*/

*/

Source

... (Qoosaa gabaabaa)
Durba janajjanaa jirta taanaan akka Boonaa'tti janajjanadhu. Yookaan fb irratti yerookee hin fixiin. Ija mukaa hin nyaanneef malee namni yeroo jalqabaaf qamalee ta'ee uumame Boonaadha! Qamaleen muka irraa mukatti utaalti. Inni garuu muka irraa mukatti utuun taane durba irraa durbatti utaala😀 Hin janajjanaan isa hin ibsu. In gaansaa, in hobobsaa malee. hamma isaa korbeessi re'ee iyyuu waan hobobsu nattin fakkaatu. Text inni shamarraniif amma ammaatti barreesse utuu walitti qabame barreessaa gamtaa dubartootaa utuun taane barreessaa gamtaa Afriikaa ta'uu danda'a ture. Ammas ciisee ishee tokkoof waa barreessaa jira. Baayyeen isaa irra dibaadha. Garuu jala dibaanis hin dhibu. Ani ciiseen waa'ee waraana gidduu kanaa odeessa (Silaa barana oduu nutti buuse😀) Utuman odeessuu misaa'elii irraa akka nu eeguuf mikaa'eliin kadhadha. Utuman ciisuu hatee hateen waan inni barreessu ilaala. "Giiftiikoo guyyaa tokko addeessarra baheen tokkoon tokkoo urjii irratti utuun maqaakee barreesse natti tola!" kan jedhu ture. Maal amma mucaan kun waraqaa lafarra jiru fixee addeessarra bahee urjii irratti maqaashee barreessaa? jedheen ajaa'ibsiifadhe. Utuma achirra bahemmoo urjii ishee asiif achi 'hibilik hibilik...' jettu sanarratti hoo akkamiin barreessa?🙉 Meeqan isaaniif immoo barreessee danda'a? Warri inni wajjin haasa'uu utuu walitti dhufani qofaasaanii march 8 (guyyaa harmoolii) kabajuu danda'u. Nama tokko utuun dabalatiin jechuudha. Sanuu ishee kana qabee gadhiisa. Gadhiisee ammoo ishee sanatti utaala. Utuulee ammoo kan biraa kuffiisaa. Ammas irraa ka'ee kan biraatti.... jaaalalaa 😀

Ibsaan dhaamee ture. Uffata baafannee ciisnee haasofna. Inni text durboota isaaf barreessa. Ani waa'ee misaa'eliin odeessa. Gidduutti 'Gagagag... Gigigiwu... Kawu kawu...' kan jedhu sagalee rifaasisaa dhagahame. Si'a inni itti utaalee ka'ee ibsaa ibse anaaf gaaffiidha. Sanuu qullaa dhaabata. Isa caalaa wannoo isaatu hollata🙈 Dafqasaa ofirraa haqachaa "Nu fixxe baqqaa jarattiin kuni" jedhe. Ani nan kolfe! Akka natti aaruu ta'e fakkaata "Maaltu si kolfisiisa siin, fayyaan qabduu?" naan jedhe. 'Maalan fayyaa qaba? Hantuutan manaa qaba!" jedheen deebiseef. "Maal?" naan jennaan "Tasgabbaa'i hin nahiin. Mee suuta jedhii duubakee waan jiru ilaali" gaafan jedhu ni ilaale. Qodaan ani uffata itti miiccadhu bakka fannifamee jiruu 'Distii' irra bu'ee jira. Distiin ammoo baaldiirra bu'e. Hunduu wal qabatee kufee hunkurameera. Sababa hantuuta kormaa tokkoon mannikoo kaartaaf pilaanii isaa gadhiise. Mana qabaleen diige fakkaate😀

"Tish! maal isheen farristuun kun? Animmoo dhukaasa se'een utaaleem" jedhee deebi'ee ciise. Ani inuman kolfa! Sagalee dhukaasa isa bakkeef isa manakoo adda baaseen beeka. Dhalli namaa garuu akkam du'a sodaattii? Maqaa Yasuusiin🙉 waanuma lubbuu harkatti baannee deemnu fakkeessineem baranoo. Dhaabannee erga duunee hoo turreerra ciisnee du'uu maaf akkas sodaanna? Maal sodaan amma kanaa? Jireenya isa kam dhiisnee duunuuf akkas raafamna? Yoo lafarra turrees 'Tonkolii' malee maal hojjenna? Silaa waliif yaaduun, wal jaallachuun, wal kabajuun dhibeera. Kanuma keessaa ammoo du'a sodaanna. Nabsee hin ! Sodaatteef guyyaa rabbi jedhe hin dabartu. Sodaachuu dhiisteefis guyyicha hin hanqattu. Waan qabduun galateeffadhuu fataa jedhi. Waan dhabde argachuuf carraaqi. Gaarii yaadi. Gaarii hojjedhu. Gaarii dubbadhu. Kanarraa kan hafe miillakee bargaanfadhuu rafi. Yoo feete ammoo fannisii rafiyyu😛

Oromookoo❤
Wakuma Fekadu Feyissa

Sadaasa 7, 2013
Finfinnee/Oromiyaa!

Report Page