☆☆

☆☆


SEENAA MUSLIIMOTA ITOOPHIYAA

■ kutaa 1ffaa

@Islam_firstchannel
@Islam_firstchannel

BOQONNAA 1ffaa
■Wolitti dhufeenya Islaamaa fi ltoophiyaa
☆Godaansa gara Habashaatti godhame
☆ Najjaashiin Islaamummaatti amanee Namootas amansiise
☆ Abreheet dubartii Habashaa keessaa jalqaba Islaamofte
☆ "Najjaashiin hin Islaamofne" warri jedhan ragaa maal qaban?


■ Wolitti dhufeenya Islaamaa fi Itoophiyaa

✳️ Hariiroon Itoophiyaafi Islaama jidduutti kan jalqabame Amantiin Islaamaa osoo biyya tokkollee hin seenin dursuudhaan biyya keenyaan walitti hidhamee jira. Islaamni kabajamtuu Magaalaa Makkah keessaa ka’uudhaan osoo biyya Madiinaallee hin seenin dura biyya Itoophiyaa seenuu akka danda'e galmewwan seenaa baay'inaan mirkaneessanii jiran. Sababni kun tahuu danda'eef Namoonni Makkaan keessatti bilisummaa dhabuudhaan Rabbii Isaanii gabbaruuf mirga amantii sarbamnaan Nabiyyiin (s.a.w) hordoftoota isaanii akka gara Habashaa /Aksum/tti godaanan gorsanii erguudhaan ture. Nabiyyii Muhammad (a.s.w) A.L.A bara 610 eega sadarkaa Nabiyyummaa muudamanirraa Eegalanii Ummata Makkah gara Islaamaatti waamicha gochuu jalqaban. Qureyshonni Makkah waamicha gara Tokkichummaa Rabbiitti godhamu kana gonkumaa dhagahuu waan hin barbaanneef tarkaanfii miidhaa adda addaa Muslimootarratti fudhachuu jalqaban. Gochi suukanneessaan Ummata amanerratti raawatame. Miidhaan gosa gosaan gara jabeenyaan jararratti wal jirjiire. Gidiraan hangana hin jedhamne jara irratti hammaachaa deeme. Akka Muslimoonni Amantii ofii gadi dhiisanii akkuma jaraatti Siidaa gabbaran gochuudhaaf qoqqobbiin, roorroofi gidiraan adda addaa jararratti wal gahe.

■ Godaansa gara Habashaatti godhame

~Nabiyyiin (s.a.w)* Miidhaa hordoftoota isaaniirratti raawwatamu kana jararraa ittisuu akka hin dandeenye waan beekaniif akka jarri gara biyya Habashaatti godaanan gorsa kennaniif. Akkana jechuudhaan dhaamaniif...
"gara Habashaatti baqadhaa. biyyattii sana keessa Mootii tokkotu jira. Isa biratti eenyulleen hin miidhamu. (Kanaafuu achitti baqadha!) hanga Rabbiin haala itti jirtan kana keessaa isin baasee injifannoo gonfannutti”

🔷 Haala kanaan ajaja Nabiyyii (s.a.w) isaanii fudhatanii bara shanaffaa Nabiyyummaa Muudamanitti baatii Rajab, A.LA* bara 615 godaansa yeroo jalqabaatiif gara Habashaatti godaanan. Godaantonni jalqabaa kun Namoota kudha lama turan. Maallaqa Doonii mataa Nama tokkootiif walakkaa Diinaaraa kaffaluudhaan gara Habashaa deeman. Godaantota kanneen keessa Intala Nabi Muhammad (s.a.w) Ruqiyyaa binti Muhammadiifi Abbaa manaa isii (kan boodarra Khaliifaa 3ffaa tahan) Usmaan bin Affaan keessatti argamu.Habashaa seenanii jiraachuu eegalan. baatii lama Sha'abaanaafi Ramadaana nagaa argatanii Habashaa keessa jiraatan.Boodarra oduun dogoggoraa tokko dhufee jara dhaqqabe. Baatii Ramadaanaa keessa “Mushrikoonni Makkah Islaamummaa qeebalanii Nabiyyii waliin Sagadani” jechuun odeeffamnaan dhaga'an. Sababa kanaan koolu galtoonni hundinuu baatii Shawwaal keessa Habashaa keessaa gara Makkah deebi'an. Garuu dubbiin jarri dhagahan akka dogoggora ta'e achi gahanii hubatan. dhugaan jiru kan dur caalaatti roorrooni fi gidiraan Muslimootarratti hammaachaa deemuusaa osoo ganda hin seenne dhaga'anii mirkaneeffatan. Sana booda Magaalaa Makkah seenuu hin qabnu woliin jedhan. Jara keessaa Abdallaah bin Mas'uudiifi Sahaabonni hangi tokko Magaalaa Makkah seenan. Godaansa jalqabaarraa kan deebi'an Soddaan Nabiyyii (s.a.w) Usmaan Ibnu Affaan....


Inshaa'allaah kutaan 2ffaan itti fufa.

Report Page