*/

*/

Source

Maayik Peens tamsaasa kallattiinTV darbaa turerratti talaallii koronaavaayirasii fudhatan. *****

Pirezedantii Ittaanaan Ameerikaa Maayik Peens talaallicha erga fudhatanii booda yaada kennaniin,‘’talaallichi bu’a qabeessaa fi miidhaa kan hin qaqqabsiifnedha’’jedhaniiru.


Itti dabaluun,‘’saffisni inni hojjatameyyuu aja’iiba wal’aansa fayyaati’’ jedhaniiru.
Kana malees,‘’waantin asitti argamneef, talaallirratti amantaa cimsuuf ganama kana asitti argamne’’ jedhan. Peens maanguddoo ganna 61 tamsaasa kallattiin TV darbaa turerratti talaallicha fudhataniiru.

Taalaalli Pfizer/BioNTech kana masaraa Waayit Haawusitti haadha warraan isaanii fi Ogeessi wal’aansa baqaqsaanii wal’aanu waliigalaa Jeramii Aadams bakka argamanitti talaallicha fudhataniiru.


Odeeffannoo dabalataa biroo marsariitii keenya banadhaa.

8 minutes ago · Public · in

Report Page