*/

*/

Source

Virus computer durdur data dhuma keenya ballessee baha. Inni ammahoo?

Inni amma jiru:

1) kaan data keessan encrypt ega godhee qarshii naa kaffali siin jedha. Fakkenya Ransomware. Hattun fagoo taahee data computer keerra jiru gutummatti encrypt godha. File kee yerooti banuf yaaltu hin banamu. Data barbachisa qabda taanan falati qabdu kaffaluu qofadha. Kaffaltiin bitcoin dhaan godhuu qabda. Kanarraa kan kahe hattichi eenyu akka tahe beekun hin dandahamu biyyi isaas hin beekamu. Galiin yakka kanarraa bara Corona kana keeessa qofa hattoonni nama kaffalsiisan biliyoona jahadha akka addunyatti (i.e., lucrative business). Kanarran kan kahe hattonni caalmaan gara kanatti fulleffataa jiru. Isaan data keessan encrypt godhu atimmoo kaffaltee decryption key harkaa fudhatta (maarree kuni business jabaa taheefi jira). Hubadhaa biyyonni fi company addunyan hedduun waggaa sadan darban keessaa gosa hanna akkasiin waxalamaniiru. Garuu hamma kaffalan keessaa kan media dhaaf ifatti gabaase percent 15 qofa, kanaafu isa hafe isinumtuu murteessaa. Biyyi keenya waan kana gabasteen beektu. Garuu media hattootaa (darkweb) irratti maqaan Ethiopia list gara olii keessa jira warra kaffalee decryption bitate keessa. Company kam akka isaan kaffalsiisan garuu hin himamne.

2) Inni lammata computer dhumakee sirkaa fudhata. Jechuunkoo Operating system passpword sirkaa fudhata. Gaafa ati log off goote deebitee bantu baga nagaan dhufte olseenun dandassu naf kaffalte malee siin jedha. Isa kanaafis kaffaltin bitcoin dhaan.
Isin yeroo kana dubbistan password crack godhen jala darba jechuu dandeessu. Garuu bootloader attack waan godhuf isin dogoggortanii yoo cuftan file keessan keessa galtaniittu. Yooma Powerful recovery software fayyadamtan malee.

3) Inni hamaan Hardware dhuma gubuu kan dandahu.
Fakkenya gosi virus Stuxnet jedhamu Iran's nuclear bakka omishtutti meeshaleen akka gubatan taasiseera. Virus kun maal godha yoo jettan meshan electronics kan PLC dhaan dalagu tokko humna ifaa humnaa ol akka itti darbu gochuu dandaha yookan saffissa isa dabaluu dandaha kanarran kan kahe meshaleen DC dhan hojjetan akka gubatu godha. STuxnet maalgodha yoo jettan Centrifuge ittin nuclear reaction uuman saffisan akka ofirra naannahu godha. Kanarran kan kahe sa'ati tokko keessatti centrifugue nuclear plant biyya iran keessa jiru kuma ol gube. Beekaa, jarri wanta meeshaa kana gubaa jiru waggaa olif hin barree (warri Iran jechuukooti). Isan rakko electricity jedhanii Centrifuge haaraa bitaniima jijjiru, dhumarratti Iran oomisha siruma dhaabde. Biyyonni kana hojjetani gara Iran erganis beekamodhuma.

Mataduree biran gaafa biraa deebina.

Report Page