☆☆

☆☆


tuun hawwu jeequu waa n danda'uuf, gaaga'amni siyaasaa kun akka furamu Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn durfamj ijaaruu qofatu karaa filatamaadha.

Haalota rakkisaa fi walxaxaa kana bu'uura godhachuun ABOn Mootummaan Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa akka hundeeffamu yaada fudhatamaa dhiheessse labse sana milkeessuuf akka hojjetus ibse. KFOnis yaada kana deeggaruun ibsa baaseen beeksiseera.

Kanumarraa ka'uun Koreen Qindeessituu hiriira Nagaa Mootummaa Ceehumsaa Biyyooless Oromiyaa Deeggarsa Sochii 39 Idil-Addunyaa (International 39 Movement Support Group) hiriira nagaa deeggarsaa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kanaaf akka taasifamu murteessuun labsinee jira. Hiriira kana milkeessuuf koreen qindeessituu hiriira deeggarsaa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kallattii adda addaan sochiin taasifamee jira.

Biyya mootummaa malee hafuuf deemtuu fi lubbuu dhala namaaf yaaddoo taate kana baraaruudhaaf Mootummaan Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn hoogganu ijaaramuun waan barbaachiseef, hiriirri deeggarsaa kunis sana tumsuudhaaf geggeeffama.

Hiriirri deeggarsa mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kun Onkoloolessa 13/2020 (Onkoloolessa 3/2013) guutuu Oromiyaa keessatti akka geggeeffamu murtaa'eera.

Hiriirri kun haala inni ittiin geggeeffamu qabxiileen murteessoo fi barbaachisoo ta'an dhiyaataniiru.
1. Hiriira nagaa Lammiileen Oromiyaa hundi keessaa qooda fudhatanii fi qindoominaan geggeeffan ta'a.
2. Gartuu deeggaraa sochii 39 Idil-Addunyaan (International 39 Movement Support Group) qophaa'ee Koree Qindeessituu Hiriira nagaa deeggarsaa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin wal hubannaafi qindoominaan kan labsameedha.
3. Hiriira nagaa kana irratti Lammiileen Oromiyaa Mootummaa bara aangoo isaa fixate kanaaf ergaa "amma booda mootummaa ofii ijaarranna; barri bulchiinsa kee xumurameera" kan jedhu ergaa dabarsuufiidhaan kan geggeessuudha.
4. Ammaan booda barri mootummaa aangoorra ture waan dhumateef hanga filannoon walabaa gaggeeffamutti Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaatiin akka bulan mirkaneessuudha.
5. Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ilaalchisuun hiriira gaggeessan keessatti qaama kamiyyuu balaaleffachuu, abaaruu dhiisuudhaan haala heerri biyyattii eyyamu fayyadamnee Mootummaa Ce'umsaa ijaarrachaa waan jirruuf karaa tasgabbii fi naamusa qabuun deeggarsa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaaf qabnu ibsanna.
6. Qaamoleen nageenyaa amma booda mootummaan kallattiin qajeelfama isaaniif kennu kan waan hin jirreef gara Ummata isaanii goruun Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaramu kanaaf tumsa gochuudhaan nageenyaa fi tasgabbiiLammiilee Oromiyaa akka kabachiisan gochuudha.
7. Mootummaan Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kun Lammiilee Oromiyaaf waloodhaan waan ijaaramuuf mirgi Lammiilee Oromiyaa eegamee haala barbaadaniin hiriira deeggarsaa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kanarratti qooda akka fudhatan ni taasisuudha.
8. Hidhamtoota siyaasaa mootummaa aangoorra tureen hidhaman akka hiikamanii fi akkaataa itti isaan simannee isaanillee gahee isaanii mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kana keessatti bahatan ni goona.
9. Dhaadannoolee deeggarsa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa agarsiisan qabannee yeroo baanu haala mirga Lammiilee Oromiyaa hin sarbinee fi isaaniin ofitti hammateen qabachuu qabna.
10. Qabeenyi nama dhuunfaas ta'e kan biyyaa akka hin mancaaneef eegumsa gochuun tasgabbiidhaan hiriira deeggarsaa qofarratti akka xiyyeeffatamu taasifama. Kana booda qabeenyi maqaa mootummaan ture hundi kan biyyaa (Lammiilee Oromiyaa) waan ta'eef eegumsi ni taasifamaaf.
11. Qaamotni hiriira kana morman jiraachuu waan malaniif, isaan waliin walitti bu'insa irraa of qusachuun ofitti qabnee gara deeggarsa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kanatti fiduu akka qabnu irratti hojjetama.
12. Hiriirri kun gaaga'ama siyaasaa furuu fi Lammiilee Oromiyaa baraaruuf waan geggeeffamuuf ilaalcha siyaasaatiin utuu wal hin moggeessiin waloodhaan geggeeffama.

Hiriira kanaa fi ijaarsa Mootummaa Ce'umsaa

Report Page