.

.


Akkanaatu Natti Mullata.....!👇

Amata Tokkoofii walakkaa Geenyee Jirra Erga Shufeertichi Makiinaa Teenya Gubbaatti bahee Nuun Oofuu Jalqabee...

Akkuma Namuu Beekhu Gaa Shufertichi Makiinaa Teenya Oofaa Jiru khun Na Malee Namuu makiinaa Oofuu hin beekhu saha, Baqqaa! isa qofaatu Firisiyoona ukkamsee maarshii naquu beekha, isuma qofaatu 'fireechaa' ibsee makiinaa dhaabuu beekha, Isa Qofaatu Kharaa saayinsaawaa teheen makiinaa oofatti of beekha.....

Akki Inni itti if beekhuufii wamti inni hojjachaa ture immoo Wal adda. Khasaaraa Kheysa Nu naqe! Yero yerotti Makiinaa gidaaraan dhaha, Ammaa Amma 'Ispookyoo' fi 'Fireechaa' cabsaa oola
Baqqaa Ofuu hin beekhu, Garuu sirrittin oofaa jira of saha....Abbootiin Makiinaatis 'akkaataan An itti makiinaa oofu khun ni tahaaf ,Na jaalatan' ja'ee yaada.

yeroo hedduuf 'If sirreysi, Gaafii teenya nuuf deebisi, #mootara Makiinaatis kunuunsi...' jannee itti waywaannus Nu dhagahuu dideetuma Makiinaa Gidaaraan dhahaa oola!

shufeertichi Makiinaa Gidaaraan dhahuu bira khuteeti Abbootii Makiinaa Tuffachuu Jalqabe, Inumaa #Mootara Makiinaatis Halkan kheysa Gubuu Hawwus Abbootiin Makiinaa Daftee Irratti dhaqqabdee yaaliin Mootara Gubuu sunis harkaa Fashalaawee Makiinaanis Najaa Baate.( Alhamdulillah!)

Haganaa ol Oobsinee , Shufeerticha Ammaa Amma waa Balleysu Khana Waliin Imaluu hin dandeenyu.
Nutis Abbootiin makiinaa Ji'a Torba Booda Wal dorgommiin amata 5 kheysaa hoggu takka shufeerota Makiinaa Jiddutti gaggeyfamtu waan jirtuuf shufeera nuuf tahu , Khan Makiinaa teenya Ummata Garajaa bira bulchaa hin oolle, khan Hojjatee Galii nuuf galchu, Khan Shufeerronni akka isaa hin tuffanneen Yoo Filannee Makiinaa Gubbatti Baasnee Nuun Oofe hoo...?

Khuni Yaada Khiyya‼️

Report Page