*/

*/

Source

๐–ฃ๐—๐–ฃ๐–ด๐–ฎ- ๐–ฎ๐–ฏ๐–ฃ๐–ฎ: ๐–ฃ๐—๐—Ž๐—…๐–บ๐–บ๐—‡๐–ฝ๐—๐—Ž๐—…๐–บ ๐–ฐ๐–บ๐–ป๐—Œ๐—ˆ๐—ˆ ๐–ก๐—‚๐—…๐—‚๐—Œ๐—Ž๐—†๐—†๐–บ๐–บ ๐–ฎ๐—‹๐—ˆ๐—†๐—ˆ๐—ˆ

[Qilxuu Jiloo 'tiin]

แ”†แต‰แต‰โฟหขแตƒโ ˜ Waggoottan 27n darbaniif mootummaan Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa ADWUI -EPRDF uummata Oromoo biratti seenaa gaarii hojjetee hin qabu. Paartiin kun umrii isaa guutuu qabsaawota Oromoo ajjeesuu, hidhuu, biyyaa baasuu fi maqas balleessuu, akkasumas qabeenya uummata Oromoo saamaa bahe. ADWUI'n paartilee siyaasaa naannolee irraa dhufan afur irraa ka dhufe; ABUT-TPLF, DhDUO-OPDO, SDBA-ANDM fI SDUK-SPDM kunneen warreen taatota yakka ADWUI-EPRDF waggoottan 27 darbaniiti. Barruu kanaan gufuu fi dhulaandhulli Qabsoo Bilisummaa Oromoo eenyu akka ta'ee fi miidhaawwan uummata keenyarratti deemaa turan kaasuun yaala. Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti DhDUO-OPDOn akkamiin ilaalama? Bakka akkamii qaba? ka jedhus ni ilaalla.

แ”†แต‰แต‰โฟแตƒแตƒ แดฌแถœสฐโฑโฑ แดฐสฐแต˜แถ แต—แต‰แต‰โ ˜Seenaa achii dhuftee sirna ADWUI yoo ilaalle, TPLF, OPDO, ANDM fi SPDM gargar hin ba'an. Dhaaboota naannolee kanneen walitti fiduudhaan ABUt akka isaaf ta'utti itti dadhabee naannoo Tigiraay bakka addaa jedhamutti tolfate. Kanaan boodas wayita gara mootummaatti dhufu, akkaataa isaaf mijatu hundaan dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa biyya kanaa hunda to'achuu danda'eera. Saba Oromoo biratti, TPLF fi OPDOn akka tokkotti ilaalamuu dhabanis, akka Abbaa fi Ilmaatti ilaalamu. Abbaan OPDO TPLF akkaataa hundaan itti dhama'ee ilma isa caalu gochuun guddise. Qabsoo Oromoo keessatti cunqursaa heedduu geessisuun ilmi TPLF OPDOn shoora olโ€™aanaa bahachaa as gahee jira.

แถœแต˜โฟแ‘ซแต˜สณหขแตƒแตƒ แ”†แตƒแต‡แตƒ แดผสณแต’แตแต’แต’โ ˜ Qaamonnii fi namoonni tokko tokko, cunqursaa saba keenyarratti adeemsifamaa tureef wayita gaafatamummaa kennan, TPLF akka waan qabeenya Oromoo saamee, beekaa keenya hidhee ajjeeesee isa kaan ammoo hari'ee biyyaa baasee fi Siyaasa Oromoo quucarseetti dubbatu. Jechi isaanii kun dhugaa irraa kan fagaate ta'uu baatus, dhugaa sirriin garuu kana hin turre. Akka heeraa fi seerri biyyattii himutti, naannoon tokko birmaddummaa mataa ishee kan qabduu fi mootummaan federaalaa fedhii isheetiin alatti, yokiin immoo bu'uura tumaa heeraa kaa'ameefiin alatti, aangoo heeraa ka dantaa naannoo keessa isa galchu hin qabu. Sirna ADWUI keessatti garuu kun faallaadha. Akkaataa barbaadeen dantaa naannolee keessa seenee borca. Kun garuu naannooleen of tiksuu fi mirga heerri isaaniif kennutti dhimma bahuu, akkasumas of tiksuu dadhabuu isaaniirraa madde. Mootummaan EPRDF naannoolee hunda keessaa akka ajaa'ibaatti bittaa isaa kan irratti galmaan gahate Oromiyaa dha. Kunis ilmi isaa OPDOn Oromiyaa bakka bu'uun abbaa isaa TPLFf amanamaa waan ta'eefidha. Naannoleen biroo takkaafuu uummata isaanii irratti yakkoota badoo dalaganii hin beekan. Sirni biyya kanaa cunqursaa ta'us haga danda'ametti uummatuma isaaniif hojjechaa, dubbataas turan. OPDOn garuu TPLF caalaa Oromoo biratti akka diina innikkaatti ilaalamti.

