Aaa

Aaa

ib så
      🍀OBSAAN DUBBISI🍀

Fayyadamuu➛🚗
            fi
Jallatamuu➛🚗   🔖SEENAA🔖

Namichi tokko osoo konkolaataa isaa dhiquu, Mucaan isaa waggaa 6 dhagaa fuudhee cinaa konkolaataa hooqee sarara itti uume.
Abbaanis aaree harka mucaa qabee baay'isee micciire baay'es reebe

Abbaan aarii malee akka miidhaa jiru hin hubanne ture

Mucaa hospitaala geessanis qubni caccabuun, Mucaan quboota harkaa hunda dhabe

Mucaan yommuu abbaasaa argu ❤
ijasaa imimmaaniin guutee, Abbaa "Qubnikoo yoom fayyaa?'' jedhee gaafata

Namichis nahee waan dubbatu wallaalee cal jalaa jedha

Achi deebi'ee konkolaataa isaa deddeebisee dhidhiita❤ gochaasaatti baay'ee miidhameera

Konkolaataa isaa fuuldura taa'ee isa dhodhooqesse ilaala abbaanis waa tokko arge innis mucaansaa 'Abba sin jaalladha' jedhee isa inni barreesseef arge. guyyaa itti aanutti, namichi of ajjeese.

Aarii fi jaalalli dhuma hin qaban!

Jireenya bareedaa fi jaalalaa jiraachuuf isa 2ffaa filadhu

Wantoonni ni fayyadamu, namoonni ni jaallatamu
Garuu rakkoon keenya inni sirriin

Namoonni ni fayyadamamu👫 wantoonni ni jaallatamu🚗

Bara kana wantoota kanaaf iddoo haa kenninu

Wantootatti haa fayyadamnu➛🚗
   Garuu
Namoota haa jaallannu➛👫❤️

Yaadakee ilaali, isaantu jecha ta'a.

Jechootakee ilaali, isaantu gochoota ta'a.

Gochootakee ilaali, isaantu bartee ta'a.

Barteekee ilaali, isaantu amala ta'a.

Amalakee ilaali, isaantu dhuma jireenyakee ta'a.

Kana yoo nama biraaf dabarsuu dhiifte badiin uumamu hin jiru yoo dabarsite garuu jireenya nama tokkoo jijjiiruu dandeessa.

Hariiroo ijakee lamaanii beektaa ?

Wal faana libsatu, wal wajjin socho'u, wal faana boo'u, wal faana waa ilaalu, wal faana junuunfatu.

❤Haa ta'u malee wal hin argan.

Hiriyummaan akkana ta'uu qaba!

Jireenyi Hiriyootaan alaa duwwaadha.




JOIN ♻️ ️SHARE
╔════════════╗
🧑‍💻JOIN:@ibsapps➛@lafeetech
🧑‍💻JOIN:@lafeetech➛@ibsapps
╚════════════╝ ⇲


Report Page