*/

*/

Source

ጌታችን በስምዖን ቤት እያለ 300 ዲናር የሚያወጣ ሽቱ ይዛ ለመጣችውና ጠርሙሱን ሰብራ ላፈሰሰችው ባለ ሽቱዋ ማርያም ሲመሰክር

"መልካም ሥራ ሠርታልኛለችና ሴቲቱን ለምን ታደክሙአታላችሁ? ...እውነት እላችኋለሁ፥ ይህ ወንጌል በዓለም ሁሉ በማናቸውም ስፍራ በሚሰበክበት እርስዋ ያደረገችው ደግሞ ለእርስዋ መታሰቢያ እንዲሆን ይነገራል" ብሎ ነበር:: (ማቴ 26:10-11)

ለክርስቶስ በአንዲት ምሽት መልካም ሥራ የሠራችን ሴት ሊንቁ የሞከሩትን ሰዎች ክርስቶስ ከገሠፃቸው ሕይወትዋን ሙሉ በመልካም ሥራ የደከመችዋን ቅድስት አርሴማን [St. Hripsime] የማያከብር ምንኛ ተግሣፅ ይገባው ይሆን?

ባለ ሽቱዋ ማርያም በዝሙት ስትሠቃይ ኖራ በመጨረሻ ዕንባዋን ከሽቱ ቀላቅላ ከጌታ እግር ሥር የወደቀች ናት:: ቅድስት አርሴማ ግን በድንግልና ለመኖር ብላ በነገሥታትና ገዢዎች ብዙ መከራን የተቀበለች ውድ ሽቱን ንቃ በክርስቶስ በፍቅሩ መዓዛ ያጌጠች ነበረች:: ክርስቶስ ባለ ሽቱዋ ማርያም ያደረገችው ለእርስዋ መታሰቢያ እንዲሆን በዓለም ሁሉ ይነገራል አለ:: ባለ ሽቱዋ ማርያም ስለ ክርስቶስ ፍቅር የሰበረችው ጠርሙስ ነው ያፈሰሰችው ሽቱ ነው::

ቅድስት አርሴማ ግን የሰበረችው አንገትዋን ነው:: ያፈሰሰችው ደሟን ነው:: ስለዚህ በዓለም ሁሉ ስለ እርስዋ ይነገራል:: አርሴማ አርሴማ አርሴማ

ዲያቆን ሄኖክ ኃይሌ
መስከረም 29 2013 ዓ ም

ለተጨነቀች ነፍስ ዕረፍት የሆነው የእግዚአብሔር ቃል ለሁሉ ይዳረስ ዘንድ :: እኔም ለእናንተ ከሰበክሁ በኁዋላ የተጣልሁ እንዳልሆን ስለ እኔ ዘንድ ጸልዩ! ሌሎች እንዲያነቡትም የሚከተሉት አድራሻዎች Like እና Share ያድርጉ
FB:
Telegram:
Instagram:
Youtube:

Gooftaan keenya utuu Mana Simi'ooniin jiruu, Maariyaam isheen haati Urgooftuu; Waa'ee isheen Qaruuraatti urgooftuu gatiinsaa Meetii 300 baasu fiddee fi cabsitee dhangalaastee yemmuu dubbatetti, "Dubartii kana maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote.

..........Ani dhuguman isiniin jedha, guutummaa biyya lafaatti, idoodhuma Wangeelli itti lallabametti wanti isheen goote immoo yaadannoo isheetiif in dubbatama"Jedhee ture. (Mat.26:10-11)

Dubartii galgala tokkittiitti Kiristoosiif Hojii gaarii hojjette namoota tuffachuuf yaalan Kiristoos erga ifateetii, Qulqulleettii Arseemaa [St.
Hripsime] ishee bara jireenyashee hundumaa hojii gaariif dadhabde kan hin kabajneef immoo ifata akkamiitu ta'aaf laata?

Maariyaam Haati urgooftuttiin Ejjaan gadadootti jiraachaa turtee, dhumarratti imimmaanshee Urgooftuu wajjin walitti maktee, kan miilla Gooftaa jalatti kuftedha.
Qulqulleettiin Arseemaan garuu, durbummaatti jiraachuuf jettee, Moototaafi bulchitoota biratti gidiraa baay'ee kan fudhatte, Urgooftuu Qaali'aa tuffattee urgaa jaalala Kiristoosiin kan faayamte turte.

Kiristoos waan Maariyaam haati urgooftu goote, yaadannoosheef akka ta'utti guutummaa addunyaarratti dubbatama jedhe. Maariyaam haati urgooftuu kan isheen jaalala Kiristoosiif cabsite Qaruuraadha, kan isheen dhangalaaste urgooftuudha. Qulqulleettiin Arseemaan garuu kan isheen cabsite morma isheedha kan isheen dhangalaaste dhiiga isheedha.

Kanaaf waa'een ishee guutummaa addunyaarratti dubbatama. Arseemaa Arseemaa Arseemaa

Dn Heenook Haayilee
Fulbaana 29 B.A.2013

Kan hiike:-dn tamirat gmariyam Sagaleen Waaqayyoo lubbuu dhiphatteef boqonnaa ta'e akka hundumaa bira ga'uuf , anis ergan isin barsiisee booda akkan hin gatamneef anaafis Kadhannaa godhaa!

Warri kaan akka dubbisaniifis teessoo Dn Henok Haile armaan gadii Like fi Share , subscribe godhaa.

FB:
officialHenokhaile/
Telegram:
Instagram:
CBnMF0nnhcQ/?igshid=549jvl607bv4
Youtube:
UCOaVsWC05aUjeqIEW3fWj7g

Report Page