☆☆

☆☆


SEENAA MUSLIMOOTA ITOOPHIYAA
Kutaa 4ffaa

@Islam_firstchannel

✅ Yeroo kana Amri ibnul Aas akka Islaamni waa'ee Yasuus /lisaa/ hammeenyaan dubbatu Mootichaaf hime. Garuu dubbiin Ja'afar dubbate Mooticha qalbii hawatee ture. Mootichis waa'ee Iisaa /Yasuus/ Qur'aanni maal akka jedhu Ja'afariin gaafate. Ja'afaris Qur'aana keessaa Suuraa Maryam Maariyaam/ dubbisuufii jalqabe. Mootichi qalbii tasgabbooftuu taateen dhaggeeffataa turan. Hanga Imimmaan maddii isaaniirra dhangalaatee Areeda isaanii jiiftutti boo'aa dhageeffatanii xumuran. Sana booda Mootichi akka gaariitti dubbii Ja'afar dhaggeeffatanii xumurraan akka baqattoota kana Namoota ergamanii dhufan kanatti hin kennine murteessan.Itti Aansuudhaan akkas jedhan:-

“kuniifi ergaan lisaan (Yasuus ) fidee dhufe Laga tokkorraa waraabame” jedhan. Itti aansuudhaan ergamoota Qurayshiitiin "deemaa galaa ani Ummata kana dabarsee isinitti hin kennu. Eenyunuu yaada hammeenya baqattoota kanatti hin dhihaanne. Maqaa Rabbiitiinin kakadha Wonni amma Namichi kun dubbise waan Wangeeliikeessatti dubbatamee jiruun hanga huuba kanaa garaagarummaa hin qabu" jechuudhaan Najaashiin dubbatan.

🔷 Akka Baqattoonni kun biyya isaan bulchan keessatti rakkoo tokko malee bilisummaadhaan turuu danda'an hayyama godhaniif. Ergamtoonni Qurayshii kaayyoon jaraa fashallaan gara biyya isaaniitti deebi'an.

✴️ Kiristaanonni Ilaalcha Najaashii kana hubatan walitti qabamani dhufanii Najaashiidhaan “Ati amantii keenya dhiiftee jirta” jechuudhaan ceephuu itti dhiheessan. Achiin booda fincilli jalqabame. Najaashiinis hatattamaan Sahaabotaaf ergaa dabarse. Akka jarri Doonii lamaan adeemsaaf qophii ta’anii taa'an ajaja dabarse. Kana gochuun isaa ummanni fincila kaasan kun yoo isa injifatan godaantonni gara biyya isaaniitti baqachuudhaan akka nagaan jalaa ba'uu danda’aniif ture. akkasumas Mootichi Xalayaa Islaamummaa qeebaluu isaa ibsu barreessee jaratti kenne.

🔶 Sahabonni duula sanirratti waliin hirmaachuuf yaada dhiheessan. Garuu Najaashiin jaraaf hin eeyyamne. Fincila sana fashaleessuuf gara kallattii Laga Abbaayitti bobba'e. Yoo Najaashiin Moohame mootii mirga Amantii jaraaf hin eegnetu dhufa jechuudhaan Sahaabonni akka jabaa yaadaan muddamaa turan. Saniif jecha "eenyutu bakka waraanni itti gaggeeffamu deemee gabaasa dirree lolaa nuuf fida?" jechuurratti wal mariyatan. Namni jara keessaa umriidhaan ijoollee Zubeyr bin Al-Awwaamin qopheessanii dirree lolaatti ergan. Sahaabonni gama isaaniitiin Akka Najaashiin injifannoodhaan galu du'aa'ii gochaa turan. Najaashiin irra aane injifannoodhaan gale.

◾️ Oduu injifannoo san Zubeyr dursee Sahaabotaan gahe. Gammachuu guddaa gammadan. Akkaataa Gammachuu jaraa hoggaa ibsatan akkas jedhu. “Gammachuu akka gaafa sanaa arginee hin beeknu" jechuudhaan dubbatan.

❇️ Sana booda Sahaabonni Amantii jaraa bilisummaadhaan gaggeeffatan. Habashaa Aksuum/ keessatti jireenya jaraa itti fufan. booda Nabiyyiin (s.a.w) gara Madiinaatti godaanuu dhageenyaan dhiira 33 fi dubartii 8 ta'uudhaan Habashaarraa gara Madiinaatti deebi'an. Namoonni akka ibnu Mas'uud faan Madiinatti deebi'uudhaaf Kibxata Bitootessa 13/624/ A.1.H* Hijraa bara 2ffaa gaggeeffaman. kanneen deeman kun Lola Badrii dhaqqabatanii keessatti hirmaatanii jiran.

🔶 Goodaantota Aksuum dhufanii turan keessaa kanneen boodarra Nabiyyii Muhammadiif (a.s.w) Haadha Manaa tahuudhaan milkaa'an Dubartoota lamatu turan. Isaan lameen Ummu Salamaafi Ummu Habiibaa (R.a) jedhaman. Dubartoonni lameen kun Bataskaana Aksum Maariyam (Tsiyon) seenanii daawwatani turan. Akkataa Hadiisa Sahiiha Bukhaarii keessatti galmeeffamee jirutti Dubartoonni lameen yeroo daawwatan sana waan achi keessatti argan gabaasanii jiran. Wontoota Bataskaanattii keessatti argan keessaa Suraalee "Warra cubbuurraa qulqulluu” /Tsaadqaan/ kan jedhaman daawwachuudhaan eega biyya madiinaatti deebi'anii booda fakkiiwwan achi keessatti dawatanii turan Nabi Muhammadiif (s.a.w) gabaasanii jiran. Nabiyyiinis (s.a.w) waan Järarraa odeeffatan kana akkas jedhan: "yeroo Namoonni gaggaariin jidduu jaraatii du'an naannoo bakka jarri itti awwalamanitti Mana itti waa

Report Page