ⓎⓈⓂ

ⓎⓈⓂ


ABDII KUTATTEE JIRTAA?
▬▬▬▬▬▬▬▬
⁃ Seenaa Risaa (Joobiraa) kana Dubbisi!
⁃ Ammayyuu Abdiin Jira.

❏ Risaan shimbirroota sanyii isaa keessaa umurii dheeraa jiraachudhaan beekama hanga
waggaa 120 jiraachuu danda'a jedhu qorattootni. Garuu umurii kana bira gahuudhaaf rakkoo fi gidiraa hamtuu keessa darbee achi gaha. Umuriin isaa yeroo shantama/50 gahu Fiixeen huuruu isaa qaramaan sun dadhabaa dhufa, Baalleen isaa ciccimoon sun lallafaanii bararuu dadhabu. Qeensi isaanii qara eeboo fakkaatu ilmoo re'ee lafaa qonxooxee qabu sun ni caccabu.

➨ Egaa risaan filannoo lama qofaa qaba.
➀: Du'a.
➁: Adeemsa Jijjiiramaa Abdii kutachiisaa keessaa bahanii haaromuu.

➨ Adeemsi kun ammoo guyyoota 150 yookiin Ji'a/Baatii 5 itti fudhata adeemsa kana keessatti Risaan gara gaara/Tulluu olka'aatti ol bahee qara huuruu isaa fi baallee/koluu isaa ofirraa caccabsuun jireenya gadadoo fi dhiphinaa
hedduu keessa darba. Nyaata nyaachuu hin danda'u, bararuu/balali'uu hin danda'u, koluu/baallee hin qabu aduu fi
bokkaa dandamachuu hin danda'u......garuu ji'oota muraasa booddee Koluu/baallee haaraa, Huuruu haaraa fi Qeensa haaraa biqilcha/
baasa. Sana booda Risaa balallii isaa cimaa sanatti
deebi'uun waggoota dabalataa 50 ol jiraata.

Jijjiiramni Maaliif Barbaachisee ??
➥ Jiraachudhaaf rakkinaa fi gadadoo keessa jiru
keessaa bahuudhaaf Jijjiramni barbaachisaadha.
Akkasumas yaadannoo badaa/gaarii hin taane kaleessa keessa turre keessaa bahuudhaf barbaachisaa dha.

Yeroo tokko tokko waan
keessa jirru keessaa waan baanu nutti hin fakkaatu. Abdii kutannaa cimaa keessa galla.
Namnis Waaqnis nu hin baasu jennee amana. Garuu ammayyuu Abdiin jira

● Waaqayyo carraa biraa siif kenna. Risaan waggaa 50 itti murtii lubbuu oolchuu fi
jireenya hambisu erga murteessee nuti maaliif
dadhabne??

● Daandii haaraa fi jireenya haaraa fuuldura kee jiru yoo barbaadde ofitti amanamummaa booddeetti si harkise jalaa bahi Waaqayyo si
gargaara.

● Sammuu kee sirriitti bani akka Risaa/Joobiraa balali'uu dandeessa. Yeroo bokkaan roobu simbirroon hunduu godoo isaanitti gaggalu Risaan garuu bantii Waaqatti ol bahee bokkaa roobu gararraa balali'a.

● Rakkoon bokkaa jiru hundumaaf tokko haa tahu malee ilaalchi nuti wantoota itti ilaallee furmaata kenninutu adda adda beekaa.

● Jijjirama hin sodaatin jaalalaan fudhadhu!

Gaaffii:
➥ Akka Risaa balali'uu barbaaddaa ol kaatee??

"Yeroo sadiin barnoota koo koollejjii kufe, Yeroo 30 ol beeksisa hojii ba'e qacarriif iyyannoo galchadhee hundaa kufe, Yeroo dhaabbanni
KFC jedhamu biyya Chaayinaa dhufe namoota 24 hojiif dorgoman keessaa kan otoo hin qacaramin kophaatti hafe ana qofaadha, Humna
waraanaa chaayinaatti poolisii ta'ee qacaramuuf namoota 5 dorgomne keessaa ana qofa
fudhachuu didan. Yuunibarsiitii Harvaardiitti deebi'ee seenudhaaf yeroo 10 ol iyyata
galfadhee yeroo 10 na fudhachuu didan".
— Jack Ma

Jack Maan Hundeessaa fi Abbaa qabeenyaa Marsariitii/Websaayitii beekamaa Chaayinaa www.alibaba.com yoo tahu akka barruun Forbees jedhutti dureessa beekamaa Addunyaa kanaa 22ffaadha qabeenyi isaa doolaara biliyoona 28.8 ture bara 2015ti.

Ijoon dubbii seenaa kanaa:
➨ "Abdii hin kutatin carraa fuuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanu waan taheef
jabaadhu! Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittiin siif hojjechuu didan barta.

➨ Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 99 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifu hin dandeenye 99 bare malee
jedhe.

➨ Atihoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa??
Jabaadhu Waaqayyo si gargaara.


➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

📚 Madda: @Gaggeessummaa

▯▭▬▭🍃🌸🌺🍃▭▬▭▯

⚪🔴⚫⚪🔴⚫
@NASA_2013Bele
⚪🔴⚫⚪🔴⚫

Report Page