.

.


Kana beekta qofa?

♻️♻️ fayya qabeessi awwaanisa gamoojji tokko, soorata hamma ulfaatina isaa jechuunis giraama 2 nyaachuu danda'a, garee awwaannisaa giddu galessa ta'e tokko ammoo soorata Arba 10 ykn soorata gaala 25 ykn soorata namani kuma 25 guyyatti sooratu fixuu danda'a.

♻️♻️Dhaltuun hoomaa awwanisaa gammojji takka hanqaaquu 95-158 hanqaaqu dandeessi.

♻️hoomaan awwanisa gammoojji qilleensaan deeggaramee sa'aa tokkoon km 16-19 guyyatti km 5-130 deemuu danda'a.

♻️kaaree km tokko keessa hoomaan hawwaanisa gammoojjii miliyoona 40-80 jiraachuu danda'u.

♻️ lubbuudhaan ji'a 3 hanga ji'a 5 jiraachuu danda'a.

Dubbiin awwaanisaa kun si yaaddessaa jiraa garuu obbolessa?

♻️ Ani nama magaalaati rakkoon isaa na hin dhaqqabu jennaan dhugaa dogongortee jirta.

♻️ hoomaa awwaanisaa kana yoo dafee iddoma dhalate sanatti walii birmatanii kan hin dhaabnee taanaan, kallattiin ta'uu al kallattiin dhugaa siin jedhaa jiruu nama hundaa rakkisuun isaa hin oolu.

♻️ hundumti keenya nama rakkoon kun isa mudate bira dhaabbachuu qabna keessattuu qonnaan bultoota keenya bira dhaabbachuu qabna.

♻️ Namoonni qaamni isin ilaallattu hundu maal jara qofa hundumti keenyaa kan magaalaas ta'ee kan baaddiyyaa dammaquu qabna wanta nurraa eeggamu godhuu qabna.

♻️maattiwwan keenya baaddiyyaas waan uumamu hin beekamuu osoo midhaan gahee fi gahuuf dhihaate jalaa sassaabdanii filatamaadha.
Namni kuunis osoo akkuma yeroo biqltuu dhaabaa sana Gadi yaanee isaan qarqaarree.

♻️ kanaaf hundi keenyaa waan nurraa eeggamu bahuu qabna.

Maddi:FAO

Report Page