*/

*/

Source

MAASA'UU ARRABAA/AFAANII - Oral thrush/Oral Candidiasis
******************************************** Maasa'uun Arrabaa yeroo faangasiin gartuu "Candida" jedhamu kan lakkofsaan xiqqaatee afaan keenya keessatti argamu yoo haala ol wolhoruufi guddatu kan uumamuudha. -- Wontoota dhukkuba kanaaf nu saaxiluu danda'an keessa ijoon:

* Yeroo dheeraaf qorichoota gartuu 'corticosteroids' jedhamanii beekaman (fkn qorichoota yaala Asmiitiif oolan tokko tokko fa'a ) fi 'antibiotics' yeroo dheeraaf fudhachuu

* Dhukkuboota qaamni keenya dhibee dandamachuu akka hin dandeenye ykn dandeetiin dhibee ittisuu qaama keenya akka gadi bu'u godhan (fkn Dhukkuboota akka Sukkaaraa, HIV/AIDS, fi Kaansarii fa'aan) hubamuu. Kana jechuun ammoo namoonni dhukuba kana qaban hundinuu HIV ykn dhukkuba sukkaaraa qaban jechuu miti. * Namoota yeroo hedduu afaan isaanii goguu fi namoota ilkaan arteefishaalii of keessaa qaban * Daa'imman xixiqqoo fi jaarsolee irratti heddumaata. --- --- Mallatoolee fi rakkinna dhukkubni kun fiduu danda'u:

• Arraba, keessa boqoo ykn afaan keenya wonti adiin akka shalalaa(ayibii) jiru uffisee argamuu

• Diimachuufi ququunca'uu arraba fi keessa afaanii. Yeroo kana nyaata yeroo nyaannu dhukkubiin nutti dhagahamu danda'a.

• Dhandhamni nyaata nutti dhagahamuu/mi'aa'uu dhabuu.


• Yeroo isa kaachifnu ykn horqodnu irra kaacha'uufii xiqqeesse dhiiguu.

~Yeroo tokko tokko daa'ima ishee irra gara harma haadha hoosiftutti achiillee gara daa'imaa deddebi'uu danda'a. Yeroo kana harmi haadhaa suun qaceen isaa diimachuu, ququunca'uu, hoqsisuu, dhukkubiinis itti dhagahamu danda'a. ~ Akkasumas namoota qaamni isaanii dhibee halaan ofi irraa hin ittisne irratti babal'achuun keessa kokkees hubuudhan nyaata yeroo liqimsan dhukkubbiin akka itti dhagahamu ykn liqimsuun akka itti ulfaatu gochuu danda'a. Darbee darbee namoota kana irratti ujummoo hargansuu, sombaafi valvii onnees hubuu danda'a. --- ---

Maal haa goonu:

* Bishaan xiqqoo (sinii shaayii tokko) hoo'ifne Sooqidda walakka moonqaa shaayii tokko itti bulbullee afaaniin lulluqachu. Guyyatti harka harka lamaa sadi akkas gochuu. Garuu liqimsuun hin barbaachisu. * Yoo kan nutti deddibi'u ta'e mana yaalaa deemnee ilaallamuun qorannoo barbaachisu gochuu. * Ilkaan keenya rigachuu. Ilkaan artefishaali yoo qabaanees yero yeroon qulqulleessuu. * Nyaata booda afaan keenya lulluuqachuu.

* Dhukkuba akka sukkaaraa fa'a hordoffii barbaachisu gochuun haalaan to'achuu.

* Mana yaalaas deemne qoricha itti dibatan, lulluqatan ykn liqimsan kan ogeessi yaalaa nuuf ajaje san haalaan fudhachuu. --- Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa! Horaa, bulaa, deebanaa! ---

©Dr. Nuredin Luke

Report Page