OPDOn Qabsoo Bilisummaa Oromootiif dhulaandhula dha. Humnaa fi madda aangoo uummatichaa xuuxuun ka beekamtu OPDOn, Oromoon raawwatee akka sabaatti mataa ol qabachuu isaa tasumaa hin barbaaddu. Qabsa'ota Oromoof quuqama qaban gandaa hanga naannootti deemuun, mootummaa abbaa hirreef heeruu laachuun hiisisaa turte. Akk waan Oromiyaan abbaa hin qabneetti, qabeenya uumamaa fi nam-tolchee alagaadhaan saamsisaa turte. Cunqursaa isarra gahe kana akka Oromoon hin dubbanneefis nama, miidiyaa fi sab-qunnamtii mara jalaa ugguraa turte. Hayyoota bifa barruu, kitaabaa fi kkfn waa'ee saba kanaa barreessan akka waan seexana ta'eetti ilaalaa, hari'aa fi ajjeesaa turte. Bittaa, cunqursaa fi gidiraan kun hundi ka irra gaheef, OPDOn diina jalqabaa uummata Oromoo ta'uu isheerran ka ka'edha. Osoo Oromoo fi Oromiyaan mootummaa qabaattee, naannoo walabaa taatee, TPLF haa turuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniiyyuu Oromiyaa keessa galuu hin danda'u ture. Amma garuu warri TPLF tarsiimoo Oromoo cabsuu keessatti ilma hangafaa fi amanamaa ishee caalaatti hojjetu OPDO waan dhalchiteef Oromoo dhiiga dhugdee siyaasaa fi dinagdee Oromoo laaffiste.

OPDOn dhulaandhula siyaasaa fi dinagdee Oromooti. Osoo OPDOn jirtuu Siyaasnii fi Dinagdeen saba kanaa tasumaa bifa barbaadame sana hin qabatu. Siyaasnii fi dinagdeen saba kanaa gabbachuu fi cululuquu ka danda'u, yoo dhulaandhulli kun irraa buqqa'uun ajjeefamedha. OPDO karaa duras maqsuun imala Qabsoo Bilisummaa Oromootti galma gochuu keessaa isa ol'aanaa dha jedheen amana.

Waggoottan digdamaan darbaniif filannoon haqa qabeessi akka hin jiraanne taasisaa, miseensota paartilee morkattootaa hiisisaa fi waajjiraalee dhaabaa hunda cufaa ture. Kana ka godhe TPLF Tigiraayiin jiru osoo hin taane, muurna dhulaandhulaa (OPDO) Oromiyaa maandheffate kanadha.

แดดแตƒแตƒหกแตƒ สธแต‰สณแต’แต’ แดฌแตแตแตƒแตƒโ ˜ Haalli yeroo ammaa guutummaa biyyattii ka waggoottan digdamman darbaniirraa jijjiiramee, haala siyaasaa biraan bakka buufameera. Sirni EPRDF diigamee, sirnichuma keessaa taatonni biroon OPDO fi Amaarri iddoo qabataniiru. Umrii isaa guutuu ergama qaama biroo galmaan gahuu irraa ka haala hin jijjiirranne OPDOn ammas ergamaa sirna durii ka dhaaba qeenxee fi Xoophiyaa durii leellisuuf ergamuu eegalte. Muurna Bilxiginnaa -PP jedhamu; ka sirna qeenxee fi Xoophiyaa warra kaabaa, ka ilmaan Atsee faa akka legacy tti of harkaa qabu hundeessuun OPDOn ammas marroo lammaffaaf Oromoo fi Oromiyaa boossisuu eegalte. Gidiraa uummanni keenya takkaa hin argiin nurratti diriirsuu eegalte. Ka duraanii sun sirna afaanumaan Federaalizimii leellsisu ta'uyyuu, ka ammaa garuu sirna sanaan faallaadha. Ka mootii tokko, aadaa, amantaa fi afaan tokkoof beekamtii kennutti nu ceesiste.

OPDOn ammas haala uummata kanaa waan beektuuf tarsiimoo haaraa diriirsuun sirna cunqursaa caalaattuu hammeessun gaagaโ€™ama biraa dhalchanii jiru.

