*/

*/

Source

Himannaa waraana Itoophiyaarratti Dr Teedroos maal jedhan?

=============================

Erga oduun kun dhagahamee garuu Dr Teedroos wanti kun akka isaan hin ilaallanne tiwiitari isaaniirratti barreessaniiru. Mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF'f amanamoo ta'an gidduutti lolli erga eegalee bubbulus qondaalli Dhaabbata Fayyaa Addnuyaa Dr Teedroos Adhaanom turanii boodarra yaada kennaniiru. Qaamoleen hunduu nagaa buusuu akka qabanii fi deggersa namoomaaf haala mijeessuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Tibba weerarri koronaavaayirasii addunyaa harkaa qabutti, rakkoon waraanaa mudachuun fayyaa hawaasaaf na yaaddessa kan jedhan Dr Teedroos lubbuu ba'aa jiruu fi lammiilee baqaaf saaxilaman wayitan dhagahu baayyeen gadda jedhan.

Daa'ima ta'anii waraana haalaa fi amala walfakkaataa qabu argaa akka turan kan ibsan Dr Teedroos dargaggeessaa ta'ee ammoo miidhaa dhala namaarra sababa waraanaa ga'e, kanan ijaan argerraa ka'uun nageenyi akkaan akka barbaachisu haga humna kootii hojjetaan ture jedhan. Qaamoleen lameenuu waraana qabbaneessuun nageenya buusuu qabu jechuun yaada Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii dhiyeesse akka deggeranis ibsaniiru. Garee tokko qabatee deggera jechuun komiin narratti dhiyaate soba jedhan Dr Teedroos. Gartuun kiyya yoo jiraate daandii nageenyaati, addunyaan martuu fayyaadhaaf nageenya akkasumas ammoo nageenyaaf fayyaa barbaada jedhan.

3 minutes ago · Public · in

Report Page