.

.


Zimbaabawee keessatti arbi beelaan dhumaa jira
======================================
Hanga ammaatti arbi 200 caalan hanqina nyaataa fi bishaaniin du’aniiru.
Sababni isaa ammoo hongee hamaa biyyattii mudateedha.
Aanga’oonni biyyatti ji’a darbe keessa arbi 55 du’uu ibsanii turan.
Arba 600 paarkii kibba-baha biyyattiitti argamu ‘Save Valley Conservancy’ keessaa baasuun gara paarkiiwwan biyyaalessaa sadiitti raabsaa jiraachuu dubbi himaan bulchiinsa paarkii fi eegumsa bineensota bosonaa biyyattii himan.
Hanqinni nyaataa fi iddoo qubannaa waan mudatee jiruuf hanga roobni dhufutti arbi hedduun du’uu danda’u jedhu aanga’oonni.
Bineensonni bosonaa kanneen akka sattawwaa, leenca, gafarsaa fi warabboos bakka rakkoon mudaterraa godaansifamaa jiraachuu himan qondaalli kun.
Zimbaabween arba 80,000 qabdi jedhama.
Akka qondaaltonni biyyattii jedhanitti iddoon arba dila kana keessummeessu waan hin jirreef biyyattiin gara Chaayinaatti ergaa jirti.
Gochi mootummaa kun garuu warra mirga bineensotaaf quuqamaniin hedduu qeeqamaa jira.

Report Page