Aa

Aa


ETHIO MUSLIMS BROADCASTING:

ANI EESSAN JIRA? ANI EENYU HOO?


❓❓❓❓❓❓


Arraas of dhabeetiin,

barbaacharra jiraa.

Warra jiru keessa, 

moo du'eetan jiraa?. 

Gaafiin natti hammaattuus, 

guyyumaan guyyarraa.

Deebisaa argachuun,

na goote darara. 


Lubbuun jiraachuu koo, 

Itti amanullee.

Kanneen du'an keessatti, 

Of arguu baadhullee.

Niin jira ofiin jechuuf, 

Ragaa nan wallaalee. 

 

Ilmi namaa tokkoo,

ni jira jechuudhaaf.

Faayida buusuu qaba, 

uumama biroodhaaf.


Ani amma duuba, 

Humaa hin hojjannee.

Nama dhiisiiti,

ofiiyyuun hin fayyadnee. 

An nan jira jedhee, 

akkaan hin dubbanne.

Hin jiruus hin ju'u tuniis,

waan hin taanee.


Callll je'ee haa jiraadhu, 

Hammaan Adda baruu.

Barbaadee of arkuu, 

bakkaan lubbuun jiruu.

Du'aadhaas jiraadhaas, 

tahee haa memmeeruu.


Maaloo Adaraa, 

yaa obboleeyyan kiyyaa.

Yooniifi na gartan, 

maaloo yaa hiriyaa.

Na biran kutinaa, 

isinumaatu kiyyaa.

Qabaatii na fidaa, 

kunoo suuraan kiyyaa.

Ngyn naaf turaa, 

Hundi ilmaan biyyaa.


Garuu saniin duratti, 

Gaafii takkaan qabaa.

Mee enyutu deebisa, 

Harka Naf ol qabaa?.

........

Eeee kuno achi bira, 

mucaa ilkee kaarruu.

Magaala qallaa San, 

ka fuula gugguuru.


Isaatu dura baase, 

heddduuu jarjarfatee.

Gaafii too deebisuuf, 

bay'ee wixxifatee.

.....

Meegaa carraa fudhu,

deebisi deebistu.

Gaafiiniis akkana, 

akki isiin jettuu.

Aniin tun eenyu sa, 

ta asiii haasoytuu?.

........

Woow mee harka dhawaaf,

Likkitti deebisee.

Jaalala tahuu koo, 

ol jedhee naaf ibse.

......

Nadhiin Dhugaa jedhe, 

Anaatu dhabamee.

Ana Jaalalaatu, 

Isin keessaa deemee.


Deeminsa kiyyaafiis, 

Isini sababni.

Kan guutumaa guututti, 

na duultanii.

Mana baataniituma, 

nagiyatti naan jettanii.

Xiqqaa guddan keessan, 

firraa na ooftanii.


Namu haga humnasaa, 

Jibbaadhaan guttamee.

Deeminsa kiyya irratti, 

Xiqqatuus Hunduu hirmaate.

@warreenkheiri

@warreenkheiri

Report Page