☆☆

☆☆


Ibsa xumura yaa'iii idilee 2fffaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiya
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
M.M Islaamummaa N.Oromiyaa hoggantoota sadarkaa naannoo, godinoota fi magaloota waliin ta'uudhaan yaa'ii idilee 2ffaa bara 2013 guyyaa lamaaf magaalaa Finfinneetti geeggeessuun isaa ni yaadatama. Xumura yaa'ii kanaatti ibsa ejjennoo qabxii 10 qabu baaseera. Isaanis kanneen armaan gadiiti:

1. Gabaasa hojii bara 2012 akkasumas karoora fi bajata hojii bara 2013 mana maree ol'aanaatiin dhihaate gamaggamuun sagalee guutuun mirkaneessineerra. Ummanni keenyaa fi qaamni dhimmi ilaalu hundi milkaa’ina karoora hojii keenyaatif tumsa isarraa barbaachisu hunda akka nuuf taasisu yaamicha ni taasisna.

2. Muudama Koree ulamaa’otaa, hayyootaa, dargaggootaa, imaamotaafi daa'iwwan, oodiitiifi inspection Mana marichaatin dhiyaate xiinxaluun sagalee guutuun kan mirkanneessine yoo ta'u galma galiinsa hojii isaaniitiif deeggarsa barbaachisaa ni taasisna.

3. Nuti Muslimoonni waamamni/maqaan keenya "Muslimoota" jedhama. Kanaan alatti maqaa diinni nu qooduuf yeroo adda addaatti nuuf moggaasu hundaayyuu irra deebinee ni balaaleffanna. Muslimoota hundaayyuu osoo ilaalcha isaatiin adda hin qoodin wal qixa tajaajiluuf waadaa ni seenna.

4. Akkuma tokkummaa Islaamaa cimsuutti walii galle, hordoffoota amantii biro, sabaa fi sablammii hunda waliin nageenyaan, jaalalaa fi kabajaan waliin jiraachuu irratti cimsinee ni hojjanna.

5. Kootaan Hooggansaa Mana Maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa kan Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa keessatti qabu qixa sirrii isa madaaluun akka bakka buufamu ni gaafanna.

6. Mareen ala Dhiibbaa majliisni federaalaa aangoo isaatin ala majlisa keenya keessa natu sii beekaan harka naqatu cimsime ni balaalleeffanna. Gocha akkasii irraas akka of qusatu ni gaafanna. Muudamtoota naannichaa fi godinaa kan manni marii sadarkaa sadarkaan jiru mirkaneesse malee namoota waggaa dheeraaf uummata Muslimaa miidhaa tur kan hin fudhanne ta’uu isaa sagalee guutuun mirkaneessineessinee jirra.

7. Filannoon waliigalaa Majlisaa akka geggeeffamuuf akkasumas sanada ulamaa fi dambiin bulmaataa mirkana’ee akka hojiitti jijjiiramuuf ni hojjanna.

8. Waan hunda caalaa Nageenyaaf dursa kenninee ni hojjanna. Mootummaan,dhaabbileen siyaasaa fi hawaasni hundi nageenyaaf dursa kennuun lubbuun namaa akka hin baane, qabeenyi akka hin barbadoofneef cimsanii akka hojjetan dhaamsa ni dabarsina. Nageenya Naannoo keenyaa eeguuf qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin utabaa taanee ni hojjanna.

9. Ajeechaa imaamotaa iddoo gara garaatti raawwachaa ture cimsinee ni balaalleeffanna. Mootummaan qaama yakka kana raawwate qoratee adda baasuun gara seeraatti akka dhiheessu ammallee irra deebinee ni gaafanna.

10. Labsii qaama seerummaa majlisaa fi baankii Islaamaa yeroo dheeraaf gaafatamaa ture mootummaan nuuf hayyamamuu isaa guddisnee galateeffachaa, hijaabni barattoota shamarranii manneen barnootaa tokko tokko keessatti irraa mulqamu hatattamaan akka dhaabbatu ni gaafanna.

M.M. Dh..I. Naannoo Oromiyaa
Finfinnee 2013

Report Page