☆☆

☆☆


uti. Sabootni akka sabaatti akka jiraatanii fi Oromiyaan akka biyyaatti akka jiraattuuf kan tumsuudha. Karaan adda addaa kan gara filannoo haqaatti geessu yeroo adda addaatti yaalamus murna aangoo dheereffachuu barbaadu kan biyya kana bulchaa tureen fedhiin waan hin jiraanneef gara tarkaanfii Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaruu kanatti tarkaanfatame. Kun karaa tokkicha gara nagaa fi dimokiraasiitti nu geessu waan ta'eef Lammiileen Oromiyaa hundi qooda irraa fudhatu jennee amanna.

Maayiirratti, Mootummaan Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa bu'uura nagaa fi tasgabbii ta'ee waan argameef haga akeekni kun milkaawee Lammiileen Oromiyaa mootummaa isaanii filatanitti sochiin taasifamu itti fufa.

Injifannoo Uummata Bal'aaf!

Koree Qindeessituu Hiriira Deeggarsaa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa (Sochii 39 Idil-Addunyaa.
(International 39 Movement Support Group) Irraa

Onkoloolessa 9/2020
Finfinnee Oromiyaa.

Report Page