AMNESTY

AMNESTY


Ajjeechaa humni nageenyaa Itoophiyaa Oromiyaa keessatti bara 2019 keessa raawwataa ture keessaa 'nama sababa bilbilli isaa iyyeef qofa itti dhukaafamee ajjeefamuun' ttaatee tokkodha jedha Aministii Intarnaashinaal.

Humnoonni nageenyaa mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisuuf jecha ajjeechaa, hidhaa jumlaafi hiraarsa ummatarraan geesiseera jedha gabaasni Aministii bara 2019 kun.

Ajjeechaafi sarbamni mirgoota namoomaa kun kan gaggeeffaman baruma Ministirri Muummee Abiy Ahimad Badhaasa Noobeelii Nagaa argatanittidha.

Namoota ijaan arganirraa iyyaafachuun gabaasni kun akka qixeessetti, yeroo namoonni sadii mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefamanillee tureera jedha.

Aministii Intarnaashinaal bara 2019 keessatti humnoonni mootummaafi qaamolee al-idilee isaan waliin hojjatan naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti mirgoota namummaarratti miidhaa geessisaniiru jechuun yakkamoo taasisa.

Aministii Intarnaashinaal gabaasa haaraa baaseen qorannoo waggaa tokko Oromiyaa Lixaafi Gujii Lixaatti, akkasuams godinaalee Bahaafi Jiddu-galeessa Gondar raayyaan ittisa biyyaatiin, poolisii addaatiin, qondaltota naannichaafi garee dargaggootaa isaan waliin hidhata qabaniin miidhaan raawwatameera jedha.

Mata-dureen gabaasichaa "Mirga kabachiisuu dhabuun miidhaa mirgoota namummaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti raawwataman" jedha.

Akka gabaasni kun jedhutti MM Abiy Ahmad ajjeechaa seeraan alaa, hidhaa jumlaa, seeran ala namoonni akka buqqa'an taasisuufi qabeenyaarratti miidhaan dhaqabaa jiru yeroodhaan akka dhaabbataniif ifatti ajaja akka kennan gaafateera.

Erga MM Abiy Ahmad gara aangotti dhufanii booda mirgoota namummaa kabachiisuun tarkaanfiiwwan gaariin fudhatamaniin cinatti, sodaan siyaasaafi sabummaarrati xiyyeeffate wal faana mul'ataniiru.

Sodaan kunneenis Naannoo Oromiyaatti, Amaaraatti, Ummattoota Kibbaa, Harariifi Dirree Dhawaa waal dhabdeen akka uumamuuniif sababa ta'aniiru.

Gabaasni Aministii Intarnaashinaal mirgoota namummaarratti miidhaa qaqqabaa turan kan naannolee lamaanii akka itti aanutti kaa'eera.

Oromiyaa

Jalqaba bara 2019 mootummaan Itoophiyaa garee nageenyaa Lixaafi Baha Gujiirratti hojjatu hundeesseera.

Gareen kunis kaayyoo sochii milishaa gandaa, poolisii addaa Oromiyaafi poolisii idilee, akkasumas raayyaa ittisa biyyaa deeggaruun Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) bosona jiru godinaalee lamaanitti argamu hordofuu akka qabu ibsa.

Bara 2019'tti godina Gujii Bahaatti aanaa Gooroo Doolaafi godina Gujii Lixaatti aanaan Dugda Dawaatti namoonni 39 ajjeefamuusaanii bira gaheera jedha Aministiiniiin gabaasa isaa kanaan.

Isaan keessas 23 kan ta'an aanaa Gooroo Doolaatti raayyaa ittisa biyyaafi poolisii Oromiyaatiin yoo ajjeefaman, 16 kan ta'an immoo Dugda Dawaatti himannaa maleefi jumlaadhaan ajjeefamanuusaaniif raga qabatamaa qaba jedha.

