☆☆

☆☆


Waamicha Hiriira Nagaa Deeggarsa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa Ijaaruuf Taasifamu.

Hiriira Kana Sochii 39 Idil-Addunyaa Jedhuun Moggaafamee Jira.
Onkoloolessa 13/2020.
@Oromia_Media_Netork

Labsiin Kun Beekamtii Caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Koree Qindeessituu Hiriinaa Nagaa Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Cee'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn Labse Deeggaruuf Qophaaheedha.

Akkuma Beekamu Lammiileen Oromiyaa fi Ummatni addunyaas hubatanitti gaaga'ama nageenyaa biyya Itoophiyaa mudateen raafamni siyaasaa guddaan jireenya biyyaa fi Lammiilee biyyattii yaaddoo keessa galee jira. Addatti ammoo Oromiyaan dirree jeequmsaafi lolaa ta'uudhaan yeroorraa gara yerootti rakkoon nageenyaa mudatee lubbuu fi qabeenyi hedduun dhabameera. Dhibdeen siyaasaa fi rakkoon nageenyaa utuu hin furamiin mootummaan aangoo polotikaa qabatee ture bara bulchiinsa isaa fixachuun ammas aangoo isaa dheereffachuuf wayita abbalu (carraaqu) ni argina. Abdiin silaa filannoo haqaafi dimokiraatawaa geggeessanii fedhii Ummattoota biyyattii guutuuf abdatame hoonga'ee sochiin siyaasaa hundi ugguramuun murna seeraan ala aangoo dheereffachuu fedhu qofaan gara dhuunfatamuutti deemamu balaa qaba. Haala kana keessatti hogganootni jaarmiyaalee siyaasaa, qondaalotnii fi miseensotni dhaabota siyaasaa mana hidhaatti guuramuun ijibbaata yaalii gara filannoo haqaatti deemamuuf ture gufachiisee jira.

Yeroon kun yeroo biyyi kun mootummaa seerawaa fi kan heera biyyattii hordofe hin qabneedha. Mootummaan waan hin qabneef jireenyi lammiilee biyyattii yaaddoo guddaa keessa seenee jira.. Ammas kanumatu mul'achuutti jira. Nageenyi Lammiilee Oromiyaa mirkanaawee bilisummaan jiraatee gara filannoo haqaatti deemuudhaan mootummaa mataa ofii kan fedhii Ummattootaan ijaarame filachuuf Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse deeggaruun murteessaa ta'ee argameera.

Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaruun kan barbaachiseef:
- Biyyattiin kun mootummaa waloodhaan bulaa waan hin jirreefi. Kana jechuun heerri biyyattii cabuudhaan murni tokko aangoo seeraan alaa itti fufsiifachuu yeroo barbaadu, kanneen haqaa fi bilisummaa Ummattootaaf qabsaa'an ammoo Ummata waliin hiriiranii jiru. Mootummaan Naannoo Tigiraay of danda'ee mirga hiree murteeffannaa sabaa kabajuun filannoo geggeeffatanii haga mana maree mataa ofii hundeeffachuutti ga'aniiru. Kana malees humna ofii cimsachuun qaamni kamuu dhiibbaa akka irratti hin goone mirkaneessuun miseensota TPLF kan sadarkaa Federaalaatti muudamaanii tajaajilaa turan akka hojii gadhiisanii ba'an ajaja dabarsee jira. Daangaa ofii kabachiifachuun gara biyya walabaa ijaarrachuutti deemaa jiru. Kunis mootummaan waloo akka hin jirre ragaa guddaadha jennee amanna.

- Murni siyaasa gartuu tokko leellisu aangoo siyaasaa Mootummaa Federaalaa dhuunfachuun ilaalcha sabboonummaa dhabamsiisuu fi mirga lammiilee Oromiyaa nagaa jiraachuu sarbuuf hojjetaa ture. Hojjataas jira. Oromiyaan lammiilee hedduu kan of keessatti hammattee jirtuu fi aadaa waliin jireenyaa sabaaf sablammoota hedduu kan qabduudha. Murni maqaa tokkummaatiin aangoo hunda harka galfate kun jireenya Oromoo fi Lammiilee Oromiyaatiif yaaddoodha. Kanaaf, Lammiileen Oromiyaa murna siyaasa gartuu tokko leellisu kanaan dhuunfatamanii jireenyi isaanii akka hin golgoloofne Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse ijaaruun fardii ta'ee argamee jira.

- Diigamiinsi guddaan Oromiyaatti aggaamamee jiru. Daangaan Oromiyaa kallattii adda addaan cabuufi lafti Oromiyaa saamamuun ni mul'ata. Kun baroota dheeraaf geggeeffamaa kan ture haga ammaa xumura utuu hin argatiin daran babal'atee jireenya Lammiilee Oromiyaa yaaddoo keessa galcheera. Cabinsa daangaafi saamaminsa lafaa kana baraaruuf mootummaan Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa waloo ijaaramee nagaa fi tasgabbii qabaachuun murteessaadha. Oromiyaan dirree jeequmsaa fi lolaa yoo taate Lammiilee Oromiyaa keessa jiraatanii fi Ummata Oromoo qofaaf utuu hin taane, sabaaf sablammoota Itoophiyaa dabalatee balaa gaanfa Afrikaa nagaa dhorku maqsuuf dirqama lammummaa guddaa baatee deema. Kana bira darbee nageenya waaraa ardii addunyaa guu

Report Page