*/

*/

From

Sammuun dhiphachuu (Stress) MO'ACHUUF:
************************ 1. HAWAASA KEESSA JIRAATTUUF BU'AA BUUSI. Namoota naannoo keetti argaman gargaaruu fi jireenya isaanii jijjiiruun ga'ee ati addunyaa kana keessatti qabdu sitti argisiisa. Jijjiiramuu,

gargaaramuu fi fayyadamuu ollaakeetii, hawaasa keetiif sababa yoontaatu, ofiikeetti gammadda.

2. FAYYUMMAA QAAMA KEETIIF OF EEGGADHU.
Rakkoon sammuu fi miidhamni qaamaa kunneenii yeroo baay'ee walitti hidhata. Kanaaf ispoortii hojjachuu, nyaata sirriitti nyaachuu, muuziqaa jaallattu dhaggeeffachuu fi waliin shubbisuu, haga dandeessetti fayyummaa qaama keetii eeggachuun sammuu kee nagaa taasisa.

3. WAANTOTA SI DHIPHISAN ADDA BAASII BEEKI.
Yeroo tokko tokko akkasumaan utuu dhiphatanii namoonni waan isaan dhiphose garuu adda baasanii hin beekne ni jiru. Wantoota nu dhiphisan kana keessaa garuu gariin isaanii kan dhabamsiisuu (avoid gochuu) dandeenyudha. Kanaaf adda bafaachuun dirqama. Kanneen qaama jireenyaa keenyaa taa'aniifi dhabamsiisuun hin dandahamnes yoo ta'e immoo dursinee itti qophaa'uu fi to'achuun beekuun furmaata.

4. NAMA WALIIN WALITTI DHUFEENYA QABAADHU.
Namni qofaa jiraatuu fi yeroo gammaduuf gaddu nama waliin haasa'u hin qabne carraan rakkoo sammuun dhiphachuu qabaachuu isaa olka'aadha.

5. FEDHIIKEE NAMOOTA MURAASATTI HIMADHU KAN ISAANIIS DHAGGEEFFADHU. Kunis namootni fedhii siin walfakkaataa qaban
akka jiran sitti argisiisuudhaan qaama hawaasaa akka taate sii mirkaneessa. Namoonni akka keetii akka jiran sii mul'isa. Qaama hawaasaa ta'uun ammoo dhiphina sammuu hedduu namarraa ittisa.

6. BOQODHU.
Hammam hojiin yoo sitti baayyate illeenboqochuuf yeroo qabaadhu. Yeroo hirribaa akka salphaatti ilaaltee ofirraa hin hanqisiin. Hirribni gahaan fayyummaa sammuu irratti gahee guddaabqaba.

7. WAAN KEESSA JIRTU SIRRIITTI HUBADHU. Yeroo baay'ee namoonni dogoggora yeroo darbee yaaduufi rakkoo fuulduratti itti dhufutti yaadda'uu malee waan amma kana keessa jiran hin yaadan, hin yaadatanis. Waa'ee guyyaa har'a keessa oollee, waa'ee aduu har'a baatee dhiitee, waa'ee waan harra hojjechaa oollee yoo yaadne miidhama keenya nuuf hir'isa.

8. WAAN HAARAA HOJJACHUU YKN BARUU YAALI.
Yireenya kee keessatti yoo waan haaraa bartu yokaan hojjattu, jireenyi kee irra deddeebii ta'ee sin nuffisiisu. Miirri fiixa ba'umsaa, mo'ichaa, gammachuu fi ofitti amanamummaa waan haaraa baruu keessaan argamu.

9. GARGAARSA GAAFACHUUF DUUBATTI HIN JEDHIIN. Namoonni hedduun gargaarsa gaafachuun mallattoo mo'amuu yokaan kufaatii, dadhabina itti fakkaata. Kun tasumaa dhugaa miti. Kanaaf rakkina kam keessattillee gammachuudhaan gargaarsa gaafachuun mo'amuu osoo hin taane injifachuudha. Rakkoo sammuun dhiphachuu kana illee taanaan gargaarsa gorsaa gaafachuun furmaata guddadha.

*******************


Fayyaan faaya

Report Page