Ji'a Onkololeessa keessa Gooroo Doolaa ganda Raarootti Caddachaa Mi'eessaa, Abdulaahii Guluu Halaakeefi Qaanqee Utaaraa Shuree firoottansaanii wabiidhaan isaan baasan irratti dhukaasni banamee ajjeefamaniiru jedha.

Firoottansaanii WBO deeggartu jechuudhaan kan shakkamani.

Ji'a Hagayyaa keessas firri dhihoo Abdulaahii Bodiishaa Culuqaa jedhamu erga raayyaa ittisa biyyaatiin hidhame booda ajjeefameera jedha gabaasni kun.

Hidhamee guyyaa itti aanutti maatiinsaa reeffa rasaasaan dhahamuu mul'isu bakkeerratti arganiiru.

"Loltoonni sangaa qallee gara bakka awwalchaa geessuusi nu dhoorkaniiru. Bakki itti awwaalame magaalaa ta'us shaneedhaaf nyaata geessitu nuun jedha," jetti fira Bodiishaa kan taatee Bonaanii Jaallataa.

Ajjeechaan wal fakkaatu Muddee 4, 2019 humna addaa poolisii Oromiyaatiin, Guraandhala 3 raayyaa itti biyyaatiin, Hagayya 2019 raayyaa ittisa biyyaatiin, Amajjiifi Caamsaa 2019, Muddee 2018 (raayyaa ittisa biyyaatiin raawwatameera jedha Aministii Intarnaashinaal.

Ajjeechaan alattis hidhaan seeraan alaa, yeroo hidhaarra jiran gidiraa, sadarkaa qorannoorra kan jiru ta'us himannaan gudeeddiinis na dhaqabeera jedha.

Namoonni qe'eesaaniirraa buqqa'aniifi qabeenyisaanii barbadaa'es ni jiru jedha dhaabbanni kun.

Amaaraa

Fulbaanaa hanga Onkololeessa bara 2018 hanga Onkololeessa 2019'tti hawaasa Qimaantiifi miseensota saba Amaaraa godinaalee Lixaafi Juddu galeessa Gondaritti argaman jiddutti wal dhabdeen dabalee jiraachuusaa ibsa.

Aanaalee Quwaaraa, Mattammaafi Cilgaatti miseensonni poolisiifi milishoonni naannichaa hawaasa Qimaantirratti miidhaa geessisaniiru kan jedhu Aministiiniin, miseensonni raayyaa ittisa biyyaa yeroos achi turan wal dhabdee uumame dhaabsisuuf tarkaanfiin isaan fudhatan hin jiru jedha.

Amajjii 10 fi 11, akkasumas Fulbaana 2019 gaaffii jaarsummaa keenya keessa seenaa jedhee hawaasni gaafatus miseensonni raayyaa ittisa biyyaa deebii homaa hin kennineef jedha gabaasni kun.

Akka gabaasa kanatti Amajjii 2019 sa'aatii 24 osoo hin guutne namoonni 58 ajjeefamanii jumlaadhaan awwaalamuusaanii ibsa.

Akka ragaa biiroo nageenyaa magaalaa Gondar airraa rgadhe jedhutti wal dhabdee Fulbaanaafi Onkololeessa 2019 uuammee tureen namoonni 43 du'anii 12 immoo madaa'aniiru.

Hogganaan itti-aanaa Nageenyaafi Bulchiinsaa naannichaa akka jedhanitti, humnoonni nageenyaa, keessumaayyuu poolisiin federaalaafi raayyaan ittisa biyyaa naannichatti argamuunsaanii rakkoo kana caalaa mudatuu danda'u ture akka hir'atu taasiseera jechuun himaniiru.

Amajjii 10 bara 2019'tti magaalaa Mattammaa Yohaannis keessatti dargaggoonni miseensota Yegobaz Alaqaafi Faannoo jedhaman dhiibbaatamatti laakkaa'aman ganda sadii naanneessuudhaan hawaasa rasaasaan, dhagaadhaan akkasumas lammiilee biyyaarratti miidhaa geessisaniiru jedha dhaabbanni kun.

