*/

*/

Source

- -" Obbo Isaayyas Afaworqi N.Tigray qofatti hin dhaabbatu, Injifannoo 2 Itoophiyaa irraa gonfachuudha hawwiinsaa..."
- Aangawaa Olaanaa Biyya Eeritraa duraanii Paawulos T/Goorgis >> Qop: Aangawaan kun Obbo Isaayyas waliin Qabsoo Bosonaa kaasee hanga bara ce'umsaa Harka mirgaa Obbo Isaayyas kan turan yommuu tahu, Haala yeroo ammaa Itoophiyaa fi Eritraa wajjiin walqabatee Miidiyaadhaaf ibsa kennanii jiru.

Ibsa isaanii kanaanis yoo ibsan, Ethio-Eritra akka ka'u sababni guddaan Obbo Isaayyas jedhe, Lolli sun aangawootni fi hayyootni biyyaa osoo hin beekain ajaja Isaayyas kan eegalee fi xumurarratti kufaatii waan hundaan biyya Eritrea mudateef karaa saaqe jedhan. Kun ammoo hanga ammaatti Isaas akka xiiqitti qabatee jiraachuu mirkaneesse angayichi.

Kanumaan walqabatee yeroo ammaa waraanni Akkuma wal waraansi N.Tigrayitti eegaluu akkuma himameen Eritrean waraana gara daangaa bobbaafte jedha obbo Paawuloos, dabalees Walwaraansa Itoophiyaa N.Tigrayitti gaggeeffamaa jiru irratti hiraachuu mirkaneessuudhaan, Waraanni Eritra sadarkaa adda addaattiin hirmaachuu ragaa akka qabu kan dubbatu aangawichi kanaanis Obbo Isaayyas Injifannoo Lama ganfata jedhe Aangawaan Eritraa duraanii kun.

Obbo Isaayyas lola waggaa 20 dura Itoophiyaan Eeritraa Injifatte sanaaf Xiiqii qabatee jira, Lola sana gaggeessaa kan ture ABUT waan taheef ABUT diiguu akka injifannootti ilaala Obbo Isaayyas. kana malees Faayidaalee hedduu yeroo sana argachuuf hawwii qabaachaa ture, kan Obbo Mallasiin daandiin itti-cufame hedduu waan taheef deebisee argachuuf ammas Obbo Isaayyas akka hin rafne aangawichi duraanii kun mirkaneesse. Dabalees, Aangachi kun akka jedhutti, Obbo Isayyas Aabjuu kana galmaa gahachuuf Biyyattii keessatti waldgabdee fi waraanni bifa adda addaatiin akka babaldhatu yoo godha nan ajaa'ibu jedheera.

Oduuwwan adda addaatiif keenya godhaa


3F Media

1 hour ago · Public · in

Report Page