☆☆

☆☆


SEENAA MUSLIMOOTA ITOOPHIYAA

KUTAA 2ffaa

@Islam_firstchannel
@Islam_firstchannel
@Islam_firstchannel

✳️ Godaansa lammafarraa kan deebi'an Soddaan nabiyyii (s.a.w) Usmaan ibnu Affaan Nabiyyiidhaan akkas jedhan "yaa Ergamaa Allaah jalgaba akka nuti gara Najjaashiitti baqannu nuuf himtan. Ammas yeron lammaffaa godaanuuf deemna. Isinis yoo nu waliin godaantan maal ta'a?” jedhee gaafate. Nabiyyiinis (s.a.w) akkas jechuudhaan deebii kennan. “isin gara Allaahafi gara Kiyyatti godaantan. Isiniif (Mindas godaansaa dachaa) lama qabdan” jechuudhaan gammachiisan Usmaanis "yaa Ergamaa Rabbii kun nuuf gahaadha” jechuudhaan deebisan.
Sahaabonni duraan Habashaatti godaananii jiran gara Makkaatti deebi'uun jaraa oduun Qurayishota bira ga'e. achiin booda Godaansa Lammaffaa gara Habashaatti deebi'uun rakkisaa ta’e. Garuu dhoksaadhaan achi keessaa bahan. godaansa lammaffaa kana dhiira Nama 83 fi Dubartoota 18 (11 Qurayshota, 7 Namoota biraati) tahuudhaan gara Habashaatti deebi'an.17Nagaadhaan Habashaa seenan. Mirga bilisummaa Amantii kan biyya isaanii keessatti sarbaman Bulchiinsa Mooticha Habashaa As-Haamaa (Najaashii) jalatti badhaadhan. Maqaan Mootii Al-Najaashii “ As-hamaa bin Abjar” kan jedhamu yoo ta'u yeroo Mootummaa gabatu Maqaan ittin beekamu "Najaashii” jedhamuudhaan te maqaa “Najaashii” jedhu kana Araboonni yeroo ibsan qubee Afaa Arabaa keessatti sagaleen “G” kennu waan hin jirreef " bakka buusudhaan fayyadamanii “Najaashii” jechuudhaan waan Moggaasni "Najaashii” jedhu kun Maqaa Mootummaa Habasha Namni Habashaa keessatti Mootummaa qabate hundi Najjashii jedhamuudhaan waamama.

✳️ Waa'ee kana irrattii barreessaan see heekamaan Ibnu Khalduun Kitaaba isaa "Taarikh Ibnu Khalduu jedhamu keessatti “Najaashii jechuun Afaan Habashaatin"Nagaash (Angaash), jechuu yoo ta'u Araboonni garuu 'Najaashii, jechuudhaan fayyadamu” jedhee ibsee jira."

✳️ Sahaabonni Nabi Muhammad (s.a.w) waan Biyya Habashaa keessatti jara mudate akkas jechuudhan ragaa bahanii jiran.
Habashaa seenne.

"Ollaa gaggaarii arganne. Sababa Amantii keenyaatiin dhiibbaan nurra gahe tokkollee hin jiru. Nagaadhaan Rabbiin gabbaruu jalqabne. Miidhaafi gidiraan tokkollee nu hin mudanne. Waan jibbinuufi waan sodaannu tokkollee hin dhageenye.

◾️Muslimoonni biyya Habashaa Mootummaa Najaashii (As-hama) kana bira nageenyaafi gammachuu argatanii bilisummaadhaan jiraachuun isaanii Mootowwan Qurayshota Makkaa Ibidda hinaaffaa jaratti qabsiisee hirriba dhorke. Kanaaf jecha Namoota lama kan Mootii Habashaatiin wal beekan, kan duraan hariiroo daldalaa waliin qabaachaa turan waliin ergamoota ramadanii Habashaatti erguudhaaf qopheessan. Abdallaah bin Abii Rabii'aafi Amri bin Al-Aas ergamanii karaa bu'an. Gumaata Harka qabaa Mootiidhaaf guduunfatanii Habashaa seenan. Imaltoonni kun akkuma Habashaa seenaaniin jalqaba Mootii Najaashii biratti ol hin seenne. jalqaba Namoota Mootii Najaashiirratti dhibbaa gochuu ni danda'an jedhaman Qeesota gurguddaan wolquunnamanii gumaata jaraaf qoqqoodan. Haajaa waan deemaniif dhimma jara mudatee jiru jara Qeesotaa kana keessa dubbii hubachiisan. Qeesonnis dubbii kanarratti jara deeggaruudhaan cinaa dhaabbatan. Amri bin Al-Aas Hoggaa fuula Najaashiitti dhihaate akkas jechuudhaan himannaa dhiheeffate.
Yaa Mooti! Ummata keenyarraa Namoonni wahii Ijoolleen gowwaan dhamaahun Biyya keessan kana seenaanii asitli argamu. Jarri kun Amantil Ummata islaamaa balfanii mormuudhaan duyida itti galanii jiran, erga isin bira dhufanii as Gara Amantil keessaniitis hin seenne Amantii addaa kan nutis isinis hin beeyine bakka hin beekamnerraa fidanii qabatanii jiran. Nuyi Ummata isaanii, Hooggantoota gurguddaa biyyaa' Abboolii jaraa fi Abbeerowwan jaraatiifi firoottan isaanii' waa'ee ilmaan jaraatiif isin biratti mu ergannaan dhufne. Kanaafu akku isin Namoota kana gara biyya isaaniitli nuu deebiftani kabajaadhaan isin gaafanna. Warri nu ergatan (hoggantoonni keenya) Hayyoota duree biyyaati, ijoolle as jiran caalaa Ummata beekumsa qaban. Daba ijoolleen kun biyya ofiirratti hojjattee maqaa Jaraa balleessitee dhuftes jaratu akka gaariitti beeka. Kanaafuu Ilmaan isaanii adaba j

Report Page