☆☆

☆☆


TOLLI RABBII GUDDAA KUMAA FI KITILA
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Bismillah jedheetan
Dubbii koo eegalaa
Hamtuuf toltuu maraa
Isatu qeebalaa......
Akkaan garaa laafaa
Akkaan mararfataa
Waa hunda osoo arguu
Irra dabarfataa......
Dandeettii isaatin
Kan bishaan itichee
Lubbuu nutti godhee
Uumee nu biqilchee......
Kan samii utubee
Kan dachii diriirsee
Kan halkaniif guyyaa
Wal faana hiriirsee......
Isa gad nuuf roobsee
Dachii jiraachisuu
Sa'aa fi namallee
Asheeta nyaachisuu........
Wa anzala
Minassamaa'i maa'aa
Lagnisaa hin gogu
Halkan guyyaa yaa'aa......
Tottolchee nu uumee
Kan fayyaa nuuf kennee
Baasif xaarii kiyya
Naaf kafalaa hin jennee
Tollli rabbii guddaa
Kumaa fi kitilaa
Laakkaa'amee hin dhumuu
Akkam goona silaa
Osoo diinii qabnuu
Maaf taane jaahilaa.....
Ergamaa nuuf ergee
Diinii nu badhaasee
Kan ifaa nuu kennee
Dukkanaa nu baasee.......
Waa meeqa siif kennee
Waa meeqa siif laatee
Kan salaata diddu
Mee maaluma taatee....
Lakkii yaa dargaggoo
Lakkii yaa shabaabaa
Jireenyi lafarraa
Baay'isee gabaabaa......
Sheyxaanni beekeera
Mannisaa azaabaa
Kanaaf si dhamaasee
Karaarra si dhaabaa
Atis yaa abbaa koo
Atilleen yaa harmee
Dhiifama naaf godhaa
Tasa yoonin sarmee......
Atis yaa shamarree
Isheen obboleettii
Naannoftee dabareen
Hundaa bira geettii....
Hammam yoo cimtellee
Hammam yoo jabaattee
Nama hunda caaltullee
Qabeenyaan fagaattee
Qabeenyaaf jabeenyi
Nama hin oolchu du'aa
As gubbatti dhiisee
Biraa qabrii bu'aa......
Wanti nurraa hin hafne
Kan nu waliin du'uu
Dukkana qabriitis
Kan nu waliin bu'uu......
Dalagaa gaariidha
Kan dur carraaqannee
Osoo lubbuun jirruu
Buruuf ol kaawwannee....

Kanaafuu salaati
Soomii zakaa baasii
Aalif ollaa kankee
Ibaadaadhaaf kaasii....
Yeron ol kaawwadhu
Siinqii guyyaa boruu
Ilmaaf qabeenyi kee
Gaafas siif hin toluu.......
Kuun saayinsii baree
Kuun birriin of tuulaa
Bar akkana hin turree
Sahaaban rasuulaa......

Lubbuu wareeganii
Diiniif laphee baatuu
Nagaaf rahmanni
Irra haa jiraatuu.........
Abubakar, Usmaan
Aliyyiif Umarii
Siraachaw yaamaaraa
Taammaanyoochuu marii.......
Hamzaa fi Kaalid faa
Ye jagnyoochuu jagnaa
Kan seenan dubbatu
Goota meeqa qabnaa.....

Daran dubbachuudhaaf
Anatu wallaalaa
Ilmi abbaan waa hin barin
Wallaaluma dhaalaa
Ka'aa diinii barraa
Diinii baru caalaa.......
Ilmooshee diiniidhan
Yoo hin guddisin haatii
Duudhaaf safuu gattee
Karaarratti yaatii........
Atis haati ilmaa
Yaa haadha intalaa
Atis abbaan ilmaa
Yaa abbaa intalaa
Ilmaan kee diiniidhaan
Guddisuun siif malaa........
Ta'uu baannan garuu
Bu'aansaa kasaaraa
Anaa badu jettee
Sumatu of abaara
Biqiltuu gadhaabuun
Yoo bishaan obaaftee
Itti dalleessitee
Yoo jala akaaftee.......
Daraaree fireessee
Kan firiidhaan kufuu
Ta'uu baannan gogee
Sitti ta'aa gufuu......
Ilmaan kees diiniidhaan
Guddisuun siif malaa
Yookaan alabbahee
Nyaataaf sitti galaa..........
Dubbiin baay'atteefis
Harreetti hin fe'anii
Hayyoonni kaleessaa
Akkas nuun je'anii
Dhiifama naaf godhaa
Xumureera anii.......

#Share
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠
💠 @Islam_firstchannel 💠
💠 @Islam_firstchannel 💠
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠

Report Page