☆☆

☆☆


1️⃣ AYYAANNI IRREECHAA MAALI ❓Irreecha jechuun hikkaan isaa Ibaadaa ykn gabbartii yoo tahu iddoon itti irreeffatamu Haroo


, Malkaa, tulluu, lagatti bahanii rabbiin gabbaran jechuu dha.
Ayyaanni Irreechaa kuni akka hiikkaa isaa irraa hubannutti ayyaana ibaadaa/Gabbartii itti godhan kan rabbiif galata itti galchan ka ittiin isa gabbaran jechuudha.
#Hub Hiikkaa isaa kana qofaa yoo laalle akkaataan islaamummaan rabbiin gabbaruutti nu ajajjeefii ka Irreechaa kuni wal faalleessa.

2⃣ IRREECHA EESSATTI KABAJAMA❓

Iddoon Irreechi itti kabajamu akkuma gubbaatti ibsuuf yaalleetti Haroo, Malkaa, Laga, Tulluu, yoo tahu Iddoon beekkaman amma itti kabajamaa jiru Bishooftuu Hora Aarsadi bakka jedhamutti.
Jal qabni ayyaana kanaa akka jedhamutti Namni Aarsadee jedhamu kan gosa Oromoo liiban hedduu rakkatee osoo waa hin nyaatiin waa hin dhugin haroo amma maqaa isaatiin moggaafamte tana cinaa taa'ee rabbiin kadhatee waan kadhate san argatee jiraate jedhama.
Haalli kuni ummata naannoo sanii dinqisiisee jennaan maanguddoonni ummata walitti qabdee iddoon kuni iddoo kadhannaa iddoo waaqeeffannaa akka ta'u murteessan.

3⃣ IRREECHI AMANTIIMOO AADAA DHA ❓

Irreechi aadaa osoo hin taane amantii tahuu wanti nama wal mormisiisu tokkollee hin jiru.
Ummanni Oromoo amantii gara garaa hordofa Islaama, Kiristaana... warri irreecha kana kabajus amantii addaa qabu Amantiin isaanii #Waaqeeffataa jedhama.
IRREECHI Aadaa dha osoo jeenneeyyuu Aadaan yoo amantiin wal faalleessite Aadaa san hordofuu ykn itti dalagachuu irraa amantiin islaamaa nu dhoorgee jira.

4⃣ IRREECHI AKKAMITTI KABAJAMA ❓

Irreechi kan kabajamu ummata Oromoo amantii waaqeeffataa hordofuun yoo tahu yeroon isaa erga birraan bari'ee booda iddoowwan gubbatti duubbanne sanitti marga jiidhaa harkatti qabatanii bahuun bishaan ofitti facaasuun waaqaaf galata galchuun kabajama.
Aakka waaqeeffattoonni jedhanitti " Ayyaana oromoofii waaqa walitti hidhu kan waaqa waan dabreef isa galatoomfatan kan waan dhufu isa kadhatan " jechuun dubbatu.
Barreessaan kitaabaa #Asaba_Raggaasaa jedhamu tokko kitaaba isaa keessatti " Namni ayyaana Irreechaa kana hin kabajne Mallattoo Oromummaa guddittii san didee jira " jedhee kitaaba isaa keessatti barreesse
Oromummaan dhiiga keenna irreecha kabajjeef dhiisteef siif hin kennamtu sirraa hin mulqamtu.

5⃣ AMANTIIN ISLAAMAA IRREECHA AKKAMITTI LAALA ❓

Nuti muslimtoonni akkaataa Rabbiin keenna (SW) akkasuma Rasuulli keenna (SAW) karaa nuu godhanii ittis nu ajajanitti rabbiif galata galchina rabbiinis kadhanna malee karaa ofii keennaa baafanneenii miti.
Amantiin islaamaa amantii guutuudha amantii hir'inni takka keessa hin jirre #Alhamdulillaah akkaataa kadhannaa akkaataa faarfannaa Qur'aanni kabajamaafii haadisni rasuula keenna (saw) lafa nuuf kaahee jira kan kanaa achii hundi isaatuu #Bid'aadha jallina jallinni ammoo jahannamitti nama geessa.

Namni islaama tahe tokko Irreecha dhaquu irraa fagaatuu qaba of qusatuu qaba Hojiiwwan shirkii hedduun waan keessa jirtuuf jecha.

Sheek Aadam Tuulaa rabbiin isaan haa tiiysuu akkana jedhan " Namni irreecha dhaqee towbatee irra deebi'ee Shahaadaa qabachuu qaba" jedhan.

Sheer godhatii nama hunda biraan gahaa.
Share Share.

Report Page