Gandi kunis bakka miseensonni hawaasa Qimaant hedduminnaan jiraataniidha.

Yeroo raayyaan ittisa biyyaa bakkichatti argamee hawaasa baraaruuf achi gahu haleellaan sa'aatii 24'f raawwatamee ture.

Namoonni yeroos bakkichatti argaman haleellaa kana raawwatuuf guyyootaaf qophii taasifamaa ture, haleellaan dargaggootaa poolisii humna addaatiifi milishoota gandaatiin kan deeggarame ture, raayyaan ittisa biyyaa naannicha ture sa'aatii 24 darbaniif homaa hin goone ture jedha.

Namni yeroos achi ture Ballaxaa Mangistuu jedhamu, "raayyaan ittisa biyyaa kan dhufe erga haleellaan raawwate boodadha.

Miseensonni Qimaant 1,600 ta'an gara kaampii loltoonni qubatan geeffamaniiru," jechuun himeera jedha Aministiiniin.

Amajjii 12 bara 2019 "namoota 53 du'an Bataskaanaa Mattammaa Takilaahaayimaanotitti awwaalleerra," jedha namni yerooas achi ture kun.

Aministiiniin suuraa saatalaayitii fayyadamuudhaan Amajjii 11 ganda hawaasni Qimaant jiraatu ibiddiifi aarri akka tureefi bakkeewwan Kaaba Lixatti argaman lamaanii waan gubatan akka fakkaatan bira gaheera jedheera.

Magaalaa Gondaritti gama Kaabaafi bakka hawaasni Qimaant jiraatan miidhaan gandoota akka Arbaabaa, Walqaafi Sayinaa raawwatan kan fakkaatu miseensota hawaasaa Amaaraarra gahee akka ture namootarraa odeeffadheera jedha dhaabbatichi. Haleellaan deebii kunis Onkololeessa 14-16 itti fiufeera.

Haleellaa hawaasaa kanaanis walumaagalatti yoo xiqqaate namoonni 130 ajjeefamaniiru. Kana keessas maal na dhibdeen humnoota nageenyaa akka ture ibseera.

Aministiin qaamolee mootummaa adda addaa akka gaheesaanitti yaada kan dhiheesseef ta'uu ibsa.

Warra dhiyeesseef keessaa MM'f, Minsitira Raayyaa Ittisa Biyyaaf, Minisitiraa Nagaaf, Komishiinii Poolisiif, akkasumas Abbaa Alangaa Waliigalaaf tarkaanfiwwan humnoota nageenyaa to'atu amanamaa, loogiirraa bilisa kan ta'eefi dhaabbilee siivilii hundeessuu, namoota miidhaa geessisan adda baasuufi seeratti dhiheessuu, loltoota haleellaarratti hirmaatan diiguu, yeroo yeroodhaan ajjeechaa seeran alaa mootummaa qorachuufi seeratti dhiheessuu ifatti baasuuf murteessuusaa kanneen keessatti ni argamu.

Yeroo gabaasa itti dhiheesse kanatti namoota dhuunfaa 80 ol ta'an Finfinneetti, Gondaritti, Ayimbaatti, Waalqayitittiifi Hawaasatti waliin wal arguusaa kan ibsu Aminiistiinii bu'aa qorannoorratti yaada akka kennaniif Ministira Nagaa, Ministira Rayyaa Ittisa Biyyaa, Komishiinii Poolisii Fedeeraalaa, Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa, Komishiinii Poolisii Oromiyaafi Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Amaaraa, akkasumas Komishiinii Poolisii Naannoo Amaaraa gaafachuusaa ibseera.

Ta'us garuu gaafiisaatiif deebii kan argate Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Amaaraa qofarraa akka ta'e ibsuun galateeffateera.

#bbc #HawiTiMES

Report Page