☆☆

☆☆


Gosoota Sadaqaa 17'n.


Yeroo hedduu sadaqaa qabeenya( maallaqa) walitti kuusne keessaa baasnee kennuu jennee yaadna. Haata’u malee sadaqaan maallaqa qofa baasuu miti; mee gosoota sadaqaa kan nu hundinuu hojjatuu dandeenyu 17'n armaan gadii haa ilaalluu.

1.Du'aa'ii

Nama akka du'aa'ii gootuuf si gaafates ta'ee kan si hin gaafatinis yoo tahe, kan du'aa'iin akka godhamuuf barbaaduuf godhu.

2. Ilmii(beekumsa)
Ilmii babaldhisuunis sadaqaadha.

3.Gorsa

Nama umriin siif gadii gorsuu.

4. Fuula Gaarii

Obboleessa kee kan muslimaa, hogguu wal argitu, hogguu wal dubbistu fuula gaariin simachuu.

5.Rakkoo nama baasuu

Namoota harka qalleeyyii deeggaruu, rakkoo namaa furuu.

6. Yeeroo (sa'aa)

Haadhaa fi Abbaaf, jarsi jartiif saa'aa ( yeroo) keennuun Sadaqaadha.

7. Kunuunsa (Tarbiyaa)

Ilmoo ofii haala gaariin kunuunsanii guddisuun sadaqaadha.

8. Yeroo rakkootti obsuu.

Yeroo rakkoon cimaan si muudate obsi, rakkoo kee namatti hin himatin. RABBIIN rakkoo kee siif fura

9. Toltutti nama ajajuu

Hiriyyaa kee kan karaa dogoggoraa irra jiru akka inni gara Rabbii deebi’u gorsuu

10.Hameenya ( badii) dhabsisuu

Nama badii ykn Hameenya raawwatuuf karoorfatee kahe dhabsisuu (akka lubbuu hin balleessine dhoorku)

11. Dubbii laaftuu

Of hin tuulin, hin lolin, Rabbiin oftuultota hin jaalatu.

12. Dhiifama godhuu

Nama Dhiifama akka gootuuf sirraa barbaade dhiifama godhuu

13.Nama kabajuu

Nama Umriin siif olii (manguddoo) fi kan umriin sii gadi tahes kabajuu.

14. Waliif Gammaduu

Gammachuu obboleessa ofiif Gammaduu, Hin Inaafin

15. Dhukkubsataa gaafatuu (Ziyaaruu)

Dhukkubsataa gaafatuun Sunnaa Ergamaa Rabbiitti (ﷺ)

16. Wantoota miidhaa geessisan karaa irraa kaasuu

Wantoota akka dhagaa fi qoree

17.Namoota gara qajeellumaa waamuu, nama karaa dogoggoraa irraa karaa qajeelummaa gorsuu.

Barreeffama kana ofii dubbisuun namoonni birootis akka dubbisan SHARE godhuunis sadaqaadhaa.


Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa

Report Page