee booda hookkara ka’etti aansuu dhaan baatii Waxabajjii keessa yoo xiqqaate namoonni 160 gosoota adda addaa fi amantii irraa du’uu poolisiin beeksisee jira.

Erga baatii Hagayyaa qabee humnoonni naga eegumsaa Itiyoopiyaa hoogganoota garee mormituu hidhaa keessa jiran Jawaar Mohammed fi Beqelee Garbaa akka gad dhiifaman waamicha kan dabarsan hiriirtota nagaa bittimsuuf humna hammaa ba’aa gargaaramuu dhaan Oromiyaa gama dhiyaa, Harargee fi godinaalee Baalee keessaa yoo xiqqaate namoota 20 ajjesaniiru jedha gabaasi Amnestii kun.

Report Page