Qaamni Bilxiginnaa jedhamu kun dhaaba Oromoo ABO sossobee nagaarratti ka waliif galee fakkaatee biyyatti erga galchee booda. Ifatti lola duraaniirra caalu irratti labsee jira. Ka abbaa isaaniirra caalu cunqursaa hamaa dhaabichaa fi deggeraa isaarratti adeemsisaa jira. Ega as dhihootii ammoo abbaa isaanii TPLF waliinuu aangoo seerrachuu irratti wal dhabanii lola walirratti bananii jiru. Lolli kunis waa lama ka of keessaa qabudha. Inni duraa, aangoo yoo ta'u; ka lammataa garuu, yakkoota idil-addunyaa waggoota 27f Oromoo fi Saboota cunqurfamoo Impaayera sana jala turan irratti deemsifamaa ture muurna TPLFtti haqanii darbuufidha. Dhaaba roorroon dhalchitee fi uummata Oromootiin jaalatamu ABO qoqqooduutti gad taa'e. Milkaa'uu dhabee, WBO balleessuuti cehe. Isas dadhabee, deggeraa fi uummata Oromoo hundarratti waraana ifaa fi dhokataa irratti banee Oromoo fi Oromiyaa gooluutti jira.

Muurni Oromiyaa seerrachuuf deemu kun, ittiin qabannoof TPLF abbaasaa irratti lola banee ture. Afaaniin injifadheera jedhee, amma lola walirraa hin cinneen nutti cehee jira. Ega waggaa 3 asiitii Oromiyaa weeraraa fi dhangala'uu dhiigaa jalaa hin baane. Ka nama gaddisiisu ammoo ka TPLF uummata kanarratti hin dhaqqabsiisiin gidiraa addaa fi gara-jabummaa hamaadhaan Oromoo goolaa jiru.

Seenaa darban keessatti, mootii haadha ulfaa ajjeesuu fi maatii guutuu mana waliin gubu arginee hin beeknu. Ka ammaa kun misirroo ajjeese. Ilmaan haadha tokkoo rasaasaan waxale. Elikkoopteraan qabeenya uummataa barbadeesse. Hadhaaf ilmoo abbaa duratti gudeede. Ilmoo ajjeesee haadhaan irra taa'i jedhe. Barattoo summiin fixe. Hidhamaa mana adabaa jiru gad-baasee rasaasaan bobeesse. Heedduudha..

แดณแต˜แตˆแต˜โฟแถ แตƒแตƒโ ˜ Uummannii fi qabsaawonni saba kanaa hundi, murni amma aangootti ol bahe kun ka yeroo kamiirra caalaa hammataadha. Uummata kana walaba baasuuf tarkaanfiin duraa dhaaba ergamtuu-dhulaandhula(OPDO) daandiirraa maqsuu fi dhabamsiisuudha. Kun yoo hin taane ofumaa uummata sossobuu taati. Xoophiyaan Impaayera; malee biyya miti. Impaayera Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuutti xiyyeeffate kana dhabamsiisuuf ammoo kaayyoo fi akeeka ABO jalatti hiriiruu fi dhaabicha tumsuun dirqama. Yeroo yerootti dhaabni kun hojii inni hojjetu tumsuu fi jajjabeessuudha.

Yeroo ammaa kanatti ABOn Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessa Oromiyaa ka jedhu ifatti labsee jira. Kaayyoo fi akeekni isaas, yeroo ammaa kanatti Oromoo fi Oromiyaan waraana bifa hundaa keessummeessaa waan jiruuf, kanarraa miidhaa dhufu dandamachiisuuf kana hundeesse. Oromiyaan caasaa mootummaan alatti ka uummataan jaalatamee imaanaa uummataa baachuu danda'u gandaa haga gubbaatti akka diriirfamu taasisuuf waan danda'u maraan hojiitti seeneera. Uummannis kanuama jajjabeessuun alatti waa biraa ka filannoo qabu miti. ABO jalatti hiriiruutu fala.

Ammatti waa biraa dhiisee hunduu waloon socho'uu fi wal ijaaruun waan yeroon gaafattudha. Miidiyaalee qabnu jajjabeeffachuun, hogganoota hidhamaniif sagalee ta'uu fi uummata sagalee dhabe kanaaf sagalee ta'uudha. Murna waanbadee kana dhabamsiisuuf dursa dhulaandhula Qabsoo Bilisummaa Oromoo ka taate OPDO Oromiyaa keessaa laamshessuu dha.

Galatoomaa!
Injifannoo Uummata Oromoof!

Qilxuu Jiloo 'tiin Mudde 27/2020

Finfinnee, Oromiyaa

Report Page